Bajanni Itoophiyaa bara 2017 qarshii biliyoona 971.2 ta’uun ragga’e

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bajata biyyattii kan bara 2017 qarshii biliyoona 971.2 sagalee guutuun raggaasise.

Bajata kana ilaalchisee mana marichaaf yaada murtii kan dhiyeessan walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Faayinaansii, Bajataafi Karooraa Obbo Dassaalanyi Wadaajeeti.

Akka isaan jedhanitti, bajatichi kan bara darbeerra qarshii biliyoona 170n caalmaa  170n caalmaa qaba.

Bajatni kun dhimmoota garagaraaf kan qoodame yoo ta’u, qarshiin biliyoona 451 bajata idilee mootummaa federaalaa, qarshiin biliyoonni 283.2 bajata kaappitaalaa, qarshiin biliyoonnni 286.7 deeggarsa mootummoota naannoleefi bulchiinsota magaalaa lamaaniif ramadameera.

Daballiin bajatichaa dinagdee maakroo tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himanii; bu’uuraalee misoomaa manca’an bakka turanitti deebisuuf, hirpha dhimmoota garagaraaf, pirojektoota eegalaman xumursiisuufi dhimmoota seeftineetii biyyaalessaa milkeessuu keessatti gaheensaa olaanaa ta’uus ibsaniiru. Manni marichaas bajata dhiyaate kanarratti mari’achuun sagalee guutuun raggaasiseera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 29 Bara 2016

Recommended For You