Biyyoonni miseensa garee 7 damee qonna Itoophiyaarratti Invastii akka godhan gaafatame

Biyyoonni miseensa garee 7 damee Qonnaa Itoophiyaarratti Invastii akka godhan waamichi taasiifameera.

Itoophiyaan waltajjii misooma Qonnaa biyyoota miseensa garee 7 Xaaliyaanii Siiraakuusitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Ministirri Ministeera Qonnaa Doktar Girmaa Amanteen misooma Qonnaa Itiyoophiyaa ilaalchisee waltajjirratti muuxannoo qooduu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Itoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qamadii dabalatee oomishaalee qonnaa biroon bu’aa gaarii galmeessuu ibsaniiru. Bu’aa caaluuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Biyyoonni miseensa garee 7 haala mijataa biyyattiin qabdu fayyadamuun hojii misooma qonnaa Itoophiyaarratti akka bobbo’an gaafataniiru.

 BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

Recommended For You