Shawaa Lixaatti omisha ruuziirraa callaa kuntaala miliyoona 1.3 argachuuf karoorfame

Finfinnee: Bara Omishaa 2016/17 Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 31fi 786 sanyii ruuziitiin uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 1.3 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise.

Waajjirichatti Dursaan Garee Misooma Midhaaniifi Eegumsa Biqiltuu Obbo Dajanee Gammachuu Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hojiin misooma ruuzii akka biyyaattis ta’ee akka naannootti hojii yeroo dhiyoo as jalqabame ta’uus lafti omisha ruuziif oolu akkuma dabalamaa jiruun omishaafi omishtummaansaas yeroo gara yerootti dabalaa jira.

Bara omishichaa keessa aanaalee godinichi qabu 24 keessaa aanaaleen 14 potenshaala omisha ruuzii omishuuf ta’u qabaachuusaanii kan adda baafaman ta’us sababa hanqina sanyiifi sababoota biroorraa kan ka’e aanaalee saddeet keessatti hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bara omishaa 2015/2016 lafa hektaara kuma 14fi 487 irraa ruuziin kuntaala kuma 433 kan argame ta’uu yaadachiisanii; omishni 2016/2017 hangi lafa irratti omishameefi callaa eegamu kan bara darbeen yommuu wal bira qabamu dachaa lamaan kan caalu ta’uu ibsaniiru.

Qaamota omishicharratti bobba’aniif deeggarsa barbaachisaa kennuuf kilaastaraan akka omishaniif xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa kan jiru ta’uu himanii; lafa sanyiin uwwifame kana keessaa lafti hektaarri kuma 19 ol ta’u kilaastaraan kan misoomedha jedhaniiru.

Ammaan tana hojiin kunuunsas marsaa sadiin hojjetamee xumuramaa jira jedhanii, omishtummaan aramaadhaan akka hin hir’anneef keemikaalli farra aramaa gahaan dhiyaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Godinichatti omisha ruuziirratti qonnaan bulaan muxannoo waan hin qabneef deeggarsi leenjiifi tekniikaas ogeessota Biiroo Qonnaa Oromiyaa dabalatee kanneen sadarkaa sadarkaadhaan jiraniin taasifamaa jira.

Naannawaa olka’iinsa lafaa, irra galaanaarraa meetira 2000 ol ta’e omisha ruuziitiif hin mijatu waan ta’eef naannawaa olka’iinsa guddaa qabanitti sanyiin ruuzii osoo hinmargin hafuunifi hanqinni sanyii hudhaalee omishichaa ta’uu himanii; qonnaan bulaan omisha barana omishe akka olkaa’u gochuufi intarpiraayizii sanyii filatamaa waliin hojjechuun bara omishaa dhufu aanaalee potenshaala qaban hundatti omishuuf kallattiin kan kaa’ame ta’uu Obbo Dajaneen ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

 

 

 

Recommended For You