“Ka’umsi kiyya darbannaa eeboo, ittigalli kiyya maraatooniidhaan” – Atileet Addisuu Goobanaa

Finfinnee: Bara injifannoo gootota maraatoonii Abbabaa Biqilaafi Maammoo Waldeerraa kaasee hanga har’aatti dirreewwan atileetiksii addunyaarratti, keessattuu fiigicha fageenya dheeratiin Itoophiyaan adda durummaan eeramti.

Injifannoo maraatoonii biyya keenyaa bara Abbabaa Biqilaafi Maammoo Waldee keessa Addunyaa ajaa’ibsiisee ture bara dhaloota Balaayinah Deensaamoo, Abbabaa Makonnoon, Gazaahany Abarraa, dubaraan Faaxumaa Roobaafi kkfn dadamaqee muldhate dhaloota har’aatiins ittifufeera.

Gaazexaan Bariisaas dhaloota har’aa keessaa tokko kan ta’e atileetii abdii boruu, Addisuu Goobanaa wajjin turtii taasiseera. Addisuun dhalatee kan guddate Naannoo Oromiyaa, Godina Arsii, Aanaa Boqojjiitti. Ispoortii kan jalqabe ammoo yeroo kutaa 9ffaa baratu ta’uu eereera.

“Iddoon ani itti dhaladhe Boqojjiin omisha garbuufi qamadii maddiitti dargaggoota ispoorii atileetiksii horachuun beekama. Haalli qilleensa Boqojjiifi naannawashee jireenyaaf mijataadha.

Mana barumsaatti ispoortii kanan jalqabe atileetiksiidhaan miti. Dhiibbaa barsiisaa ispoortii mana barumsaa sadarkaa lammaffaa tokkooni. Waan qaamni kiyya furdaa tureef darbannaa eeboo akkan shaakalu nagorse. Achumaanin ittifufe.

Ergan barnoota 12ffaa xumuree booda aanaa kiyyaan filatamee Wiirtuu Leenjii Atileetiksii Xirunash Dibaabaa Assalaatti argamutti makame.

Halkan sa’aatii 11:00tti ka’een atileetota wajjin shaakalaan ture. Fedhiin kiyyas yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun darbannaa eeboorratti xiyyeeffachuu jalqabe. Ta’us waanin maatii kiyyarraa fagaadheef gargaarsa dhabee ispoortii dhaabe. Boqojjiitti deebi’uuf dirqameen ture.

Utuma kun kanaan jiruu adaadaan tiyya atileetii beekamtuun Ruuttaa Aagaa yeroo maatii gaafachuuf gara Boqojjii dhuftu rakkina kiyya itti himadhe. Isheenis waan dandeetii kiyya beektuuf Finfinnee nafiddee darbannaa eeboo dhiisee fiigichaan ishee wajjin shaakaluu jalqabe.

Waanin kilaba hinqabneef kanin dorgomu dhunfaadhaani. Yeroo gabaabaa keessatti dorgommii qaxxaamura biyyaa, shaampiyoonaawwan atileetiksii kilaboota Finfinneefi Oromiyaa wajjin dorgomee qabxii gaarii fidaan ture.

Leenjistoonniifi kilaboonni garee biyyaalessaa dandeettii kiyya hubatan. Guyyaa tokko leenjisaan garee atileetiksii biyyaalessaa Hajjii Adeeloo nawaamee isa wajjin shaakaluu jalqabe. Guyyaan tun guyyaa carraan tiyya itti banamteedha.

Leenjisichi atileetota beekamoo wajjin dorgommii qaxxaamura biyyaarratti nahirmaachise. Anis sadarkaa keessa galuun xumure.

Yeroo jalqabaatiif dorgommii walakkaa maraatoonii Finfinneedhaa gara Sandaafaatti adeemsisamerratti hirmaadhee osoon hanga kiiloo meetira 20 dursaa jiruu muuxannoo dhabuu kiyyaan 11ffaa bahe.

Sana booddee dorgommiiwwan biyya keessaafi alaarratti hirmaachuu jalqabe. Fiigicha maraatoonii Dubaayirratti hirmaadhee sa’aatii gaarii galmeessisuun atileetota beekamoo Addunyaa caalee tokkoffaa bahuudhaan mo’adheera. Iddoowwan adda addaatis hirmaachuudhaan milkaa’eera. Ammas milkaa’aan jira.

Hunda caalaa kan nagammachisu fiigicha olaanaa Itoophiyaa kan bara darbe iddoon itti dhaladhee guddadhe Magaalaa Boqojjiitti kiiloo meetira 10n adeemsisamerratti hirmaadhee tokkoffaa bahuun mo’achuu kiyya.

Leenjisaan Abbaadha. Atileetonni leenjistootasaanii kabaju qabu. Injifannoo atileetii tokkoo duuba leenjisaa cimaatu jira. Atileetonni kana hubachuudhaan leenjistootasaanii kabajuu qabu jedha.

Ka’umsi kiyya darbannaa eeboo ta’us ittigalli kiyya Olompikii, shaampiyoonaa Atileetiksi Addunyaafi Afrikaati. Kana caalaa hojjedhee maqaa Itoophiyaa waamsisuuf kaayyoo guddaan qaba” jedheera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You