Irreechi ayyaana waloo Oromoorra darbee ummattoota biyyattii walitti fiduudha

Finfinnee: Irreechi cabiinsa waggoota dheeraa keessaa ba’ee Oromoo walitti fiduu bira darbee ayyaana waloomina Sabaafi Sablammootaa cimsaa jiru ta’uu Hayyootni ibsan.

Hayyootni damichaa ibsa Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Irreechi ayyaana ummataa dirree bal’aarratti ummata hedduun kabajamu waan ta’eef Oromoo qofa osoo hinta’in ummattoota biyya keessaafi alaa daran hawwachaafi hirmaachisaa jira. Kanaan dura kabajni ayyaana Irreechaa haala bittinnaa’aa ta’een kabajamaa turus boodarra garuu hanga yakka ta’ee dhorkamuu ga’eera.

Gorsaan Ministira Muummee Damee Dargaggoofi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa akka jedhanitti, booruun gannaa ba’uun waaqa galateeffachuun yookiin guyyaan galataa taatee Ameerikaa dabalatee biyyoota garagaraatti ta’uudha. Kabajni guyyaa uumaa galateeffachuu kun dhorkaa tokko malee hunda hirmaachisa. Oromoonis booruu gannaarraa gara booqaa Birraatti ba’uusaatiif jiidha qabatee uumaa galateeffata. Haaluma kanaan kabajni ayyaana Irreechaa garaagarummaa tokko malee hunda hirmaachisuun waloomina itichaa jira.

Ayyaanni Irreechaa mallattoo tokkummaa ummata Oromoo ta’uu bira darbee kan ummattootaa ta’aa jira jedhanii; biyyoota guddatanitti ayyaanni waloo guyyaa galateeffannaa akkuma jiru Itoophiyaattis ayyaana galateeffannaa waloo qabaachuun waloominaaf murteessaa ta’uu eeraniiru.

Sirni Gadaa sirna hambaa kiliyyaa ta’ee ‘UNESCO’tti galmaa’eedha. Irreechi

ammoo duudhaa Sirna Gadaa waan ta’eef qabeenya waloo ta’uun hubatamee Oromoo qofaan osoo hintaane ummattoota biyyattii hundaan guddachuufi kunuunfamuu akka qabu eeranii; hundaa ol madda ayyaannichaa kan ta’e ummatni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa qorannoon kan deeggarame hojii beeksisaarratti caalmaatti hojjechuutu irraa eegama jedhaniiru.

Barsiisaan Yuunivarsiitii Finfinnee Doktar Taaddasaa Jaalataa gamasaaniin akka jedhanitti, Irreechi ayyaana guddaa heddummina afaanii, amantii, aadaafi eenyummaa keessummeessuufi gabbisaa jirudha. Ummattoonni biyyattii afaan, aadaafi eenyummaa isaan qabatanii kabaja ayyaanaarratti hirmaataa waan jiraniif ayyaana waloo heddumminni calaqqisiisaa jiruudha.

Kabajni Ayyaana Irreechaa calaqqee yeroodhaa gara yerootti dagaagaa dhufeedha jedhanii; qabeenyi biyya sabdaneettii Itoophiyaa keessa jiru kan walooti. Irreechis qabeenya waloo ta’uu bira darbee Oromoonis saba guddaa jiruufi jireenya biyyattiitti qooda guddaa qabuudha. Kanaafuu, qabeenya waloo kan ta’e Irreecha guddisuufi dagaagsuun dirqama hundaati. Mootummaan Naannoo Oromiyaas hojii bal’aa hojjeteera jedhan.

Akka hayyootni kunneen jedhanitti, Irreechi waggaa qofatti yaadatamuu hinqabu dursamee irratti hojjetamuu qaba. Irreecha guddisuuf tumsi mootummaa federaalaa cimuu qaba. Gama huccuu aadaa Oromoo kabaja ayyaanichaaf qophaa’urratti of eeggannoon taasifamuu qaba.

Dizaayiniin huccuu ammayyeessuuf jedhamee aadaa gad lakkisuun dogoggora. Uffata dhiiraarratti callee maxxansuun yookaan uffata dhiiraa kan dubartii, kan dubartii ammoo kan dhiiraarratti dabaluun ni calaqqisa. Taateen hunduu aadaa Oromoo giddugaleeffachuu qaba.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 /  2017

Recommended For You