“Tumsa taasifneen nageenyi naannawaa keenyaa fooyya’aa jira”- Dargaggoota Godina Qellem Wallaggaafi Gujii Lixaa

Finfinnee: Tumsa dargaggootni godinichaa taasisaniin nageenyi godinasaanii fooyya’aa jiraachuu Dargaggoonni Godinaalee Qellem Wallaggaafi Gujii Lixaa tibba darbe Gaazexaa Bariisaaf ibsan.

Ittigaafatamaan Waldaa Dargaggoo Godina Qellem Wallaggaa Dargaggoo Fedhasaa Dastaa akka jedhetti, Hojii dargaggoonni godinichaa qaamolee nageenyaa waliin hojjetaniin nageenyi godinichaa fooyyaa’aa jira. Ammaan tana sochiin misoomaa godinichaa kallattiilee hundaan fooyya’aa dhufeera.

Dargaggootni misooma, nageenyaafi ijaarsa sirna dimookiraasii keessatti ga’eesaanii ba’uun anniisaa jijjiiramaa akka ta’aniif sadarkaa aanaafi gandaatti hojiin gurmaa’iinsa dargaggootaa cimsaa jiraachuu himee; koonfiransiifi yaa’iin dargaggoota

Oromiyaa 14ffaan Aadaamaatti torbee darbe gaggeeffame sochii gurmaa’ina gandaa hanga naannootti cimsuuf taasifamaa ture keessaa isa tokko ta’uus yaadachiiseera.

Gurmaa’insi dargaggootaa sadarkaa gandaa irraa eegalee misooma, hawaasummaafi nageenyaarratti ga’eesaanii akka ba’aniif shoora olaanaa taphachuu dubbatee; bu’aa hirmaannaa dargaggootaa hanga ammaatti jiruun nageenyi fooyya’ee hawaasni gara misoomaatti deebi’uu ibseera.

Haalotni kaleessa maqaa badaa godinichaaf kennisiisaa turan jijjiirameera kan jedhu daraggaggoo Fedhasaan; amma nageenya fooyya’aa jiruun hojiin baruufi barsiisuu sirnaan gaggeeffamaa jira. Qonnaan bulaan guddistuu callaa argachuun gara misoomaatti deebi’uus dubbateera.

Inisheetiviiwwan mootummaa hojiitti jijjiiruun horsiisa kanniisaa, horsiisa lukkuufi ruuza omishuuratti bobba’uudhaan carraa hojii uumameen dargaggooti hedduun fayyadamaa jiraachuus eereera.

Gama hawaasummaatiin manneen harkaqal’eeyyii 100 ol ta’u dargaggootaan ijaaramuu himee; haala walfakkaatuun manneen barnootaa suphuufi ijaaruu, ashaaraa magariisaan walqabatee hojiin tajaajila lammummaa hojjetamaa jira. Dargaggoon qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun gaachana sirnaa naannawaasaaniitti ijaaramuudhaan hirmaannaa taasisaniin nageenya godinichatti fooyya’aa jiruuf mul’istuu ta’uu ibseera.

Godina Gujiitti Ittigaafatamaan Waldaa Dargaggoo aanaa Annaasorraa Dargaggoo Buzunaa Duuloo akka jedhetti, Godina Gujii Lixaatti tumsa dargaggootni naannawaasaaniitti taasisaniin nageenyi godinichaa fooyyaa’aa jira. Kana cimsuuf kallattii waldaan dargaggoo godinichaa kaa’een gurmaa’insa dargaggootaa cimsuuf hojii bal’aan hojjetameera. Dargaggoon humnaafi qabeenyaan hirmaachuun nageenya mirkaneessuurratti hojii bal’aan aanichatti hojjetameera.

Akka inni jedhutti, dargaggoonni gaachana sirnaa naannawaasaaniitti ijaaramuudhaan qaamolee nageenyaa waliin ta’anii nageenya aanichaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa taphateera. Sadarkaa biyyaattis raayyaa ittisa biyyaatti makamuudhaan birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti hirmaannaa guddaa taasisaniiru.

Hirmaannaan taasifame walitti ida’amee bu’aa nageenyaan mul’achaa jiraachuu himee; bu’aa nageenyaa argameen insheetiviiwwan mootummaan lukkuu horsiisuu, omisha bunaafi sookoo irratti waldaan gurmaa’uudhaan yeroofi beekumsa isaanii hojiitti jijjiiruun fayyadamoo ta’aa jiraachuu dubbateera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

 

Recommended For You