“Lafa keenya qofa miti mukti keenyas eebba baata” Obbo Abarraa Kuraatuu

Baalee: Sagantaa Maaddii Guutuu mootumman jijjiiramaa kaa’e hordofuun godinichatti laftis muktis misoomaaf akka oolu leenjiin ogeessaan deeggarame kennamaa tureera.

Bu’uuruma kanaan jiraataa Godina Baalee Aanaa Gobbaa Ganda Alloosheexilloo kan ta’an Obbo Abarraa Kuraatuu mooraasaanii keessatti lafaafi muka qabanirratti damma misoomsuun fayyadamaa jiraachuu kaasu.

Haala qilleensa gaariifi lafa misooma gara garaaf mijataa ta’e osoo qabanii rakkachuun sirrii waan hintaaneef leenjiin ogeessa qonnaan yeroorraa yerootti kennamaafii turuu kan kaasan obbo Abarraaan; qonna gaggeessan cinatti mooraasaanii keessatti misooma dammaa eegaluu dubbataniiru.

Ibsa addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin aadaan lafa xiqoorratti misooma gara garaa hojjetanii fayyadamuu kanaan dura ture laafaa ta’us, ammaan tana xiyyeeffannoo kennameen bu’aa olaanaan argamaa jiraachuu dubbatu.

Haaluma kanaan mooraasaanii keessatti lafaafi mukarratti misooma dammaa eegaluun fayyadamaa jiraachuu dubbatu. Abbaa maatii 12 kan ta’an Obbo Abarraan, lafaafi mukarratti gaagura aadaafi ce’umsaa 60 ol akka qaban dubbatu.

Waggaatti yeroo lama damma kana baasuun ilmaansaanii barsiisaa, ofiis kan itti jiraataa jiran yoo ta’u, barnoonni maaddii guutuu ogeessa misooma qonnaan isaaniif kennamaa ture jireenyasaaniirratti jijjiirama fiduu kaasaniiru.

Mootummaan barumsa gahaafi leenjii qonnaan bultootaaf karaa ogeessa qonnaa kennu osoo cimsee itti fufee dinagdeen qonnaan bulaa kan jijjiiramu akka ta’e yaadachiisaniiru.

Damma waggaatti yeroo lama gaagura ce’umsaafi aadaarraa murataniin haajaasaanii kan itti bahatan Obbo Abarraan, xaa’oo bitachuuf, ilmaansaanii barsiisuufi tajaajila garagaraaf isaan gargaaraa jiru ibsaniiru.

Misooma dammaan alatti dallaasaanii keessatti horsiisa lukkuun, loon aannanii misoomsuun, sangaa furdisuun hiyyummaafi eeggattummaa jalaa bahuuf tattaafataa jiraachuu himu.

Mooraan Obbo Abarraa misooma dammaa gaagura ce’umsaafi aadaan, lukkuun, aannaniin sangaa furdisuun mukarratti ammoo gaagura aadaan kanniisa horsiisuun tarsiimoo maaddii guutuu qabatamaan mirkaneessuun fayyadamaa kan jiran yoo ta’u, sochichi qonnaan bulaa qofa miti hojjetaan mootummaallee miira eeggattummaa miindaa keessaa akka bahu kan isa taasisu ta’uu dhaamaniiru.

Hojjetaan mootuummaa ji’aan miindaa mootummaa taa’ee eeguurra mooraa qabu keessatti misooma dammaa, lukkuu, sangaa furdisuufi horii aannaniirratti osoo bobba’ee eeggattummaa jalaa bahuun dinagdeesaa fooyyeffachuu danda’as jedhaniiru.

Hojii mootummaatti rarra’uun ji’a lakkaa’uun waa xiqqaa argachuu yoo ta’een alatti jijjiiramni argamu quubsaa akka hintaanes himaniiru. Ijoolleesaanii keessaa hedduun hojii mootummaatti bobba’anii jiraachaa akka jiran kan himan Obbo Abarraan; ofirra darbanii ilmaansaanii hojii mootummaarra jiraniif wabii ta’aa akka jiran dubbataniiru.

Hojiin mootummaa qofti jireenya namaa akka hinjijjiirre isaanirratti waan arganiif mooraasaanii keessatti omisha dammaa, horsiisa lukkuu, kuduraafi mudura babal’ifachuun jijjiirama qabatamaa galmeessaniiru.

Sagantaan Maaddii Guutuu oyiruu xiqqoo qabanirratti misooma garaan of gahuu kan barsiisu waan ta’eef qonnaan bulaan alatti hojjetaan mootummaas osoo hojjetee jijjiirama jireenyisaanii itti fooyya’udha jedhaniiru.

Mootummaan jijjiiramaa tarsiimoo dinagdeen qonnaan bulaafi hojjetaan mootummaa itti fooyya’u qabatee hojiitti seenuunsaa akkuma maqaasaa jijjiiramni guddaafi jajjabeessaa ta’e kan itti mul’ataa jiru waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

 

Recommended For You