Wallaggatti hojiilee misoomaa badhaadhina biyyaa utubuuf kaayyeffatan

Dachee magariituu qilleensashee unatanii hin quufne Wallaggi sababa rakkoo nageenyaan danqamuu keessaa baatee ulaa misoomaa qabattee hojiilee badhaadhina biyyaaf utubaa ta’anitti jirti. Roobni dafee roobuu dhabuurraa kan ka’e bakkeewwan tokko tokkotti facaasaan boqqolloo harkifatus omishaalee biroof roobni gahaan dhaqqabee jira. Kallattii mootummaan lafa kaa’een sangaa hanga tiraakteeraa fayyadamuun kilaasteraan omishuun bakka hundatti finiinaa jira. Ijaarsi pirojektootaa kaan xumuramuun, kaan ammoo sadarkaa jalqabaafi xumuraarratti argamanis bal’inaan mul’atu.

Tibba darbe qindeessummaa Biiroo Qonna Oromiyaan daawwannaan misooma qonnaa godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Qellem Wallaggaatti wayita taasifame sadarkaa hojiilee misoomaa Wallaagga irra jiru hedduu dinqisiifatneerra. Daawwannaa jalqabaa godina Wallagga Bahaatti taasifneen haalli boqolloon kilaasteraan itti omishamu, omisha dammaafi haalli qophii biqiltuu ashaaraa magariisaa daran abdii namatti hora.

Bulchaa Ittaanaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Gammadaa Tafarraa akka jedhanitti, godinichi waggoottan sadan darbanitti sababa rakkoo nageenyaan ijaarsi pirojektotaa dhaabbatee ture.Abbootiin qabeenyaa hojii qonnarratti hirmaatan 400 ta’an hojii gad lakkisanii ba’aniiru. Ta’us tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatameen ummatni aanaalee 18 fi gandoota 340 godinichi qabu keesa jiraatan hundi ammaan tana misoomatti seenuu danda’aniiru. Abbootiin qabeenyaas gara hojiisaaniitti deebi’aniiru.

Bara kana lafa hektaara kuma 771 akka godinichaatti qotame keessaa lafti hektaarri kuma 667 kilaasteraan misoomaa jira. Godinni kun omisha boqqolloon akka Oromiyaattuu beekamtii guddaa waan qabuuf boqqolloon lafa hektaara kuma 450 irratti kilaasteraan misoomaa jira. Fedhii xaa’oo godinichi qabu kuntaala kuma 829 keessaa dhibbantaan 54 godinicha ga’ee qonnaan bulaa dhaqqabeera. aa ta’u malee, fedhii ummataan yommuu walbira qabamu hanqinni sanyii filatamaafi xaa’oo jiraachuu qeeqaniiru.

Godina rakkoon nageenyaa haala jireenyaafi hojii misoomaa laamshessee ture keessaa Wallagga Lixaa isa tokkodha. Godinni kun bara darbe rakkoo nageenyaa keessatti lafa hektaara kuma 372 qotuun callaa kuntaala miliyoona 10 argachuun danda’ameera. Bara kana nageenyi fooyya’uun lafa hektaara 467 qotuun calla kuntaala miliyoona 15 argachuuf hojjetamaa jira.

Bulchaan Godinichaa Obbo Solomoon Taammiruu akka jedhanitti, bunaa, midhaan agadaa, kuduraafi mudurri kilaasteraan omishamaa jira. Haala kanaan dura hin baratamneen qamadiin lafa hektaara kuma 95 irratti omishamaa jira. Omisha dammaafi boqqolloo cinatti loon aanaalee godinichaa Beegiifi Qondaalaa keessatti furdatan gabaa giddugaleessaatti daran barbaadamoodha. Keessattuu sochii avokaadoo kilaasteraan omishanii gabaa alatti erguu milkaa’uun bara darbe avokaadoo kuntaala 60 gabaa alaatti erguun danda’ameera.

Haaluma walfakkaatuun omisha bunaaf dursa kennuun bara kana biqiltuu bunaa miliyoona 378 dhaabuun waliigalan bara kana buna buna toonii kuma 153 omishuuf karoorfachuu kan ibsan ammoo Bulchaa Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaati.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 15 Bara 2016

Recommended For You