Torbeen Turizimii Fulbaana 21-23/2017 Adeemsifama

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa dinagdee damdaneessaa uumuun galma imala badhaadhinaa saffisiisuuf qabeenya uumamaa qabu hundaa adda baasee humna namaa gurmeessuun kallattii hundaan hojjechaa kan jiru yoo ta’u, damee tuurizimii biyyaarraas qixa barbaadamuun fayyadamuuf xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan Komishiiniin Turizimii Oromiyaa marsaa 4ffaaf torbee Tuurizimii Hoteela ‘Skylight”tti sagantaalee gara garaatiin mataduree, “Tuurizimii Nageenyaaf” jedhuun akka kabajamu Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa ibsan.

Komishinichi waggoota darbanitti hojiilee guguddoo gama turizmiin hojjatamaa turan, qabeenya turizimii Oromiyaa beeksisuufi dhaadheesuu, idoowwan haawwata turizimii amayyeesuufi daawwatootaaf mijataa gochuu, qabeenyaa turizimii dijiitaaaleessufi walitii hidhatinsa gabaa uumuu, dargaggootaaf carraa hojii turizimii hundee godhate uumuu, maqaa biyyaafi Naannoo Oromiyaa gaarii uumuuf hojii hojjechaa kan ture yoo ta’uu, bara kanas torbee tuurizimii sababeeffachuun dorgommiin miidhaginaa biyyoota Afrikaa kanneen akka Keeniyaa, Ugaandaafi kanneen biroo hirmaachise akka geggeeffamu komishinichi beeksiseera.

Sagantaa kanaan agarsiisni Goobeefi Shinooyyee magaalaa Finfinnee keessatti kan gaggeeffamu ta’uus kaasuun, hojiilee misooma koriidarii Finfinneetti hojjetamaa jiru beeksisuuf imalli Irreechaa magaalattiitti akka raawwatamu Komishinar Laliseen ibsaniiru.

Kabaja Ayyaanaa Irreechaa Finfinneetti kabajamuufi komishinichi qophii taasisaa jiraachuu kan hime yoo ta’u, Fulbaana 21-23/2017 torbeen Turizimii Hoteela ‘Skylight’tti kan kabajamu ta’uu ibsameera.

Kana malees qabeenyiifi omishni turizimii karaa dijiitaala ta’een beeksifamuufi aadaafi duudhaan uummata Oromoo itti agarsiifamu akkasumas Mis Tuurizimiin Oromiyaa bara 2017 kan itti filatamu ta’uu kan ibsameefi namoonni yookaan dhaabbilee ummataaf hojii fakkeenyumaa gaarii qabu hojjetaniif badhaasniifi beekamtiin kan kennamu ta’uu eerameera jechuun BKOn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You