Imala ce’umsa indastirii Mojoofi Adaamaa gidduutti eegale: Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa

Imala Itoophiyaa badhaate ijaaruu Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahmad qabatan milkeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee guddina dinagdee biyyattiis ta’e naannichaa ariifachiisan hedduu raawwachaa jira. Keessumaa ce’umsa qonnarraa gara industiriitti taasifamu milkeessuuf riifoormiwwan garagaraa naannichatti hojiirra oolaa jiru.

Riifoormii sektera qonnaa irratti taasifameen inisheetiviwwan 28 bocamanii hojiirra oolaa jiraniin bu’aawwan abdachiisoon galma’aa jiru. Keessumaa riifoormii jijjiiramaa as qonnaarratti taasifameen qamadii biyyaa alaatii galu hambisuun gara biyya alaatti akka ergamu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphateera. Riifoormichi qonnaan bulaan makanaayizeshinii qonnaa, sanyii filatamaafi guddistuu callaa akka fayyadaman taasisuudhaan qonna aadaarraa gara ammayyaatti akka ce’u taasisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Omisha qonnaatti sona dabaluudhaan gara biyya alaatti erguufi alaa kan galu ammoo omisha biyya keessaatiin bakka buusuun invastimantiifi indastirii babal’isuuf hojiin ijaarsa pirojektii Zoonii Dinagdee Addaa Magaalaa Mojoofi Adaamaa gidduutti erga jalqabamee waggaa lama ta’eera. Ijaarsa pirojektichaa milkeessuuf bu’uraaleen misoomaa kanneen akka humna ibsaa, daandii, bishaanii guutamaniiru; lafti ijaarsi ittigeggeeffamus qophaa’ee namoota sababa misoomaatiin lafti isaanii fudhatameef beenyaan kaffalameera.

Hojiin ijaarsa Pirojektii Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Caamsaa 2 bara 2016 bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Ministeerotni, Hoggantootni Naannoo Oromiyaa, Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee argamanitti ifatti jalqabeera. Hojiin ijaarsa pirojektichaa Kaampaanii Chaayinaa ‘CRCC’ jedhuun kan adeemsifamu yoo ta’u, ‘China Civil Engineering Construction Company (CCECC)’ Daariktara Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen waliin waliigaltee mallatteessuun hojicha jalqabeera.

Seenaa gabaabaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa

Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa ALA bara 2020 kan hundeeffame yoo ta’u, Finfinneerraa gara Bahaatti kiloomeetira 65 fagaatee argama. Zoonii dinagdee kana ALA bara 2060tti giddugala daldalaa moodala Afiriikaa taasisuu mul’ata jedhu qabatee hojjetamaa jira.

Lafa tajaajila invastimantii indastiriif hawwataa taasisuun giddugala daldalaa ta’ee carraa hojii uumee, sharafa alaa argamsiisuun ce’umsa qonnarraa gara industiriitti taasifamu milkeessuun ammoo manii zoonichaati. Hojiin ijaarsa pirojektichaa lafa hektaara kuma 24 irratti kan adeemsifamu ta’a. Pirojektichi bu’uraalee misoomaa barbaachisan guutuun invastarootaaf haala mijeessuurratti xiyyeeffata.

Hiika Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa

Akka hiikaa Baankii Addunyaatti, hiikaan Zoonii Dinagdee Addaa Zoonii daldalaa bilisaa, qindeessa alergii, ‘Hybrid export processing zone), buufata bilisaa, zoonii addaafi zoonii intarpiraayizii of keessatti qabata.

Zoonichi Magaalaa Mojoofi Adaamaa gidduutti akka ijaaramuuf wantoota akka carraatti ilaalaman

Daandii daldalaa biyyattii isa ijoofi seensa biyyoota ‘Giddugaleessaafi Dhihaa irratti kan argamu ta’uu, tajaajila loojistikiif daandii baaburaafi buufata meeshaalee (Modjo dry port)tti dhiyaatee argamuun, humni namaa ga’aan naannawaa ijaarsichitti geggeeffamutti argamuun carraatti gaariitti ilaalamuudha.

Wantoota Zoonii Diinagdee keessatti hammataman

Zooniin ijaaramu indastiriiwwan guguddoofi salphaa, indastirii maanifaakchariingii, neetiwoorkii quunnamtii biyyaalessaafi biyyoolessaa, industiriiwwan keemikaalaa, faarmaasiifi pilaastikiifi tajaajila telekomiiifi tajaajiloota biroo ofkeessatti qabata.

