Finfinneetti qonna magaalaarraa omishni toonii kuma 153 ol argame

– Namoota kuma 19 oliif carraan hojii uumameera

Finfinneef: Hojii qonna magaalaa barana Finfinneetti hojjetameen omishi toonii kuma 153fi 358 argamuu Komishiniin Qonnaan Bulaafi Misooma Qonnaa Magaalattii ibse. Hojiin qonna magaalichaa mataduree “Bitachuurraa gara omishuutti” jedhuun gaggeeffamuus eereera.

Komishinara ittaanaan komishinichaa Faaruq Jamaal ibsa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, komishinichi qonna magaalaa bara 2016n omisha toonii kuma 130fi 826 argamsiisuuf hojii bal’aa hojjeteen omisha toonii kuma 153fi 358 argamsiiseera. Omisha argame keessaa toonii kuma 110fi 152 omisha beeyiladaarraa argame yoo ta’u, tooniin kuma 43fi 206 biqilootarraayi.

Komishinichi kuufama qabeenya magaalattii gara omishaatti jijjiiruun hojii qonna magaalaa cimsuuf ce’umsa teknolojii giddugaleeffatee sanyii lukkuu, beeyiladaa fooyya’aafi gaagura ammayyaa raabsuun hojii bu’aaqabeessa raawwachuu eereera.

Dabalataanis, baay’inni fayyadamtoota qonna magaalaa akka dabaluuf fayyadamtootni fayyadamaa jiran kuma 456fi 650 ittifufsiisuun danda’amuu himanii; isaan keessaa namootni kuma 83fi 731fayyadamoo bu’aa beeyiladaa ta’uu ibsaniiru.

Tattaaffii fayyadamtoota haaraa horachuuf taasifameenis namoota haaraa kuma 223fi 775 hirmaachisuuf karoorfamee kuma 234 fi 765 hirmaachisuun danda’amuus Obbo Faaruq eeranii, isaan keessaa namootni kuma 124fi 222 misooma biqilootaa, kumni 110fi 543 misooma beeyaladaan ta’uu ibsaniiru.

Bilookota qonni magaalaa ittigaggeeffamu kuma afuriifi 678, dhaabbilee mootummaafi dhuunfaa 693tti, manneen barnootaatti 693tti, dhaabbilee federaalaa 67fi kanneen biroo dabalatee namoota qonna magaalaatti haaraa hirmaatan hirmaachisuufi buleeyyii ittifufsiisuudhaan hojiin hubannoo uumamuu bal’aan hojjetameera.

Hojiiwwan qonna magaalaa hanga ammaatti hojjetamaniin carraa hojii namoota kuma 22fi 210 uumuuf karoorfamuus himanii; namoota kuma 19fi 384f misooma beeyiladaafi biqilootaarratti carraan hojii uumamuu ibsaniiru.

Hojii qonna magaalatti sagantaa maaddii guutuu sadarkaa biyyaatti gaggeffamaa jiruuf galtee guddaa ta’uunis ittifufeera jedhan.

Dhiyeessii bishaanii, hanqina konkolaataa, fedhiifi dhiyeessiin galtee qonna magaalaa gituu dhabuu, hanqina ogeessaafi nyaata beeyiladaa rakkoo qonna magaalaa bara kanaa mudatan jechuun ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 6 / 2016

Recommended For You