“Agarsiisni kalaqa saayinsii barsiisonniifi barattootni beekumsa horatan hojiin akka mul’isan taasiseera” – Doktar Zalaalam Mulaatuu

Finfinnee: Agarsiifni kalaqa saayinsii marsaa 9ffaa waliigala Magaalaa qindeessummaa Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneetiin qophaa’e mata duree “Qulqullina Barnootaa Mirkanaa’a Badhaadhina Biyyaaf” jedhuun Paarkii Michummaatti jalqabameera.

Agarsiisicharratti kalaqaaleen saayinsii barsiisotaafi barnootaan hojjetaman agarsiisaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, agarsiisichi guyyoota sadiif kan ittifufu ta’a.

Hogganaa Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Doktar Zalaalam Mulaatuu haasaa baniinsa agarsiisichaarratti taasisaniin akka jedhanitti,

agarsiifni kalaqa saayinsii waggaa waggaan adeemsifamu barsiisonniifi barattoonni magaalattii beekumsa horatan hojiin akka mul’isan taasisaa jira. Dhaloota barnootaan qaruun biyya guddisuufi jijjiiruu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.

Agarsiisichi barsiisonniifi barattoonni kalaqa saayinsii haaraa akka hojjetaniif bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu himanii, akkasumas muuxannoo akka walirraa qooddachuun hojii kalaqa saayinsii eegalan cimsanii akka ittifufaniif kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin akka jedhanitti, agarsiifni kalaqa saayinsii barsiisotaafi barattoota dhiyaate bu’aa hojiilee barnootaa magaalattii kan agarsiisaniidha.

Barsiisonniifi barattoonni waan barsiisaniifi baratan hojiin akka mul’isan taasisuun qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Akka Aadde Adaanech jedhanitti, biyyattiin namoota dubbatan, barsiisaniifi hubachiisan hedduu qabdi. Dubbachuufi barsiisuu qofa utuu hinta’in waan dubbannuufi barsiifnu hojiin mul’isuu qabna. Itoophiyaan ammayyuu hojiilee kalaqaa rakkoolee furaniifi tajaajila si’staa kennan hedduu barbaaddi.

Agarsiifni kalaqa saayinsii barsiisotaafi barattoota magaalattiin dhiyaate kun barattoota biyyattii hundaaf fakkeenya gaarii ta’uu himanii, hojiin abdii namatti horu kun kalaqaalee haaraan akka hojjetamaniifis balbala kan banu ta’uu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You