Ergaa Ministira Mummee Doktar Abiyyi Ahmad

Waggoota darban bu’aa inisheetiivota qonnaa boqqolloo, qamadii, bunaa haasa’aa turre. Har’a garuu isa keessaa baanee waa’ee indastirii carraa hojii namoota baay’eef umuu danda’uu haasa’uu eegalleerra. Mootummaan naannichaa inisheetiivota gargaraa hojiirraa oolchuudhaan qonnarraa bu’aa guddaa argamsiisaa jira. Yeroo ammaa qamadii biyya alaatii galchaa turre hambisuun danda’ameera. Bu’aan gama qonnaan galmaa’e indastirii irratti milkeessuuf jalqabbiin Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa eegalame murteessaadha. Kanaaf, mootummaan naannoo Oromiyaa milkaa’ina ijaarsa pirojektichaaf halkaniif guyyaa hojjechuun akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Ergaa Pirezidaantii Oromiyaa Obbo Shimallisa Abdiisaa

Imala Itoophiyaa badhaate ijaaruu eegalame dhugoomsuuf mootummaan jijjiiramaa waggoota darban keessatti yaadota haaraa jiruufi jireenya hawaasa jijjiiruuf Ministira Muummeen maddisiifaman bu’uura godhachuudhaan hojii bal’aan nannoo Oromiyaatti raawwatameera. Mul’ata kana giddugaleessa godhachuudhaan inisheetiivota gara garaa hojiirra oolchuudhaan, qonnaan bulaan qonna qofaarratti akka xiyyeeffatu osoo hintaane kan qotee argaterraa akka qusatuuf deggarsa addaa taasisuun qonnaan bultotni kuma 15 ol gara invastimantiitti akka ce’an ta’eera.

Ce’umsi kun jijjiirama biyyaa keessatti qonnaan bultootni naannichaa ga’eesaanii akka ba’aniif bu’uura ta’a. Gama biraan indastirii babal’isuun keessattuu intarpirinaroonni akka uumaman, abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa akka jajjabaataniif kenniinsa foddaa tokkoon kennamu sadarkaa hundatti babal’isuun invastimantii babal’isuurratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira. Mul’ata Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kan ta’e indastiriin ga’eesaa akka taphatuuf Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa akka ijaaramuuf qophii bal’aan taasifamaa ture bakka Ministirri Muummee argamanitti eegalchiisuun mootummaan naannoo Oromiyaa ga’eesaa ba’aa jira. Waggoota ittaanan keessatti bakki ijaarsichi ittigeggeeffamu bakka namootni kumaatamaan hojii ittargatan, iddoo ce’umsiifi badhaadhinni Itoophiyaa ittidhugoomu ta’a. Kana galmaan ga’uuf hawaasni naannawaa pirojektichaa deggarsa barbaachisaa taasisuu qabu.

Ergaa Kampaanii ‘CRCC’

Ittigaafatamaan ‘CRCC Dai Hegen’ akka jedhanitti, Chaayinaan biyyoota Afriikaa waliin hojjechuu erga eegaltee turteetti. Keessumaa biyya akka Itoophiyaa balbala seensaa Afrikaa taateef xiyyeeffanaan waliin hojjechaa akka jira ibsan. Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa kanaa keessatti teknolojiifi dandeettii hoggansa maanifaakchariingii, indastirii keessatti hirmaachuun Itoophiyaan moodelii giddugala dinagdee Afiriikaa akkaa taatuuf kaampaanonni Chaayinaa hirmaanna taasisan ittifufu.

Hirmaannaa abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa keessatti taasisan leeccalloo Oromiyaa keessaattii sona dabaluudhaan omisha alergii dabaluudhaan dinagdee Itoophiyaa guddisuun hariiroon biyyoota lamaanii daran akka cimu taasisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Ergaa Hayyuu Dinagdee Doktar Qosxanxinos Barahetasafaa

Hayyuun dinagdee Doktar Qosxanxinos Barahetasafaa Zooniin Dinagdee Addaa eegalamuun qonna waggoota dheeraaf mala aadaan adeemsifamaa ture hambisuun sektericha gara tekinolojii fayyadamuutti ceesisa. Misooma jal’isii babal’isa, dhiyeessiifi ittifayyadamni guddistuu callaa akka dabalu taasisuun omishaafi omishitummaan akka dabalu taasisa.

