Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu, Sulultatti

Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Ispoortii Daraartuu Tulluu Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Sulultaatti qarshii biiliyoona 1.5n ijaarame dheengadda bakka Obbo Shimallis Abdiisaafi Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan, hoggantoonni olaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaggar argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’eera.

Inistiitiyuutiin qarshii biiliyoona 1.5 lafa hektaara 19 irratti ijaarame kun gamoowwan tajaajila gara garaaf oolan 40 ol kan qabuufi altokkotti leenjitoota 800 ol keessummeessuu kan danda’u ta’uun sirna eebbichaarratti ibsameera.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka jedhanitti, misooma ispoortii ammayyaa babaldhisuudhaan damichaaf xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetama.

Gootonni keenya akkuma kaleessaa dirreewwan olompikiirratti mo’annaasaanii irra deebiidhaan galalmeessisan har’as Olompikii Paariis kan adeemsifamuf guyyoonni muraasni isa hafurrtti hirmaachuudhaan ijnjifannoodhaan akka galan abdii guddaan qaba jedhan.

Pirezidaantiin Federeeshinii Aileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa Inistiitiyuutii Leenjiifi Qorannoo kana maqaashiitiin moggaasuusaatiif galateeffachuun, ijaaramuun inistiitiyuutichaa rakkoo dirree ispoortii akka biyyaatti ture furuun waldorgommiiin ispoortii yeroosaa eeggatee akka gaggeeffamuuf gumaacha guddaa kan qabu tahuu himteetti.

Inistiitiyuutichi ispoortii karaa ammayyaawaafi meeshaa guutuun deeggarameen akka kennamu taasısuun, atileetonni biyya bakka bu’an baay’inaan akka horataman taasisuufis shoora olaanaa kan taphatu tahuus eertee, inistiitiyuutichi leenjiiwwan ogummaa kanneen akka leejisummaafi murteessummaa sadarkaa addunyaatti kennuuf haala mijaawaa ni uuma jetteetti.

Hogganaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatewoos Sabbooqaa, Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Daraartuu Tulluu, damee tuurizimii ispoortii tumsuun dhaloota qaamaafi xiinsammuun gahoome omishuufi cabiinsa ispoortii wal’aanuun imala badhaadhina biyya keenyaa milkeessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu himan.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

Recommended For You