Misooma jallisiifi omishni kilaastaraa qaala’iinsa gatii tasgabbeessaa jiru

Finfinnee: Inisheetiivootni qonnaa waggoota jijjiiramaa kanatti hojiirra oolan omishtummaa dabaluudhaan diinagdee utubaa jiraachuu haasaa Kamisa darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti taasisaniin kan ibsan Doktar Abiyyi, keessattuu babal’inni misooma jallisiin omishni qamadii, kuduraafi muduraa, sagantaa Maaddii Guutuufi Inisheetiiviin Omisha Dammaa qaala’iinsa gatii hir’isaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka ibsasaaniitti; hirkattummaa omisha rooba qofarratti ture hambisuudhaaf xiyyeeffannoon misooma jallisiif kenname bu’aalee damee qonnaatiin galmaa’aa jiraniif utubaadha. Bu’aa waggoottan muraasa kana keessatti damee jallisii kanarraa argamerraa ka’uudhaan bara ittaanuuf paampootni bishaanii jallisiif oolan kuma 40 ta’an bitamanii gara biyyaatti galaniiru.

Gama omisha dammaatiin yommuu ilaalamus waggoottan jijjiiramaa kana keessatti, hojii hojjatameen omisha dammaa harka torbaan dabaluun kan danda’ame ta’uu yaadachiisanii; hojii gama galteewwan qonnaa keessattuu xaa’oorratti ture fooyyessuuf hojii hojjatameenis bu’aan gariin argameera.

Yeroo ammaa kana xaa’oon kuntaala miiliyoona 17 ta’u biyya keessa galuudhaan qonnaan bultootaaf hiramaa jiraachuu eeranii; bittaa irraa kaasee hanga raabsaatti hojmaata qulqulluu diriirsuudhaan gufuuwwan kanaan dura muudachaa turan furuun danda’amuu dubbataniiru.

Gama omisha qamadiitiin omishtummaasaa dabaluu qofaa osoo hin taane, sanyii filatamaa biyya keessatti omishuudhaaf hojii hojjatameen sanyii filatamaa dhibbantaa 70 biyya keessatti omishuun danda’amee jira. Biyyattiin gama midhaan nyaataatiin akka of dandeessuuf hojiin omishtummaa qonnaa kana dabaluu xiyyeeffannoo addaatiin hojjatamaa jira.

Hojidhabdummaa xiqqeessuuf hojii hojjatameen bara kana dameewwan garaa garaatiin lammiilee miiliyoona 3.4 ta’aniif carraa hojii uumuun danda’amuu kan kaasan Doktar Abiy; kana keessattis dameen qonnaa shoora olaanaa bahachuu hubachiisaniiru. Damee qonnaatiin bara ittaanu guddinni dhibbantaa 6.2 ta’u akka galmaa’us raagameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

 

Recommended For You