Beenishaangul Gumuzitti qophiin qonna gannaa taasifamaa jira

Finfinnee: Qonna ganaan qophiin lafaafi guddistuu callaa taasisaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Beenishaangul Gumuz ibse.

Hogganaan biirichaa Obbo Babakir Haliifaa ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin qonna gannaatiif barnaaf qophiin lafaafi guddistuu callaa akkasumas ashaaraa magariisaa taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Akka ibsasaaniitti, barana lafa hektaara miliyoona 1.3 ol sanyiidhaan uwwisuuf karoofamee hojjetamaa jira. Qophii hanga ammaatti taasifameen lafti hektaarri kuma 193fi 238 qotamuun hektaarri kuma 350 ol ta’u ammoo qullaa’uun qonnaaf qophaa’eera.

Lafa barana sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame keessaa heektaarri kuma 370fi 229 kilaastaraan qotamuun callaa kuntaalaa miliyoona 10.4 ol akka eegamu himanii; waliigalaan qonna ganna baranaarraa callaa kuntaala miliyoona 45.1 oltu eegama. Karoorriifi raawwiin qonna baranaa oggaa kan bara darbee faana walbira qabamee ilaalamu hektaara kuma 208fi 770n caalmaa qabas jedhaniiru.

Qophii dhiyeessii guddistuu callaatiin kuntaala kuma 203 naannichaaf eeyyamame keessaa kuntaalli kuma 141 naannicha qaqqabeera. Mankuusa xaa’oo godinalee Kamaashii, Matakkaliifi Asoosaatti banameen gurgurtaafi raabsiin guddistuu callaa bakka bu’aa hojjetaa biiroo qonnaa dhimma kana raawwachiisuuf ramadameen qonnaan bultoota dhaqqabaa jira jedhan.

Raabsa hanga ammaatti geggeffameen guddistuun callaa kuntaalli kuma 40 ta’u harka qonnaan bulaa ga’eera. Qonnaan bultootnis gurmaa’uun wiirtuulee godinarratti hundeeffamerraa akka fedhasaaniitti bitanii fudhachaa jiraachuu himanii; duraana rakkoon sirna raabsii yuuniyeeniifi waldaaleen mudachaa ture yeroo ammaa furamuu ibsaniiru.

Sanyii filatamaa kuntaala kuma 20 naannichaaf barbaachisu keessaa kuntaalli kuma afur argamee godinaalee lafa qonnaa bal’ina qabaniif dhiyaachaa jira jedhan.

Haaluma walfakkaatuun eegumsa biyyeefi bishaanii naannichaa cimsuuf hojiin ashaaraa magariisaa cimee ittifufeera jedhanii, ashaaraa magariisaa ganna baranaaf biqiltuu miliyoona 67 dhaabuuf karoorafamee hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Hojii hanga ammaatti hojjemeenis qophiin biqiltuu dhibbantaan 87 xumuramuu eeraniiru.

Biqiltuulee dhaabaman keessaa miliyoonni 57 biqiloota bosonaa, miliyoonni 10 biqiloota nyaataaf oolaniidha jedhan.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You