Ji’oota lamaan darbanitti miseensotni Shanee 728 ol mootummaatti harka kennatan

Finfinnee: Ji’oota lamaan darbanitti tarkaanfii qindaa’aa ummataafi qaamolee nageenyaatiin Shaneerratti fudhatameen miseensonni Shanee 728 ol mootummaatti harka kennachuu godinaaleen Shawwaa Lixaafi Wallagaa Lixaa beeksisan.

Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, tarkaanfii uummataafi qaamolee nageenyaa godinichaa waliin ta’uun fudhataniin miseensonni Shanee hidhannoo guutuu waliin mootummaatti harka kennachaa jiru. Gochi farrummaa murna kanaa godinichatti dadhabaa waan jiruuf sochiin misoomaa gama hundaan fooyya’aa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, dargaggooti dogoggoraan Shaneetti makaman yeroo ammaa gochoota saamichaafi ajjeechaa murnichaan ummatarratti raawwatame hubachuudhaan bittinnaa’aa jiru. Bakka murni kun mandheeffate qaamolee nageenyaatti eeruu kennuufi nyaata dhorkachuun hirmaannaan ummatni taasise barbaadaa’uu murna kanaaf shoora olaanaa taphateera.

Warri harka kennatan ummata dhiifama gaafatanii hawaasatti akka makamaniif haaromsi mootummaa naannootiin kennamaa jiraachuu himanii; kanneen hojii mootummaa keessa turan gara hojii mootummaatti akka deebi’an taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanneen hojii hinqabne carraan hojii akka uumamuuf taasifamaa jiraachuu himanii; bu’aa tarkaanfii fudhatameen yeroo ammaa ummatni godinichaa nagaan ba’ee hojii isaa hojjetee galuu eegaleera.

Waajjiraalee bulchiinsa gandaa, manneen barnootaa diigamanii ummatni deebisee ijaaruun tajaajila akka kennan taasisuudhaan fuulasaa gara misoomaatti deebisaa jira. Bu’aa argamaa jiru fashaleessuuf murnichi bakka jiruu walsassaabee badii biraatiif ba’uuf wixxirfachaa jiraachuu eeranii; ummatni bu’aa nageenyaafi tasgabbii argate irraa ka’uun deeggarsi tarkaanfii fudhatamaa jiruu cimsee akka ittifufu waamicha dhiyeessaniiru.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Solomoon Taammiruu gamasaaniin ji’oota lamaan darbanitti tarkaanfii Shaneerratti fudhatameen miseensotni Shanee 130 ol irratti takaanfiin fudhatameera. Yeroo ammaa kana murni Shanee bittinaa’uudhaan 100 ol kan ta’an mootummaatti harka kennataniiru. Sababuma kanaan walitti garagalanii walfixaa jiraachuu himanii; kanneen harka kennatan ammoo dhiifama gaafatanii hawaasatti makamuuf leenjii haaromsaa fudhachaa jiru jedhaniiru.

Tarkaanfii fudhatameen nagaafi tasgabbiin godinichatti dabalaa jira. Hojiileen misoomaa akka karoora taa’een raawwatamaa jiran keessaa inisheetiiwwan qonnaa mootummaan akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Hojiin baruufi barsiisuu gandoota godinichi qabu hundumaa keessatti galmeen barattootaa geggeffamuu himanii; barattoota kuma 500 ol galmeessuuf karoorfame keessa dhibbantaa 80 ol ta’an barumsa eegalaniiru.

Galii miliyoona 500 ol sassabamuu, kenna tajaajilaan barattoota kuma 167f meshaalee barnootaa guutamee mana barumsaa akka gala ta’eera. Hojiiwwan misoomaa kunneen kan raawwataman bu’aa nageenyaa godinichatti galmaa’aa jiruun ta’uu himanii; murni Shaneedhaa guttummaa guutuutti godinicha keessaa hanga duguugamee ba’utti ummatni tarkaanfii fudhatamaa jiru akka deggeru waamicha dhiyeessaniiru.

Rippoorata Gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

 

Recommended For You