“Nuti, Itoophiyaanonni yoo ida’amne akkuma damaraa cimneefi ifnee mul’anna”-Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Ministirri Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmad ergaa Ayyaana Masqalaa sababeeffachuun dheengadda dabarsaniin “Ijoollee keenyatti hiika amantaafi aadaa damaraa agarsiisuutti  dabalee, nuti Itoophiyaanonni yoo ida’amne akka damaraa cimneefi ifnee mul’anna” jedhan.

Damaraan nama qabsoof abdii hinkutanneefi hanga dhumaatti cichoomeef guyyaa tokko mul’annisaa akka dhugoomuuf mallattoo ta’uus ibsanii, Masqalli tokkummaa sabdaneessummaa daandii lamaan kan ibsuudha jechuun eeraniiru.

Damaraan mukarraa gara xomboraatti, xomborri ammoo gara damaraatti karaan ittiin guddatu hammam humna akka qabu kan argisiisuudhas jedhan. Masqalli daandiilee garagaraatiin, aadaafi sirna kabajaan sabaafi sabalammootaan kan kabajamuudha jedhan.

Ayyaanonni akkanaa kan amantaa qofa akka hintaane calaqqee tokkummaa sabdaneessaati jedhanii, ciminaafi humna ida’amuu keessa jiru kan argisiisan mallattoowwan dhaloota dhaabaman ta’uu himaniiru.

Hundi keenya sona, aadaa, duudhaalee, dandeettii, kennaawwan, qabeenyaa, afaanota, seenaawwaniifi kanneen biroon walitti ida’amuun Itoophiyaa guddoo, badhaateefi kabajamte taasisuu akka danda’an yaaduu qabna jedhaniiru.

Itoophyaan ida’ama kanneen hundaafi ida’amichaan ol akka taate yaaduu akka qabnu ibsanii, ijoollee keenyatti hiika amantaafi aadaa damaraan qabutti agarsiisuutti dabalataan “Nuti Itoophiyaanonni yoo ida’amne akka damaraa cimoo taana, akkuma daamaraa ifnee mul’anna” jechuun dubbataniiru.

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

Recommended For You