Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee barana Magaalota Finfinnee, Shaggar, Bishooftuufi Adaamaatti bifa qindaa’eefi adda ta’een kaleessa, Qaammee 1 bara 2016 irraa kaasee hanga Fulbaana 13 bara 2017tti kabajama. Baniisi ayyaanichaa kaleessa Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti eegalameera.
Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee baranaa qindoomina Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Biiroo Aaadaafi Turizimii Oromiyaafi Dhaabbata Piromooshinii Artii Boraatii adeemsifamaa jira. Ayyaana Goobeefi Shinooyyee baranaa ilaalchisuun turtiin Hojgeggeessaa Dhaabbata Piromooshinii Artii Boraatii Biruk Girma waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.
Dhaabbatichi erga hundaa’ee waggaa torba ta’uuf deema. Akkuma maqaa dhaabbatichaarraa hubannu boraatiin sammuu namaa utuba. Dhaabbatichi aadaafi duudhaa Oromoorratti hundaa’uudhaan kalaqa aartii fayyadamuun hawaasa Oromoo tajaajilaa jira. Dhaabbatichi hanga ammaatti Afaan Oromootiin hojiiwwan kiliippii 50 ol hojjeteera. Akkasumas fiilmiiwwaniifi fistivaalota gara garaa qopheessuunis kaayyoo dhaabbatichi hundaa’eef keessaa isaan jioo ta’uu dubbata.
Dhaabbatichi aadaafi duudhaa Oromoo babal’isuufi addunyaatti beeksisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Ayyaanni Goobeefi Shinooyyees pirojektota dhaabbatichi irratti hojjechaa jiru keessaa isa tokko. Dhaabbatichi waggoota torba dura Ayyaana Goobeefi Shinooyyee Magaalaa Sabbataatti kabajuu jalaqabe. Kiliippiiwwan anyyaanicharratti xiyyeeffatan lamas hojjeteera. Dhaabbatichi waggoota shanan darbaniif Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa waliin ta’uun Goobeefi Shinooyyee bifa waalta’een akka kabajamu ta’eera.
Sadarkaa Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee har’a irra jiru baay’ee abdii kan namatti horuudha. Ayyaanichi aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo addunyaatti beeksisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Ayyaanichi tokkummaafi jaalala sabaafi sablammoota gidduu jiru cimsuu keessattis gahee guddaa qaba. Goobeefi Shinooyyeen yeroo ammaa bifa waalta’een sadarkaa Oromiyaatti kabajamaa jira. Goobeefi Shinooyyeen ayyaana dargaggoonni itti walarganii jaalalaafi tokkummaasaanii itti cimsataniidha jedha.
Akkaataan ayyaanni birraa Oromoo itti kabajamu jalqabaafi xumura qaba. Falaasama ayyaanicha keessa jiru sadarkaa biyyaatti baafnee utuu ittifayyadamuu dandeenye tokkummaa, nageenyaafi jaalala biyyaa tasgabbeessuu keessatti gahee guddaa qaba. Ayyaanni birraa Oromoo akkaataa jaalala, nageenyaafi abdii dhugaa ibsuun kabajama.
Ayyaana Goobeefi Shinooyyeerratti kan hirmaatu Qeerroofi Qarreedha. Dargaggoonni ammoo abdiidha. Birraanis waqtii midhaan facaafame itti biiluufi firii naqachuuf itti deemu waan ta’eef yeroo abdiiti. Haaluma walfakkaatuun dargaggoonnis kan bor jiruu dhaabbachuuf itti adeeman waan ta’eef waqtiin birraa yeroo ce’umsa dhugaati jedha.
Oromoon uumaafi uumama haalaan madaalee waqtii birraatti ce’umsa isa dhugaa taasisa. Oromoon bara moofaa keessaa gara bara haaraatti yeroo ce’u ce’umsa keessaafi alaa ni taasisa. Ce’umsa keessaa taasisuu jechuun jibba, lolaafi hammeenya of keessaa baasuun nageenyaafi jaalala dhugaa walii qabaachuu jechuudha. Kun ammoo sirna mijjirii ibsuufi hulluuqqootiin agarsiifama.
Namni hammeenya garaa qabuufi walole hulluuqqoo keessa hindarbu. Hulluuqqoo keessa darbuuf namni hundi dura nama wal lolee jiru waliin nagaafi araara buusuu qaba. Akka Aaadaafi duudhaa Oromootti haala kanaan bara moofaa keessaa gara bara haaraatti ce’ama.
Sirni hulluuqqoo kun sadarkaa biyyaatti utuu babal’atee hiikaa guddaa qaba. Utuu geggeessitoonni, hoggantoonni paartiileefi sabni hundi addabaabayii tokkotti baanee waan balleessine hundaaf dhiifama gaafannee araara dhugaa buufnee sirna hulluuqqoo geggeessinee nagaafi jaalalaa keenya daran cimsachuu dandeenya.
Akkaataa ummanni Oromoo bara moofaa keessaa gara bara haaraatti ittiin ce’u afaanumaan utuu hintaane keessoo isaafi ala isaatiin ce’umsa isa dhugaa taasisuudhaani. Sirna kana sadarkaa biyyaatti babal’ifnee utuu ittifayyadamnee nagaafi jaalala dhugaa mirkaneessuuf gargaara.
