“Rakkinicha maqsuuf furmaata yeroo gabaabaafi dheeraatiin hojjetamaa jira”– Bulchiinsa Daandiiwwan Federaalaa
Finfinnee: Godina Wallagga Lixaatti daandiin asfaaltii magaalaa Gimbii iddoo baay’eetti waan manca’eef rakkachaa jiraachuu jiraattotni magaalattii yoo ibsan, rakkinicha furmaata yeroo gabaabaafi dheeraatiin furuuf hojiitti seenuu Bulchiinsi Daandiiwwan Federaalaa beeksise.
Jiraattotni kunneen komiisaanii Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, rakkoon daandii Magaalaa Gimbii rakkoo waggoota 10 ol lakkoofsise waan ta’eef, akka rakkinichi fala argatuuf jiraattotni magaalattiifi naannawaashee kallattiilee garagaraatiin gaafachaa turanis furmaata waaraa argachuu hindandeenye.
Jaarsa biyyaafi daldalaa kan ta’an Obbo Tarrafaa Ayyahu akka jedhanitti, daandichi waggoota 10 dura hojjetamee eebbifamee akkuma tajaajila kennuu eegaleen babbaqaquu jalqabe. Daandiin kun magaalattii keessatti qofa bakkawwan shanitti miidhameera.
Ummatnis akkuma daandichi cituu jalqabeen akka suphamuufiif gaafachaas komachaas ture. Komii uummataa kana bu’uura godhachuudhaan Bulchiinsi Daandiiwwan Fedaraalaa bajata baasee humna namaa ramadee yeroo hedduu suuphaa gaggeessus tarii sababa qulqullinaan hojjetamuu dhabuutiin rakkinichi furamuu hindandeenye.
Daandiin kun suphame jedhamee osoo torban tokkoofillee tajaajila hinkennin yeroo inni deebi’ee manca’aa ture waan mul’atuuf haala teessuma lafa nannawichaa bu’uura godhachuun meeshaaleefi maashinarii fayyadamuun hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Jiraataan magaalichaafi daldalaan midhaanii Obbo Girmaa Dassees midhaan magaalota garagaraarraa fe’uudhaan namoota hedduuf carraa hojii uumuu himanii; sababa cituu daandichaatiin daldallisaanis kaasaaraa keessatti kufaa, dargaggootni isaan bira hojjetanii, jiruufi jireenyasaanii gaggeeffachaa turanis beelaaf saaxilamaa jiru jedhaniiru.
Godinni Wallagga Lixaa omisha gabaa biyyaalessaaf dhiyeessu hedduu qabaatus manca’uun daandii barootaaf gufuu itti ta’aa jiraachuu himanii; rakkoo kana furuuf qooda fudhattootni yoo qindeessan isaan dabalatee abbootiin qabeenyaa magaalichaafi naannawichaa deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Daandiifi Lojistikii Godina Wallagga Lixaa Obbo Eeliyaas Kadir gamasaanitiin akka jedhanitti, komiin hawaasaa kun komii sirriifi furmaata hatattamaa barbaadudha. Daandichi daandii Naqamteefi Asoosaa, Gimbiifi Dambi Doolloo akkasumas Gimbiifi aanaalee godinichaa hedduu walqunnamsiisu waan ta’eef dinagdee biyyattii si’eessuu keessatti daandii shoora guddaa taphachuu danda’uudha.
Akka ibsasaaniitti, daandichi durumaa eegalee mancaa’aa dhufee, bara 2014 as ammoo waan garmalee manca’eef bara darbe suphamus irra deebi’ee manca’eera. Bishaan Magaalaa Gimbiif galeyyuu irra jala daandichaa mancaasaa waan jiruuf hojii furmaata waaraa hawaasicha rakkoo kana keessaa baasuun dhimma murteessaadha.
Bulchiinsa Daandii Federaalaa Damee Naqamteetti Daarektarri Suuphaa Obbo Nagaroo Balaay akka jedhanitti, bulchiinsichi yeroo dhiyoo keessa daandicha suphus daandichi balaa sigiga lafaatiin deebi’ee manca’eera.
Rakkoo daandichaa furuuf furmaata yeroo gabaabaafi dheeraa jedhamee adda baafamee hojjetamaa jira. Akka furmaata yerootti karaa filannoo hojjechuun harkifataas ta’u akka tajaajilli geejjibaa adda hincinne gochuuf humna bulchiinsichi qabuufi sararicharra jiru hunda fayyadamuun hojiin jalqabameera.
Furmaata waaraa kennuuf ammoo bulchiinsichi sararicharratti qorannoo gadifageenya qabu taasisuuf ogeessota olaanaafi qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaadhaan jiran waliin hojjechuurratti argama.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 / 2017