Shaashamanneefi Hambaarichoon sigigaatan

– Baankiin daldalaa dursaa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii piriimeerii Itoophiyaa baranaa xumuramuf taphawwan sadii qofti yoo hafu Hambaarichoo Duraameefi Shaashamanneen gara liigii biyyaalessaatti gadi deebi’unsaanii beekameera.

Kilaboonni kunniin gara liigii biyyaaleessaatti kan deebi’an taphawwan hanga ammaatti addemsisatanitti Hambaarichoon qabxii saddeet, Shaashamanneen ammoo qabxii 13 galmeesisuudhaan sadarkaa liigichaa maahessaarratti argamu.

Kilaboonni lameenuu shaampiyoonaa bara 2015tti liigii biyyaalessaarraa gara liigii piriimeeriitti kan ce’an yoo ta’u, waggaa tokko keessatti sigigaachuudhaan bakka dhufanitti deebi’aniiru.

Shaampiyoonaa baranaatti gara liigii piriimeeritti kan ce’e Baankiin Daldalaa Itoophiyaa taphawwan taasifatetti qabxii 53n liigicha dursuudhaan abdii waancaa fudhachuf qabu baldhifateera.

Baankichi taphawwan sadan isa hafan lamatti mo’ate tokkotti walqixa yoo bahe shaampiyoona ta’uurraa kan isa ittisu hinjiru jechuudha.

Kilabni Machaal ammoo qabxii 50n sadrkaa lammaffaarratti yoo argamu, abdiin inni shaampiyoona ta’uuf qabu taphawwan sadan isa hafanitti sadanittuu yoo mo’atellee shaampiyoona ta’u hindanda’u. Kanaafuu abdiin Baankiin Daldalaa Itoophiyaa waancaa fudhachuuf qabu baldhaadha.

Walmorkichi dheengadda ittifufuudhaan Dirree Dhawaan Walqixxee 3-0n, Inshuraansiin Adaamaa 4-1n mo’ataniiru.

Qabxiinsaanii maxxansaaf nuu dhaqqabuu baatus walmorkiin kun kaleessas Machaaliifi Shaashamanneen, Baahirdaariifi Walaayittaa jidduutti adeemsisameera. Boru ammoo liigicha dursaa kan jiru Baankiin Daldalaa Itoophiyaafi Hambaarichoo Duraamee, Hadiyyaafi Hawaasaan ni taphatu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You