“Namoota miliyoona 3.8 oliif carraan hojii uumame keessaa harki caalu carraa hojii biyya keessaati” Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Barana namoota miliyoona 3.8 ol carraa hojii uumame keessaa miliyoonni 3.4 carraa hojii biyya keessatti uumame ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ibsan.

Doktar Abiyyi Kamisa darbe yaa’ii Idilee 36ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti gaaffilee miseensota Mana Marichaaf wayita deebii kennanitti, barana carraa hojii namoota miliyoona 3.8 oliif uumame keessaa, carraan hojii miliyoona 3.4 ta’u biyya keessatti uumame.

Carraan hojii kun kanaa ol ta’us gabaasa dhiyaaterraa dhibbantaa 17 ta’uu dhiisuun miliyoona 3.8 qofa dhiyeessuun danda’ameera. Gama biraan bara darbe carraan hojii biyya alaa seera qabeessi namoota kuma 100tti dhiyaataniif uumame, barana ol guddisuun namoota kuma 332 ta’aniif carraan hojii biyya alaa uumameera.

Namootni carraan hojii biyya alaa mijateef kunneen qarshii hangamiifi eessatti akka qacaraman qixa sirriin kan adda ba’an ta’uu himanii; cimsanii irratti hojjennaan lakkoofsi kun ol ka’uu akka danda’u hubachiisaniiru. Ta’us karaa seeraan alaa dallaallaan kan deemanis akka jiran qeeqaniiru.

Sagantaa bakka tokko taa’uun bakka birootti hojjetan yookiin sagantaa ‘startup’ kan kana dura biyyi Hindii ittiin beekamtuufi kaffaltii gaarii qabu Itoophiyaa keessatti eegalamuu ibsanii; sagantichaan haala nama ajaa’ibsiisuun namoota kuma 60f carraan hojii uumamuu eeraniiru.

Hojii kana filatamaa kan taasisu maatii bira taa’uun karaa teknolojii hojjechuu qofa osoo hin taane kaffaltii gaarii qaba. Guyyaa guyyaa boqochuun halkan halkan hojjechuun ni danda’ama.

Mootummaan dhimmi carraa hojii dhimma murteessaa ta’uu amanee carraa hojii uumuu sadarkaa ministeeraatti hundeessuu yaadachiisanii; carraan hojii bara kana uumames daran kan nama boonsuufi cimee ittifufudha jedhan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You