Ayyaana Irreecha mallattoo waloominaafi tokkummaa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Ayyaana Irreechaa mallattoo waloominaafi tokkummaa taasisuuf Agarsiisaafi Baazaarii Irreechaa bara 2017 (Irreechaa Expo) qophaa’uu Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa beeksise. Irreecha baranaatti namootni miliyoona 10 ol ni hirmaatu jedhamee akka eegamus ibsameera.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Daraaraa Katamaa qophii ayyaana Irreechaa baranaa ilaalchisuudhaan ibsa miidiyaaleef Roobii darbe kennanniin akka jedhanitti, Irreecha mallattoo waloominaafi tokkummaa taasisuuf Agarsiisniifi Baazaariin Irreechaa qophaa’ee jira. Agarsiisniifi Baazaariin eerame giddugala gabaa magaalaa Finfinneetti Fulbaana 17-24/2017tti adeemsifama.

Akka ibsa isaaniitti, hawaasa Oromoo biratti Irreechi bacaqii gannaa keessaa ba’uun gara booqa Birraatti ce’uun ayyaana kabajamu ayyaana isa guddaadha. Yeroo ammaa kana ayyaanni Irrechaa Sabaafi Sablamoota biyyattii akkasumas, dayaaspooraa biyyoota alaa irraa dhufan waliin waan ayyaaneffatamuuf mallattoo waloominaafi tokkummaa ta’aa jira. Biirichi meeshaa waloominaafi tokkummaan akka daran cimuuf dhaabbata dhuunfaa Ivantiifi Piromooshinii Hagaree waliin ta’uudhaan Agarsiisaafi Baazaarii Irreechaa-2017 giddugala gabaa Magaalaa Finfinneetti qophaa’eera.

Kaayyoon Agarsiisaafi Baazaarii gaggeeffamuu kun Irreecha kan ummattoota Itoophiyaa maraa taasisuuf ta’uu himanii; keessattuu jiraattota magaalaa Finfinnee waliin waloominaafi tokkummaa cimsuun ayyaanicha hambaa biyyaalessaa taasisuudha jedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun kabaja ayyaanichaa ilaalchisuun mariin paanaalii akka gaggeeffamu himanii; agarsiisa aadaa keessatti hambaawwan aadaa Oromoo, hojii harkaa, muuziqaafi agarsiisa sirbootaan dabaalamee akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Uffata aadaa ogeessota aadaan qophaa’an, faayyawaniifi bakka nyaatni aadaa itti agarsiifamuufi gurguramu qophaa’eera. Gumaacha Irreechi aaddaneessaafi dinagdee keessatti qabu ilaalchisuun marii paanaalii Hayyoota, Abboota Gadaafi Haadholii Siinqee akkasumas bakka qorattooti argamanitti gageeffama jedhaniiru.

Ittigaafatamtuun Dhaabbata Ivantiifi Piromooshinii Aadde Hawwanii Isheetuu gamasaaniin akka jedhanitti, ayyaana Irreechaa madda dinagdee taasisuudhaaf Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa waliin ta’uun Agarsiisaafi Baazaariin Irreechaa -2017 qophaa’eera. Daldaltootni 255fi hirmaattotni kuma 200 ol ta’an Agarsiisaafi Baazaariii irratti ni argamu jedhamee akka eegamus ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 11 Bara 2017

Recommended For You