“Gargaarsaan jiraachuun gama hundaanuu Itoophiyaa hinmadaalu” Luba Doktar Tolasaa Guddinaa

Finfinnee: Itoophiyaan gargaaramtummaa jalaa baatee akka dinagdeedhaan of dandeessu gochuuf hojiin omishaafi omishtummaa qonna biyyattii guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiru cimee ittifufuu qaba jedhu Luba Doktar Tolasaa Guddinaa.

Lubni kun gaafdeebii dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin Finfinneetti taasisaniin akka jedhanitti, biyya magariisa waan hundaan badhaateefi omisha qonnaaf daran mijattu utuu qabnuu galaana ceenee gargaarsa gaafachuun daran kan nama yeellaasisuudha. Biyyattii gargaaramtummaa jalaa baasuuf hojii mootummaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi misooma babal’isuuf hojjechaa jiru furmaataafi tarkaanfii sirrii daran cimee ittifufuu qabuudha.

Gargaarsaan jiraachuun gama hundaanuu Itoophiyaa hinmadaalu. Biyyattii gargaaramtummaa jalaa baasuuf ilaalcha sanyummaafi naannummaa keessaa baanee nageenya, misoomaafi guddina biyyaaf waliin hojjechuu qabna. Lafa gabbataa biyyattiin qabdu daangaa malee misoomsuu qabna. Kana dhuguumsuuf lammiileen biyyattii hundi gahee irraa eegamu bahachuu qabu jedhan.

Waaqayyo Addaamiifi Heewan uumee wayita jannata keessa kaa’etti namni uumama akka eeguufi kunuunsuuf itti kenne. Uumama kana eeguufi kunuunsuun hojiidha. Hojiin jireenya dhala namaaf fayyummaadha. Namni hojii malee taa’u ammoo dhukkubsataadha. Ummanni keenya faayidaafi kabajaa hojiin qabu sirriitti hubatee beekuu yaadachiisu.

Yeroo ammaa Finfinneetti namoonni guyyaa qofa utuu hintaane halkanillee hojjechaa jiraachuun daran kan jajjabeeffamu ta’uu himanii, kun aadaa ta’ee bakka hundatti babal’atee ittifufuu qaba jedhu.

Hiyyummaa, gargaaramtummaafi duubatti hafummaa keessaa ba’uuf jabaannee hojjechuun ofirra dabarree maatiifi biyya keenyaafillee ta’uu qabna kan jedhan Luba Tolasaan, keesumaa dargaggoonni barnootaafi carraa hojii dhuunfaasaanii uummachuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban gorsaniiru.

Ammaan booda namni hinbaranneefi dhibaa’aan iddoo kan hinqabne ta’uu himanii, dargaggoonni hojiidhaaf mootummaa eeggachuu dhiisanii carraa argame hundumaatti fayyadamuun hojii dhuunfaasaanii uummachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Hojii malee taa’anii bara gaarii eeggachuun gowwummaadha. Kanaafuu dargaggoonni barnootaafi carraa hojii dhuunfaasaanii uummachuurratti xiyyeeffachuu akka qabanis gorsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 13 /2016

Recommended For You