Hojiileen misoomaafi nageenyaa Godina Shawaa Lixaatti hojjetamaa jiran milkaa ’oodha

Finfinnee: Godina Shawaa Lixaatti hojiileen misoomaa jalqabamaniifi hojiin nageenya mirkaneessuu bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jiraachuu bulchiinsi godinichaa beeksise.

Bulchaan godinichaa Obbo Didhaa Guddataa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, bulchiinsi godinichaa harka tokkoon diina rukutaa harka kaaniin immoo hojii misoomaa hojjechuun gama lachuuniyyuu milkaa’aa jira.

Gama nageenyaatin godinichatti waggoota lama dura seeliin humna Shanee aanaalee hedduutti babal’atee ummata saamaa, gocha sukaneessaas irratti raawwachuun rakkoo nageenyaa uumaa ture kan jedhan Obbo Didhaan, gochaa sukanneessaa qaaamni kun raawwachaa ture hawaasni murnicha akka jibbu waan taasiseef oppireeshinii qaama kana barbadeessuuf taasifamaa jiru kutannoodhaan gargaaraafi deeggaraa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiin ummata hirmaachise yeroo hunda milkaa’aadha jedhanii, hirmaannaa ummataa akka humna guddaatti fayyadamuun hojiin oppireeshiniin hojjetamaa jiru bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jira jedhaniiru.

Hojii hojjetamaa jiruunis gandootni muraasni kanaan dura murni Shanee rakkoo nageenyaa keessatti uumaa ture amma qulqullaa’anii, miseensotnisaas abdii kutachuun guyyaa guyyaadhaan harka kennachaa jiru, warra harka kennachuu diderrattimmoo tarkaanfiin araarama hinqabne fudhatamaa jira jedhan.

Tarkaanfii fudhatamaa jiruunis seeliin murnichaa iddoowwan hundatti diigamaafi bittinnaa’aa jiraachuu himanii, ummatni godinichaa milishaadhaan gurmaa’uun nageenya qe’eesaa eeggachuun, qaama mootummaaf deeggarsa loojistikiifi odeeffannoo taasisee hirmaannaa seenaqabeessa gochaa jira jedhaniiru.

Saamichatti aanee kaayyoon murna Shanee inni lammaffaan misooma godinichaa gufachiisuudha kan jedhan bulchaan Godina Shawaa Lixaa, abjuu murnichaa fashaleessuun hojiiwwan misoomaa xiiqiidhaan hojjechuun barana qofa pirojektonni 770 qarshii biliyoona 3.5 oliin hojjetaman eebbaaf qophaa’uu ibsaniiru.

Hojiilee misoomaa keessattis hirmaannaan ummataa olaanaa ta’uu himanii, pirojektota eebbaaf qophaa’an kunneen keessaa 314 bajata mootummaatiin kan hojjetaman yommuu ta’u, kanneen hafan hirmaannaa ummataatiniifi mitmootummaadhaan kan hojjetamuu ta’uu himaniiru.

Yeroo ammaa hojiin caasaa gandoota baadiyyaa humna diinaatiin diigamanii turan deebisanii ijaaruu gandoota hundatti hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

 

Recommended For You