Sirni mijjirii ibsuun akkaataa amma jiruun bu’uura amantaa qaba. Sirna Gadaa keessattis ammoo bu’uura Gadaa qaba. Sirni mijirii Hagayya tokkorraa kaasee geggeeffama. Abbaan Gadaa Hagayya tokkorraa kaasee Ginna gala. Abbaan Gadaa yeroo Ginna galu muka filatamaa umuriisaa fixe muree araddaa dhaabee deema.
Hawaasni naannawaas nama manasaatii muka umuriisaa fixate muree hanga Hagayya 16tti mijirii Abbaan Gadaa dhaabee darbetti naannessee tuula. Mijiriin kun gaafa Hagayya 16 Abbaan Gadaa Ginnaa deebi’u hawaasa waliin ta’uun ibsama. Hundumtuu ifaa mana manasaatii fidee mijirii sana bakka tokkotti ibsa.
Ginni bakka Abbaan Gadaa Waaqasaa dhiifama itti gafatuudha. Abbaan Gadaa yeroo Ginna galu sanatti wantoota bara bulchaa jiru sana keessa balleesseef dhiifama gaafatee Waaqasaa araara gaafata. Abbaan Gadaa kun keessasaafi alasaa qulqulleeffatee gara hawaasaatti deebi’a. Yeroo kana Qeerroofi Qarreen Goobeefi Shinooyyee taphachuun birraan bari’uusaa labsu.
Sirna mijirii aadaa kana bu’uura godhachuun sadarkaa biyyaatti saboonniifi sablammoota biyyattii waliin bara haaraa utuu simachuun danda’amee faayidaa guddaa qaba; tokkummaafi jaala keenyas daran cimsa. Ce’umsa bara haaraa kana afaan qofaan utuu hintaane bu’uura ce’umsa aadaa utuu bu’uura taasifannee gaariidha.
Barri haaraan kan nagaa jaalaafi tokkummaa nuuf haata’u jechaa richiitii dhoosuun bara haaraa simachuun farrisa. Kanaafuu akkaataan bara haaraa itti simannu bu’uura aadaafi tokkummaa sabootaafi sablammoota biyyattii keessa jiru cimsuu danda’uun ta’uu qaba. Dhaabbatni Piromooshinii Artii Boraatiis dhimmi biyyaa kun sadarkaa biyyaatti fudhatama akka argatu taasisuuf hojjechaa jira.
Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee madda hawwata turizimii ta’ee tajaajjiluu qaba. Ayyaanni kun hambaa kiliyaa akka ta’uufis hojiin eegalame cimee itti deemamuu qaba. Ayyaana kana barana bifa addaatiin kabajuuf qophii gahaan taasifamaa tureera.
Hirmaattonni ayyaanichaas kan waggoota darbaniirra daran dabalaniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaa, Biiroon Aaadaafi Turizimii Oromiyaas ayyaanichaaf xiyyeeffannaa addaa kennee dhaabbata keenya waliin hojjechaa jira.
Goobeefi Shinooyyeen barana Magaalota Finfinnee, Shaggar, Bishooftuufi Adaamaatti bifa walfakkaatuun akka kabajamuuf qophii gahaan taasifameera. Baniisi ayyaanichaa Qaamee 1 Giddugala Aaadaa Oromootti adeemsifama.
Ayyaanicharratti agarsiisni daandiirraas ni geggeeffama. Dargaggoonni ayyaanicharratti hirmaatan waajjiraalee mootummaa federaalaafi naannoo Oromiyaafi dhuunfaa akkasumas mana namoota dhuunfaa gara garaa irra naanna’uudhaan baga bara haaraa geessan jechuun tapha kana kan agarsiisan ta’a.
Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee Qaammee 1 bara 2016 jalqabame Fulbaana 13 bara 2017 sirna mijirii ibsuu, hulluuqqoo keessa darbuufi agarsiisa aadaatiin xumurama. Ayyaanicharratti namoonni kuma shan ta’an ayyaanicharratti ni hirmaatu jedhamee eegama.
Ayyaanni kun waggaa shan har’aa gaafa jalqabu fetivaala aadaa Goobeefi Shinooyyee jedhamuun eegale. Yeroo ammaa garuu gara Kaarnivaalaatti guddatee kabajamaa jira. Dhaabbatni Piromooshinii Artii Boraatiis ayyaana kana sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti beeksisuufi guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Ayyaanni kun industirii uffannaa aadaa Oromoo guddisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Uffanni aadaas haala yeroo kana madaaluun miidhagee akka hojjetamu taasisuu keessattis gahee olaanaa qaba. Madda hawwata turizimii akka ta’uufis sirriitti irratti hojjechuun dhimma xiyyeeffannaa barbaachisaadha.
Bara kana hirmaattota Ayyaana Goobeefi Shinooyyee hunda bakka tokkotti suuraa kaasuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Suuraan namoota kuma shan ta’an bakka tokkotti kaasuu kun sadarkaa biyyaattis ta’e Afrikaatti isa jalqabaa ta’uu danda’a. Kun tokkummaa keenya ibsuu keessatti gahee guddaa kan qabuufi gara fuulduraattis kan itti fufu ta’uu dubbata.
Milkaa’ina ayyaana Goobeefi Shinooyyee baranaaf qaamoleen hundi qindoominaan waliin hojjechaa jiru. Ayyaanichis akkaataa aadaafi duudhaa akkasumas hammattummaa Oromoo danda’uun kabajama. Dargaggoonni ayyaanicharratti hirmaatanis ambaasaaddara aadaa Oromoo ta’anii aadaafi duudhaa ayyaanichaa eeganii akka kabajaniif qophii guddaan taasifamuus Biruk eereera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 2 Bara 2016