Rifoormiin dinagdee mandhalee jalqabame kan gargaaramtummaa seenaa taasisuudha

Finfinnee: Riformiin dinagdee mandhalee Itoophiyaan jalqabde gargaaramtummaa seenaa kan taasisu ta’uu hayyuun dinagdee ibsan.

Hayyuun Dinagdeefi Hogganaan Biiroo Karooraafi Misoomaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa Doktar Daawit Hayyeessoo yaada Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya koloniin hinbitamne taatus dinagdeenshee dhiibbaa gargaaramtummaa jalatti kufaa ture.

Dinagdeen Itoophiyaa bara 1900-1950tti dhiibbaawwan biyyoota akka Ingilaandiifi Ameerikaa jala, bara Mootummaa Dargiimmoo dhiibbaa biyyoota ilaalcha siyaasaa Soshaalizimii qaban kanneen akka biyya Kuubaafi Raashiyaa jala ture jedhan.

Haaluma walfakkaatuun, bara Mootummaa ADWUIs dhiibbaa warra Lixaa jala ture. Dinagdeen biyyattii dinagdee walabaa ta’uu dhabuurraan kan ka’e dhimmi keessoo biyyattii gidduseentummaa biyyoota garagaraatif saaxilamaa kan tureedha jedhaniiru.

Ta’us mootummaan jijjiiramaa mataduree, “Gargaaramtummaa seenaa taasisuuf gargaaramtummaarraa gara gargaaruutti” jedhu kalaquunifi rifoormii Dinagdee Mandhalee ifoomsuun hojiitti kan gale ta’uu himanii, rifoormichi carraawwan gaarii hedduu kan qabuudha jedhan.

Akka Doktar Daawititti, beekumsi biyyattii keessa jiru, lafti bal’aan gara fuulduraatti misoomee omisha kennuu danda’u bal’inaan jiraachuun, biyyattiin bishaan lafarraafi bishaan lafa jalaa baay’inaan qabaachuunsheefi haalli agro Ikolojiishii omishtummaa qonnaatif mijataa ta’uunsaa gargaaramtummaa hambisuuf carraawwan gaarii Rifoormiin Dinagdee Mandhalee qabduudha.

Lafti qotamuu danda’u kan biyyattiin qabdu keessaa hanga ammaatti %50 qofatu qotamee tajaajilaaf oolaa jira kan jedhan hayyuun kun; biyyattiin lafa qotamuu danda’u hunda yoo qotte, qonnishii hirkattummaa roobaatirraa adda bahee hojiin misooma jallisii yoo babal’ate, xinsammuu lammiilee Itoophiyaa  keessa yaadni gargaaramtummaa yoo bahe Itoophiyaan yeroo dhiyoo keessatti gargaaramtummaa keessaa baatee gara gargaaruutti cehuu dandeessi.

Bu’aan biyyattiin omisha qamadiitifi ruuziitiin argachaa jirtu biyyattiin yaadama gargaaramtummaarraa gara gargaaruutti jedhu milkeessuu kan dandeessu ta’uus Doktar Daawit ibsaniiru.

Gaggeessaan biyya Chaayinaa qamadii deeggarsa biyyasaa keessa jiru walitti qabuun garbatti naquun biyyasaa keessatti gargaaramtummaa hambisuuf sochii jalqabee, sochiichaanis akkuma milkaa’ina argate, Itoophiyaanis sammuu lammiileesheerratti yoo hojjette yeroo dhiyoo keessatti gargaaramtummaa hambisuu dandeessi jedhan.

Kooriyaanis sammuu lammiileeshee jijjiiruun waggaa 30 keessatti gargaaramtummaa keessaa kan baate ta’uu himanii, biyyi Odola Bishaanii Afrikaa Baha (Water Tower of East Africa) jedhamtee beekamtu, Itoophiyaan teknolojiiwwan ammayyaafi qorannootti gargaaramuun qixa hojjechuu qabduun hojjechuun hiyyummaa seenaa taasisuu qabdi jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

 

Recommended For You