Ayyaanni Masqalaa nageenyaafi waloomina cimsuuf shoora olaanaa qaba

Finfinnee: Ayyaanni Masqalaa nageenyaafi waloomina cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jechuun abbootiin amantaa beeksisan.

Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaatti Eegaa Amantaa Olaanaa, Barsiisaafi Ittigaafatamaa Dhimma Seeraa Kutaa Lallabaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kan ta’an Hayilamikaa’el Taaddasaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, gidiraa booda jaalalli Yasuus dhala namaatiif qabu fannoon waan mul’ateef hordoftooti amantichaa jaalala argatan dhala namaa hundaaf kennuun nageenyaafi waloominni akka cimu taasisa. Ayyaanni Masqalaa namaafi Waaqa, namaafi nama gidduutti araaraafi jaalalli akka jiraatu taasise jechuun ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, warri Yasuusitti hinaafan isa fannisuudhaan fannoo awwaalanii dhoksan. Mootittii Illeeniin xombooraafi ixaana qabachuun nama Kiraakoos jedhamu waliin barbaadusheen fannoon bade sun argame. Fannichi bakkawwan afuritti qoodamee tokko gara biyyoota Afrikaa, Gibxii akka dhaqqabu ta’e.

Mootiin Itoophiyaas barbaacha fannoo kanaarraatti waan hirmaataniif qaama fannichaa biyya Gibxiirraa muramee gara Itoophiyaa akka dhufe himanii; ayyaanni masqalaas argamuu fannoo sababeeffachuudhaan ayyaaneffatama jedhaniiru.

Gammachuun guyyaa ayyaana Masqalaa gammachuu gatiin itti kaffalameedha. Guutus hir’atus namootni nagaafi gammachuu argachuuf gatii kaffaluu akka qaban kan agarsiisu ta’ee, jireenya hawaasummaa keessatti rooba, dhoqqee, lolaafi dukkana gannaa keessaa ba’uun ifa birraatti ce’uun miira gammachuufi jaalalaa kan itti mul’atuudha.

Wayita ayyaanni kun kabajamus aadaafi duudhaa hawaasaafi jijjiirama qilleensaa waliin walqabatee akka deemu himanii; wayita ayyaanichi kabajamu jireenya hafuuraa, uumamaafi duudhaa hawaasaa waliin walqabsiisuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ayyaanni Masqalaa nagaa namaafi nama gidduu, nagaa namaafi uumama gidduu, Waaqaafi nama gidduu, obboleewwan gidduu eeguun nagaan jiraachuudha. Nagaan argamuun waloomina obbolootaa waan cimsuuf jireenyaa hawaasummaa, sochii siyaasaafi dinagdee keessatti nagaa fannoorraa aragame hojiirra oolchuun barbaachisaadha. Kanaafis, duudhaa, safuufi falaasama hawaasaa waliin walqabatee deemuu qaba jedhaniiru.

Pirezidantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo gamasaaniin, ayyaanni Masqalaa gidiraa keessa darbuudhaan jaalala Yasuus dhala namaaf qabu ittimul’ateedha.

Fannoon namaafi Waaqa, namaafi nama walitti araarsuudhaan akka nagaan labsamu ta’e. Hordoftootni amantaa Kiristaanaas wayita ayyaana Masqalaa ayyaaneffatan garaagarummaa tokko malee jaalala, waloominaafi tokkummaan akka ayyaaneffatan dhaamaniiru.

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa akka ibsanitti, ayyaanni Masqalaa Hagayya 16 hanga Onkoloolessa 30tti waan kabajamuuf ummata Oromoo biratti hiika guddaa qaba. Bacaqii gannaa keessaa gara birraatti ce’uu, abaaboon daraaruufi bara haaraatti ce’uu mul’isa.

Oromoon wayita ayyaana kana ayyaaneffatu urgeessaa cabsachuun akka qophaa’u himanii; guyyaa ayyaanichi kabajamus marqaa, micciirraa, booka, aannan nyaachuufi dhuguudhaan dhiichisuun ayyaaneffata. Wayita kana firri ollaan waliin ta’uun waan ayyaaneffatamuuf nagaafi waloomina hawaasaa cimsa jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

 

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 /  2017

Recommended For You