Finfinnee: Biyyoota minseensa hidha laga Abbayyaa ta’an keessaa Sudaan Kibbaa inisheetiivii hidha Abbayyaa mallatteessuun injifannoo dippilomaasii Itoophiyaa kan agarsiisuudha jechuun ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan. Hojiin dippilomaasii bara 2016 milkaa’aa ta’uus ibsaniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti miseensi Koree Dhaabbii Dhimmoota Alaafi Nageenyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, biyyoota miseensa hidha laga Abbayyaa keessaa Sudaan Kibbaa inisheetiivii hidha laga Abbayyaa mallatteessuun bu’aa injifannoo imaammata haajaa alaa Itoophiyaati. Mallattichi afaan warra hojii dippilomaasii Itoophiyaa xureessuuf olola hintaane kan cufe ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, imaammaati haajaa alaa Itoophiyaa karaa nagaa walittidhufeenya biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuun bu’aa waloo mirkaneessuurratti kan xiyyeeffateedha. ‘BRICS’, biyyoota Afirikaa, biyyoota dhiyaa, Laatiin Ameerikaa, Eeshiyaafi Awurooppaa waliin hariiroo dinagdee, nageenyaafi ce’umsa teknolojiin uumuuf hojii hojjetame akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Hojiin barana gama kanaan hojjetame injifannoowwan dippilomaasii garagaraa galmeessisuun danda’ameera.
Biyyoota minseensa hidha laga Abbayyaa keessaa Sudaan Kibbaa inisheetiivii hidha laga Abbayyaa mallatteessuun injifannoo olaanaadha. Mallattichi biyyoota miseensa yaa’a laga Abbayyaa ta’aniif ijaarsi hidhichaa miidhaa akka hinqabne ergaa guddaa kan dabarseedha.
Biyyoota ijaarsi hidhichaa miidhaa qaba jechuudhaan gufachiisuuf olola hintaane hafarsuun yaalaa turan akka hubatan kan taasisedha. Biyyootni kunneen ijaarsi hidhichaa xumuramaa waan jiruuf amananii akka fudhatan taasisuuf mallattoon Sudaan Kibbaa mallatteessite shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Bu’aa waloo Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa kabachiisuuf tarkaanfii dippilomaasii isa guddaa ta’uus ibsaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad tibbana Sudaan walwaraansa keessa jirtu daaw’achuun rakkoon Sudaan rakkoo Itoophiyaa ta’uu kan agarsiisuudha. Kanaafis, rakkoo nageenya Sudaanotaa Itoophiyaan bira dhaabbachuun furuuf fedhii guutuu akka qabdu kanmul’iseedha jedhaniiru.
Gama ulaa galaanaatiinis walittidhufeenyi biyya Somaaliilaandi waliin taasifame walittidhufeenya milkaa’aa uumuun danda’ameera. Olola afarfamaa ture keessa darbuun mallattoon bu’aa waloo biyyoota lamaanii kabachiisuu danda’au waliif mallatteessuunsaanii daandiin Itoophiyaan qabatte bu’aa biyyoota ollaa kan hintuqne ta’uu kan agarsiiseedha jedhaniiru.
Kallattii Itoophiyaan qabattee deemaa jirtu kana ittifufsiisuuf keessoodhaan cimuun barbaachisaa ta’uu himanii; warraaqsa ashaaraa magariisaa (‘green legacy’) mirkaneessuu, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun barbaachisaadha. Injifannoo hanga ammaatti argame cimsaa isa hafeefis kutannoon hojjechuun xiyyeeffannoo gara fuulduraati jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016