Daandiin Xayyaaraa Naqamtee guddina dinagdee Oromiyaa Dhiyaaf abdii guddaadha

Finfinnee: Hojii eegaluun Daandii Xayyaaraa Naqamtee godinicharra darbee guddina dinagdee Oromiyaa Dhiyaafuu abdii guddaa ta’uu Bulchaa Ittaanaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Gammadaa Tafarraa ibsan.

Obbo Gammadaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, fooyya’uu nageenya godinichaa hordofee sochiin dinagdeefi hawaasummaa godinichaa haala gaariirra jira. Pirojektoonni 533 qarshii biliyoona 1.3 ta’uun ijaarsisaanii xumuramee

eebbaaf qophiirra jiru. Kanneen xumura baatii Waxabajjii eebbifamanis jiru. Hundaa ol, daandiin xayyaaraa Naqamtee hojii eegaluun dadammaqiinsa dinagdeefi hawaasummaaf abdii guddaan irra kaa’ameera. Sababa nageenyaaf pirojektoonni ijaarsisaanii adda citanii turan ammaan tana gara hojiitti deebi’uu eeranii; haaluma kanaan pirojektiin Laga Hangar baajata mootummaa federaalaa qarshii biliyoona 12 hojjetamaa jiru, buufatni konkolaataa magaalaa Naqamtee kan qarshii miliyoona kuma 300 ijaarsisaa eegale, daandiin Naqamtee garaa Naannoo Amaaraa akkasumas Naqamtee gara Naannoo Beniishaangul geessu ammaan tana hojiinsaanii eegalamuu yaadachiisaniiru.

Mootummaan federaalaas ta’e naannoo Oromiyaa godina Wallagga Bahaa giddu galeeffachuun misoomaafi nageenya Oromiyaa Dhiyaaf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu eeranii; nageenyi godinichaa fooyyaa’ee hawaasni gara hojiisaa idileetti kan deebi’eef itti dhiyeenyaan deeggarsi barbaachisu godinichaaf waan taasifameef ta’uu Obbo Gammadaan ibsaniiru.

Gama misooma pirojektiin Laga Hangar qofti kan aanaalee sadiifi sanii ol hammatu waan ta’eef omishni jallisiin omishamuu carraa hojii namoota hedduuf saaquu bira darbee dinagdee biyyaa keessatti gumaata olaanaa qaba. Abbootii qabeenyaa godinichaafi Oromiyaa Dhiyaa keessatti misoomaaf jiran omishasaanii salphaatti gabaa giddu galeessaafi biyya alaatti erguuf shoorri Daandii Xayyaaraa Naqamtee olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Xiyyeeffannaa mootummaan godinichaaf kenneen ummatni godinichaa xiiqiin gara misoomaafi nageenya waaressuutti seenee halkaniifi guyyaa hojjechaa jiraachuu himanii; godinichi qabeenya uumamaan badhaadhaa ta’uun alatti haala qilleensa hundaa waan qabuuf omishaafi omishtummaaf mijataa ta’uu yaadachiisaniiru.

Godinichi bakkeewwan hawwata turiizimii hedduu waan qabuuf abbootiin qabeenyaa damee turiizimii, qonnaa, albuudaafi kanneen biroo irratti bobba’uu fedhaniif qabeenya uumamaa cinatti omishaalee gara gabaa fedhanitti dhiyeeffachuuf haalli mijataan waan jiruuf abbootiin qabeenyaa godinichaa misoomsuun ofis biyyas akka guddisan waamicha dhiyeessaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 22 / 2016

Recommended For You