“Misoomni koriidarii Finfinnee kutannoofi qindoomina hoggansaa cimaan kan mul’isuudha”- Kantiibota Magaalotaa

Finfinnee: Pirojektiin misooma koriidarii Magaalaa Finfinnee qindoominaafi kutannoon hoggansaa cimaan kan irraa mul’atu ta’uu kantiibonni magaalotaa jalqaba torbee kanaarratti misoomicha daaw’atan ibsan.

Kantiibota magaalota adda addaa biyya keenyaa misoomicha daaw’atan keessaa Gaazexaa Bariisaatiif yaadasaanii kan qoodan kantiibonni magaalota Adaamaa, Shashamanneefi Hawaasaa misoomni koriidarii Finfinnee kutannoofi qindoomina cimaa hoggansaatiin adeemsifamaa jiraachuu hubachuu eeraniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee akka jedhanitti, miisoma koriidarii Finfinneen rakkoo bule kutannoofi qindoomina hoggansaatii furuun akka danda’amu kan namatti agarsiisuudha.

Akka ibsasaaniitti, pilaaniidhaan magaalaa bulchuu dhabuun magaalaa baasii hinmalleef saaxiluudhaan rakkoo hawaasaa furuuf danqaa tureera. Milkaa’inni misooma koriidarii Finfinneerratti mul’ate garuu rakkooleefi hanqinoota buleeyyii magaaalotaarra dhaabachuun fedhii wayita ammaa badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf taasifamaa jiru giddugaleeffachuun kutannoofi qindoomina hoggansaa sadarkaan jiru cimsuudhaan jijjiirama fiduun akka danda’amu kan agarsiisuudha.

Jalqabbiifi haalli goolabbii misooma koriidarii Finfinnee barsiifata hojii duraanii kan jijjiire ta’uus himanii; hojichi qulqullinasaa eeggatee akka raawwatamuuf hirmaannaan ummataa jiraachuu akka agarsiisu eeraniiru.

Isaanis akka kantiibaa magaalaa Adaamaatti muuxannoo pirojekticharraa argatan giddugaleeffachuudhaan hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaan Adaamaa misooma koriidarii kiiloomeetira 18 misoomsuuf hojii eegaluu himanii; yeroo ammaa ummata hirmaachisuun daandii qulleessuu, halluufi dizaayiniin walqabatan kontiraaktaratti dabarfamuus himaniiru. Abbootiin qabeenyaas misoomicharratti hirmaachuuf kaka’umsa agarsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanas Taklagiyoorgis gamasaaniin, misoomni koriidarii Finfinnee pirojektii yeroo gabaabaa keessatti xumuruun akka danda’amu muuxannoo irraa argachuu ibsaniiru. Magaalaa jireenya lammiileef mijattu yeroo gabaabaa keessatti ijaaruuf kutannoofi qindoomina hoggantootaa bu’uura milkaa’ina argameeti jedhan.

Muuxannoo kana bu’uura godhachuudhaan akka haala qabatanaa Magaalaa Shaashamanneetti misooma koriidarii kiiloomeetira 9.6 eegalamuu eeranii, kanaafis, qarshii miliyoona 250 ramadamuu himaniiru. Milkaa’ina misooma koriidarii kanaaf abbootiin warraa 254 beenyaa tokko malee wiirtuu daldalaasaanii gadhiisuudhaan tumsa misoomaaf qaban akkuma jiraattota Finfinnee agarsiisuu ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Hawaasaa Obbo Makuriyaa Marshaayees misoomni koriidarii Finifinneetti gaggeeffamaa jiru jiraattota magaalichaafi magaalota birootiif kaka’umsa kan uumeedha jechuun ibsaniiru. Pirojektichi qulqullinasaa eeggatee yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun aadaa hojii kaleessaa kan jijjiire ta’uu himanii, bu’aan argames qindoominaafi kutannoo hoggansaa sadarkaan jiru qabataamaatti kan agarsiisuudha jedhaniiru.

Muuxannoo kana bu’uura godhachuudhaan akka Magaalaa Hawaasaattis hojii misooma koriidarii kiiloomeetira 7.5 marsaa lamaan xumuramu adda baasuun qorannoonsaa xumurameera. Bajata ijaarsaa jalqabsiisuuf qarshii biliyoona tokkoo ramaduudhaan yeroo ammaa ijaarsi marsaa jalqabaa eegalamuu himanii; pirojekticha xumuruuf hanga qarshii biliyoona lamaatti akka gaafatu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You