Mootummaafi miidiyaan dhimmoota waloorratti garaagarummaa qabaachuu hinqaban

– Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa beekamtii argate

Finfinnee: Mootummaafi miidiyaan dhimmoota waloorratti garaagarummaa osoo hinqabaatiin dhimmoota waloof xiyyeeffannaa kennuudhaan waliin hojjechuu qabu jechuun Minstirri Muummee Abiyyi Ahmad (Phd) ibsan. Sirni beekamtii miidiyaaleef kennuu Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa federaalaatiin qophaa’e Kibxata darbe gaggeeffameera.

Ministirri Muummee Abiyyi sirnicharratti argamuudhaan haasaa dhageessisaniin, mootummaafi miidiyaan dhimmoota waloo biyyaarratti garaagarummaa tokko malee waliin hojjechuu qabu. Dhimmoota murteessoo faayidaa biyyaalessaarratti burjaajiin uumamuu akka hinqabne ibsaniiru.

Mootummaafi miidiyaan dhimmoota biyyaalessaa akka obbolummaa, tokkummaa, ulaa galaanaa, hidha laga Abbayyaa irratti addaaddummaa tokko malee waliin hojechuu qabu jedhaniiru. Miidiyaan hundi faayidaa biyyaalessaatiif ni hojjeta; hojjechuus qabu; faayidaan hundaa kan kabajamu oggaa hunduu kabajamuudha jedhaniiru.

Miidiyaaleen ergama oduufi odeeffannoo tamsaasuu ol qabaatanis duudhaa tokkummaan dhaabachuu Itoophiyaanotaa cimsuurratti shoora olaanaa qabu. Kana jechuunis, walabummaan miidiyaa haala qabatamaa biyyaarratti akka hundaa’u himanii; walabummaan miidiyaa Ameerikaas ta’e Awurooppaa jiru haala aadaafi siyaasdinagdeesaaniitiin kan mil’atameedha jechuun ibsan. Kan Itoophiyaas walabummaafi haala qabatamaa Itoophiyaa giddugaleeffachuu walaba ta’uu qaba jedhan.

“Yeroo ammaa Itoophyaan damee miidiyaatiin sadarkaa of eeggannaa cimaa barbaachisurra geesseetti. Namoonni baay’een qabiyyeewwan sirrii ta’aniifi hintaane kalaqaa waan jiraniif of eeggannoon barbaachisaadha. Gidiraawwan Itoophiyaan amma keessa jirtu bu’aa seenaa kaleessaati. Aramaa kaleessa of eeggannaa malee faca’een har’a walamantaan, walgargaaruufi, waljaalachuun ture laafee wantota xixiqqoof walhimachuufi walajjeefnu taasisaa jira” jedhan Doktar Abiyyi.

Yeroo amma artafishaal intalajansiidhaan qabiyyee hunda keenyaa qaaccessan kalaqamaniiru. Waa’ee turizimii, invastimantii, nageenya Itoophiyaa, waan Itoophiyaanonni barreessanirraa ka’uun haala nageenyaa, bu’aa qabeessummaa misooma Itoophiyaa keessa jiru sistamoonni haalicha ragaaniif qaaccessan jiraachuus eeraniiru.

Namootni maallaqaafi beekumsa guddaa qaban sistamoota kanneenitti fayyadamuun gabaasa bahe bu’uura godhatanii waa’ee keenya waan yaadaniif waanti alaalaa dhaga’amuufi qabatamaan lafa jiru akka walhinfakkaanne taasisa. Namoonni baay’een oggaa gara biyyaa dhufan kanaaf Itoophiyaan akkasii jedhu. Kanaaf, waanta addunyaaf dabarsinurratti of eeggannaa guddaa barbaada.

Miidiyaaleen deeggartoota mootummaa ta’uun irraa eegamuu baatus dhugaa ibsuun akka irraa eegamu himanii; dhugaadhaan faayidaa biyyaalessaa dursuun miidiyaaleen gumaachasaanii sirriitti ba’uu qabu jedhaniiru.

Sirna mataduree, “Miidiyaan biyyaaf 2016” jedhuun adeemsifame kanarratti dhaabbilee miidiyaa 12f beekamtiin kennamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kan beeksise yoo ta’u, Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa hojii milkaa’aa gama faayidaa biyyaalessaa kabachiisuutiin hojjeteen Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) beekamtii argateera.

Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dabalatee miidiyaaleen ummataa ‘EBC, OBN, AMC, AMN’faanis beekamticha kan argatan yoo ta’u, TOIn badhaafamaa addaa ta’eera. Gama miidiyaalee daldalaatiin ‘FBC’, Waaltaa Addis, OBS, Raadiyoon Shaggar, Gaazexaan Foorchuunfi ‘FM’n Awaash beekamtii argataniiru.

Damee miidiyaa dijitaalaatiin kanneen jalqabbii gaarii agarsiisaa jiran Dirree Tiyuubiifi ‘TIKVAH Ethiopia’ tajaajilichaan beekamtii argataniiru. Abbaan miidiyaa yutiyuubii Kingis of Abbaay, Ustaaz Jamaal Bashir ammoo Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin waltajjicharratti dinqisiifannaa olaanaa gonfateera.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You