Fiigichi Guddichi Boqojjii boru Boqojiitti adeemsifama

Finfinnee: Magaalaan Boqojjii Oromiyaa, Godina, Arsii, Aanaa Boqojjiitti argamti. Finfinneerraa gara Kibba Bahaatti kiiloo meetira 231 irratti kan argamtu magaalaan tun, haalli qilleensashee baddaafi baddadareedha.

Boqojjiin gootota Olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa, dorgommii qaxxaamura biyyaa Addunyaa, Taphawwan Guutuu Afrikaa, Shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaafi dorgommiiwwan maaraatonii addaddaarratti biyyasaanii waamsisan horachuudhaan beekamti.

Madda atileetota Itoophiyaa kan taate Boqojjiin Atileet Hajjii Bulbulaa, Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaa, Mastaawot Tufaa, Qananiisaa Baqqalaafi Taarikuu Baqqalaa, maatii Dibaabaa (Ijjigaayyoo, Xirunash, Ganzabee) akkasumas Tiikii Galaanaafaa firiiwwansheeti.

Kanumarraa ka’uun Boqojjii “Dirree gootota Atileetiksii Burqisiistu” jedhamuun seenaanshee galmeewwan atileetiksii keessatti barreefamaan kan kaa’ameef.

Gootota kanneen kan horatte Boqojjiin caalaatti addunyaarratti akka beekamtuuf Ministeerri Turizimiifi bulchiisni magaalattii waggaa waggaadhaan dorgommiifi daawwannaa taasisaa jiru.

Kantiibaan Magaalaa Boqojjii Aadde Birihaanee Naggasaa dorgommicha ilaalchisuun ibsa Kibxata darbe kennaniin akka ibsanitti, Ministeera Turizimiifi Waajjira Fiigicha Guddichaa Itoophiyaa wajjin walta’uun Fiigichi Guddichaa Boqojjii kiiloo meetira kudhanii boru Boqojiitti akka adeemsisamu eeran.

Fiigichi kun yeroo 3ffaaf kan adeemsifamu yoo ta’u, atileetota beekamoo dabalatee namoonni dhuunfaa kuma tokkoofi 500 ol ni hirmaatu jedhaniiru.

Ganda goototaa kana kootaa daawadhaa kan jedhan kantiibaa Birihaaneen, Boqojjiin atileetiksiin ala iddoowwan hawwataa hedduu waan qabduufi qilleensishee mijataa waan ta’eef abbootiin qabeenyaas Boqojjii dhufaanii akka invasti godhan waamicha dhiheessaniiru.

Ministirri Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliis gamasaaniin akka jedhanitti, ”Ganda fiigdotaa” jedhamuudhaan maatii atileetiksii addunyaa biratti baldhinaan kan beekamtu Boqojjiin turistoota biyya keessaafi alaa birattis akka beekamtu gochuun barbaachisaadha.

Fiigichaan ala naannoleefi godinaalee adda addaatti aadaa ummataa, hambaalee biyyaafi qabeenya keenya daaw’ataa birratti beeksisuu qabna.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You