Muuxannoo hanga ammaatti jiruun Itoophiyaan omisha bunaa, beeyiladaa, saliixii, albuudaa osoo hinqindeessin alergiif olchaa turte. Zooniin dinagdee kun hundaa’uun Itoophiyaan omishaaleetti sona ittidabaltee gabaaf dhiyeessuun guddina dinagdee si’ataa akka galmeessiftuuf daandii saaqa. Kana hordofee cancala dhiyeessii biyya keessaarratti mul’atu hir’isuun sirna gabaa tasgabbaa’aa uuma.

Kana malees abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa zoonii dinagdee kanatti hirmaatan bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaan, ifaafi daandiif qarshii utuu hinbaasin hojii keessa akka galan taasisa. Kun hundi walqabatee guddina dinagdee biyyattii ariifachiisuun carraan hojii babal’isa, omisha alergiis akka dabalu taasisuun galii sharafa alaa guddisa. Kanaaf, mootummaan imaammataafi tarsimoorraa eegalee xiyyeeffannaa guddaa ittikennuu qaba. Keessumaa bulchitootni aanaaleefi qaamoleen naannawaa Zooniin Dinagdee Addaa Gadaafi paarkii indastirii jiraatan haala mijataa akka uuman taasisuu qabu.

Yaada Daarektara Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen

Riifoormiiwwan dinagdee damdameessa ijaaruuf mootummaan bu’aa hedduu buusaa jira. Bu’uura kanaan Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa qorannoo bu’a qabeessummaa irratti hundaa’uudhaan giddugala dinagdee gara indastiriitti ce’uuf taasifamu si’eessuuf ijaarsa isaa eegaluuf qophii xumuree jira. Zoonii kun warraaqsa dinagdee 5ffaa sadarkaa addunyaatti geggeeffamuuf jedhu keessatti shoora isaa ba’uuf karooraafi glama hiixataa qabateera.

Zooniin dinagdee lafa hektaara kuma 24 irratti hundaa’e kun invastimantiiwwan alergii hawwachuu, sharafa biyya alaa argamsiisuu, dargaggootaaf carraa hojii bal’aa umuu, guddina magaalotaa babal’isuu, kalaqaaf haala mijataa umuu keessatti shoora olaanaa taphata. Zoonichi keessasaatti imala kilaasatara dinagdee hedduu kanneen akka paarkii loojistikii, zoonii daldala bilisaa, paarkiiwwan indastirii kilaastera 13 ta’aniif lafti hektaara kuma shan adda ba’eera. Paarkiiwwan qonna qindaa’aa, bashannanaafi tuurizimii akkasumas tajaajiloota addaa misoomsuun xiyyeeffannoo zoonichaati. Zoonichi walittihidhamiinsa dinagdee dhugoomsuuf kan eegalame ta’uun adda isa godha.

Hawwattummaa invastimantii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa lafa misoomaaf ta’u hektaara kuma lamaafi 33 qopheessuun danda’ameera. Ijaarsa boqonnaa jalqabaa zoonichaaf lafti heektaara 420 ta’uuf beenyaa qarshii biliyoona tokko kaffaluun invastaroota biyya keessaafi alaafi qopheessee jira.

Dabalataanis lafa hektaara 647 beenyaa qarshii biliyoona sadiitti tilamaamu kaffaluun fudhatee misoomaaf qopheessuuf haalduree xumuree jira. Hojii misooma zoonichaa boqonnaa jalqabaaf ta’u daandii asfaaltii kiilomeetira 1.4 ta’u, dhiyeessii bishaanii daqiiqaa tokkotti bishaan liitira 600 kennuu danda’u dhiyeessuf hojjetamaa jira.

Ijaarsi buufata ibsaa meeggaa waattii 230 ta’u dhibbantaa 40 irra ga’ee jira. Hojii beeksisaaf hawwattummaa zoonichaarratti hojjetameen abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa kaappitaala qarshii biliyoona 120 ol galmeessan 21 hojii keessa galchuuf qophiin xumurameera. Milkaa’ina zoonii kanaa mirkaneessuun qindoomina sekteroota hundaa barbaada waan ta’eef damee dinagdee qonnaa, tuurizimii, ICT, albuudaa misoomsuun hojjetamaa jirachuufi qaamolee hundi zoonichaaf deggarsa barbaachisu akka taasisaniif waamicha taasisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 8 Bara 2016

Recommended For You