Naannoo Affaaritti calalliin ajandaa marii biyaalessaa Fulbaana 21-27tti gaggeeffama

Finfinnee: Nannoo Affaaritti calalliin ajandaa marii biyyaalessaa Fulbaana 21-27 bara 2017tti akka gaggeeffamu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Komishinichatti ogeessa olaanaa hordoffiifi madaallii karooraa Obbo Gizaachoo Maaruu Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qophii marii biyyaalessaaf calallii ajandaa naannoo Affaar Fulbaana 21-27tti gaggeessuuf qophiin taasifamaa jira. Kana milkeessuuf leenjiin leenjistootaa Fulbaana 9-11, leenjiin mijeessitoota haalaa (‘moderators’) Fulbaana 13-15 gaggeeffamuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, mariin calallii ajandaa sadarkaa naannootti gaggeeffamu boqonnaa garagaraattii qoodamee gaggeeffama. Kutaa inni jalqabaa marii Fulbaana 21-23tti gaggeeffamu ta’uu himanii; marii jalqabaa kana keessatti hirmaattota qaamolee hawaasaa sagalirraa bobba’an anaalee 49 irraa hirmaattotni 880 hirmaatu jedhan. Hirmaattoti kunneen garee xixiqqaatti qoodamuudhaan afaan naannichaatiin ajandaalee marii biyyaalessaaf galtee ta’a jedhan irratti mari’atu.

Qaamolee mootummaa sadan, siivil sarviisii naannoo, waldaaleefi dhaabbilee 16, paartilee siyaasaafi namoota dhiibbaa gaarii uuman dabalatee qoodafudhattooti Fulbaana 25-27tti kan mari’atan ta’uu ibsaniiru.

Qaamoleen kunneen boqonnaa marii kaa’ameefiin ajandaa isaaniirratti mari’achuudhaan kan waloo taasisuun ajandaafi hirmaattota naannichaa bakka bu’anii marii biyyaalessaa irratti dhiyaatan filuun Komishinii Marii Biyyaalessaatti kennu. Komishinichis aangoo labsiin kennameef bu’uura godhachuudhaan walitti qabee ajandaalee naannolee biraatii walittiqabaman waliin qindeessuun kan dursa laatamuuf dursa kennuudhaan marii biyyaalessaa waliigalaaf dhiyyeessa jedhan.

Adeemsa kana keessatti qamolee hawaasaa sagaliifi qooda fudhattootaan hirmaachisuudhaan marichi hirmaachisaafi hunda hammataa akka taasisu ibsaniiru. Haala qilleensaa nannichaafi haala jireenya ummataa ilaalcha keessa galchuudhaan galmoota marii bal’aafi ventileeterii qabu sadii adda ba’ee qophaa’ee jira.

Dabalataaniis aanaaleerraa namootni deeggarsa kennan ogeessotni komishinichaa gara kana utuu hindhufin odeeffannoon marii biyyaalessaa namoota hirmaatan akka qaqqabu ta’eera. Odeeffannoo saffisaan dabarsuuf mala odeeffannoo naanichatti ittiindarbu, Daaguu akka fayyadaman ibsaniiru.

Baay’een hawaasa naannichaa horsiifatee bulaa waan ta’aniif rakkoo hanqina geejibaa jiru furuuf qaamolee hawaasaafi waldaalee barsiisotaa akkasumas, paartiilee siyaasaa waliin ta’uun filannoon geejjibaa akka dhiyaatuuf taasifameera. Ittaansuudhaan

hawaasni naannichaa dammaqinaan akka hirmaataniif miidiyaalee garagaraa fayyadamuudhaan odeeffannoon akka qaqqabuuf hojiin beeksisuu hanga mariin eegalutti kan gaggeeffamu ta’uu himanii; mariin akka biyyaatti gaggeeffamu rakkoo biyya kanaa furuun gara nagaatti fida jedhamee amantaa guddaan hojjetamaa waan jiruuf hawaasni naannichaa dammaqinaan akka hirmaatu jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

 

Recommended For You