“Gurmaa’insi caasaa haaraa gandootaa kan hawaasarratti ijaarame osoo hintaane ummataaf ijaarame” – Shiimallis Abdiisaa,PMNO

Jijjiirama hunda galeessa gama sochii hawaas-dinagdeefi siyaasaan argamsiisuuf caaseffamni gandaa qindaa’aan jiraachuun murteessaadha. Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo Dargiin haala aangootti dhufe bara 1967 caasaan gandaa bifa amma jiru kanaan ijaarame.

Akka Oromiyaattis yeroo adda addaatti godina, aanaafi gandi haaraan hundaa’aa turanis guddina dinagdeefi siyaasaa yeroo ammaa biyyi keenya irra geessee jirtuun haalli tajaajila kennamu ga’umsa waan hin qabneef gurmaa’insi caasaa gandaa haaraan hojjetamuun hojiirra akka oolu ta’ee jira. Yeroo ammaas aanaalee Oromiyaa hunda keessatti gurmaa’insa caasaa gandaa haaraan ramaddiin hoggansaaf kennamuun hojiitti galamaa jira.

Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Lumeefi Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Alaltuufi Qimbibiititti imaluun haala gurmaa’insi caasaa gandaa irra jiru Piresidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaafi hoggantootni naannichaa biroon daawwataniiru.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaa haasaa Pirezidaantiintaasisaniin hayyoonni hoggansaan gandatti gadi bu’anii hawaasa tajaajiluuf kutannoon jiru kan nama  gammachiisu ta’uu ibsanii, manni maree Yuubaa hundaa’es gorsaafi muuxannoo qaban qooduun gurmaa’insa kana cimsuuf hojjechuu qabu jedhan. Bakka hundattis yeroo gabaabaa keessatti hojiin gurmaa’insa gandaan hojjetamaa jiru abdii namatti hora jedhan.

Mootummaan gandaa hundaa’es carraafi rakkoowwan naannoo isaa jiru adda baasuun irratti hojjechuu akka qabus himaniiru. Madaalliin hoggansa gandaa inni guddaan galii uummataa guddisuun badhaadhina maatii mirkaneessuudha jedhan.

Ganda hundaa keessatti hojii misoomaa,fayyaa, qonnaa, barnootaafi dhimmoota hunda irrattis cimee hojjetamuu qabas jedhan. Wiirtuun waa hundaa ganda. Kanaaf, sirna cimaa ijaaruuf gandoota cimsuun murteessaa ta’uus himaniiru. Gandi 7200 hundaa’uus eeraniiru. Tajaajilli hundis ammaan booda ganda irratti kennama jedhan.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa baroota darban milkaa’ina galmeessine cimsuuf pooteenshaala qabnu fayyadamuun

yeroo itti aanu hojjechuu qabdu jedhan. Jalqabbiin jiru gaarii ta’uu ibsuun cimee itti fufuu akka qabus yaadachiisaniiru. Hawaasnis hayyoota hoggansaan isaan bira dhufe simachuun karoora isaanii tumsuun wajjin hojjechuu qabdu jedhan. Sadarkaa biyyaattis Oromiyaan ijaarsa caasaa gandaa haaraa ijaaruun seenaa addaa hojjetee jiraachuus himaniiru.

Hoggansa kuma 50 gara gandaatti gadi buusuun akka uummata tajaajilu taasisuus dubbataniiru. Qe’ee qonnaan bulaa hunda keessatti jijjiiramni qabatamaan dhufuu akka qabuufi Inisheetiiviiwwan bocaman sirnaan fayyadamuun oomishuu qabdus jedhan. Duubatti hafummaafi hiyyummaa keessaa ba’uun badhaadhina maatii mirkaneessuuf hawaasaafi hoggansi qindoominaan hojjechuu akka qabanis dhaamaniiru.

Hoggantoonni hojiin gandichatti ramadamaniis badhaadhina maatii mirkaneessuuf cimanii kan hojjetan ta’uu yoo himan, hawaasni immoo tajaajila hunda naannoo isaaniitti akka argataniif gandi bifa haaraan gurmaa’uu isaatti gammachuu akka qaban dubbataniiru.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

Recommended For You