Ji’a Waxabajjii keessa buna erguun Itoophiyaan riikardii haaraa galmeessite

Finfinnee: Itoophiyaan Ji’a Waxabajjii keessa qofa buna toonii kuma 46 gabaa alaatiif erguun riikardii haaraa kan galmeessite ta’uu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa beeksise.

Akka odeeffannoon miidiyaa hawaasaa abbaa taayitichaarraa argame ibsutti, ji’icha keessa biyyattiin buna toonii kuma 46 gabaa alaatiif erguun doolaara miliyoona 218 argachuu dandeesseerti.

Bara bajataa 2016tti waliigalatti biyyattiin buna toonii kuma 298fi 500 gabaa alaatiif erguun galii doolaara biliyoona 1.4 argachuu dandeesseerti. Bara bajatichaatti hammi bunaa biyyattiin ergite kan bara darbeerra dhibbantaa 20n caalmaa kan qabu yommuu ta’u, galiin argamemmoo dhibbantaa 7.5n caalmaa qaba.

Akka abbaan taayitichaa ibsetti, sharafa biyyattiin argattu keessaa dhibbantaan 35-40 kan alaa alergii bunaarraa argamuudha. Lammiilee Itoophiyaa keessaayis dhibbantaan 25 karaa kallattiis ta’e alkallattiin jiruufi jireenyisaanii omisha bunaarratti kan hundaa’edha.

Kanaan dura seektarri bunaa seektara rakkoolee walxaxoon keessattuu gabaa omisha bunaa faana walqabatee hudhaalee hedduutu ture. Rakkoolee sektaricha keessatti mul’achaa turan furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaniin bu’aaleen abdii namatti horan argamaa jiru.

Dorgommiin omisha bunaa waggaa waggaatti qophaa’us bunni Itoophiyaa gabaa addunyaarratti akka barbaadamu taasisaa jira. Buna qulqullina qabu omishuufi hojiin dorgommicha qopheessuu (‘Cup of excellence’) iccitii milkaa’ana alergii bunaa ta’uu abbaan taayitichaa beeksiseera.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You