“Ummata godinichaa waliin jaalalaafi obbolummaan jiraanna”  -Saboota biroo Godina Qellem Wallaggaa jiraatan

Finfinnee: Ummata Oromoo waliin jaalalaafi Obbolummaan waan jiraataniif rakkoo nageenyaan walqabatee addatti miidhaan isaanirra ga’e akka hin jirre sabootni biroo Godina Qellem Wallaggaa jiraatan ibsan.

Jiraattonni sabaan Amaara ta’anii godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadii Caanqaa keessa jiraatan tibbana Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, beela Itoophiyaa Kaabaatti mudateen walqabatee bara 1977 mootummaa godinicha keessa qubsiise. Bara kanaa kaasanii aadaafi duudhaa Oromoo kabajuun jaalalaafi obbolummaan waliin jiraataa jiru. Ummata godinichaa waliin gaddaafi gammachuu qooddachaa jiru. Ummatni Oromoos hammatee ofitti qabuun akka ofiisaatti waliin jiraachaa jira. Rakkoo nageenyaa hamaa godinicha keessa jiruun walqabatee miidhaan sabummaa addatti isaanirra ga’e hin turre.

Obbo Baayinesawu Mangashaa aanaa Sadii Caanqaatti jiraataa ‘mandara torbaa’ yommuu ta’an ALItti bara 1977 gara godinichaa dhufuu dubbatu. Erga bara sanaatii gama isaaniinis ta’e gama saba Oromoon ilaalchiifi gochi walitti bu’iinsa sabummaa uume mudatee hin beeku. Saba Oromoo godinichaa waliin walkabajuufi wal jaallachuun jiraatu. Jalqabatti kan isaan rakkise Afaan Oromoo dafanii baruu ture. Amma garuu dubbachuun isaan rakkisus dhaga’uun waliigaluu nidanda’u. Ijoolleensaanii garuu Afaan Oromoo baruu bira darbee ittiin barachuufuu carroomaniiru. Boora’uu nageenyaa mudateen walqabatee taateen addatti isaanirra ga’e hin turre.

Haaluma walfakkaatuun Dargaggoo Birhaan Birillee gamasaaniin, umurii ijoollummaasaatti gara godinichaa dhaquu himee; aanaa Sadii Caanqaatti nama namummaasaan kabajuun jaalalaan waliin jiraachuurraa kan hafe jibbaafi ilaalchi sabummaa bakka akka hin qabne ibseera.

Akka inni jedhutti, bakka birootti buqqaattiifi haleellaan sabummaa bu’uureeffate mudachuu miidiyaarraa dhaga’eera. Ta’us aanaa kanatti gama kamiinuu taateen addatti isaanirra ga’e hin turre, har’as hin jiru. Inumaayyuu boqqolloo kilaastaraan mandara torba keessatti omishamaa jiruutti barreessaa koree ta’ee tajaajilaa jira. Harka qalleeyyii kilaastara sana keessa jiran hirphuun waliin misoomaa, guddachaa waan jiraniif jaalalli gidduusaanii jiru daran ho’aadha.

Obbo Yirdaawu Mallasaa gamasaaniin akka jedhanitti, ummata gidduu rakkoon hin jiru ta’us rakkoo uumaa kan jiru holola dharaa to’annaa malee tamsa’aa jirudha. Aanaa amma jiranitti osoo rakkoon hin mudatin holola dharaan akka waan rakkoon jiruutti namootni holola dharaa facaasaa tura. Qaama mootummaas ta’e ummatni godinichaa akka qaroo ijasaaniitti isaan kunuunsa; isaanis ummata godinichaaf jaalalaafi kabaja guddaa qabu.

Bulchaan godinichaa Obbo Gammachuu Gurmeessaas “Oromoon keessummaaf bakka guddaa waan qabuuf” saboota biroof kunuunsaafi eegumsi olaanaan taasifamuusaa hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You