Naannoon Amaaraa Finxaaleyyii Faannoof waamicha nageenyaa taasise

Finfinnee: Gaaga’ama dinagdeefi hawaasummaa mudachaa jiru hambisuuf Finxaaleyyii Fannoo rakkoo nageenyaa uumaa jiraniif waamicha nageenyaa dhiyeessuu Mootummaan Naannichaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Koominikeeshinii Naannoo Amaaraa Doktar Mangashaa Fantaawu Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif akka ibsanitti, waamichi nageenyaa yeroowwan garagaraa taasifamus kan ammaa kun konfiraansii nageenyaa tibbana taasifamaa jirurratti hawaasni nageenyi akka bu’uuf cimsee gaafachuu hordofeeti. Kana malees, waamichi marii nageenyaa pirezidaantii mootummaa naannichaafi mana maree naannichaan finxaaleyyii Faannoof taasifameera.

Akka isaan jedhanitti, waraanni dhala namaa qofa osoo hintaane jireenya bineensota hundaaf murteessaadha. Kanaafuu, mootummaan naannichaa qaama hidhatee nageenya goolaa jiru kana waliin bakka kamittuu marii taasisuuf qophiidha. Naannichatti sababa rakkoo nageenyaaf ba’anii galuu, qotatanii galfachuun, daldalanii buufachuun rakkisaa ta’eera. Ummatni koonfiraansii nageenyaarratti kanuma hadheeffatee kaasaa ture. Firri firarraa cituufi dhukkubsatanii yaala dhabuunis rakkoolee ummatni irra deddeebiin kaasaa jiruudha.

Naannichatti sababa rakkoo nageenyaatiif omishanii akkasumas omisha bakka biroo gara naannichaatti galchuun danqaa ta’ee ammaan tana qaala’iinsi jireenyaa haalaan hammaachuu ibsanii; mootummaan naannichaa sochii nageenyaa kamuu milkeessuuf qophii ta’uu hubachiisaniiru. Qaamoleen hidhatanii rakkoo uumaa jiran kunneenis iyya ummataa dhaga’anii mariif akka of qopheessan dhaamaniiru.

Ummatni naannichaa rakkoolee buleeyyiin baroota lakkoofsisan afaan qawween osoo hintaane mariin furuuf marii biyyaalessaa abdii guutuun eegaa jiraachuu ibsanii; Komishiniin Marii Biyyaalessaa gara naannichaa wayita deemee ture ummatni naannichaa haala ho’aan simachuun cinatti deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf ibsuufii eeraniiru.

Qaamolee didanii nageenya booressuutti cichanirratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa fudhatamuusaan yeroo ammaa sochiin konkolaataa godinaalee naannichaa keessatti taasifamaa jiraachuu eeranii; Gorgoraa dabalatee pirojektonni hawwata turiizimii garagaraa xumuramanii tajaajila kennuurratti akka argaman dubbataniiru. Haalli nageenyaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa waan dhufeef tuuristoota biyya alaa simachuuf sochiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Sochiin turiizimii naannichaa ammaan tana haala gaariirraa jiraatus, potenshaala naannichi qabu duguuganii fayyadamuuf gufuu kan ta’e rakkoo nageenyaa maqsuuf finxaaleyyii Faannnoo waliin waldhabbii jiru karaa nagaafi mariin furuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

Recommended For You