“Wallaggi dachee jaalalaa, nageenyaafi gammachuu ta’uun qabatamaan mul’ateera” -Bulchitoota godinaalee Wallaggaa

Finfinnee: Hiriirri deggarsaa Roobii darbe Naqamtetti adaeemsifame ummataafi mootummaa aannaniifi garaa taasisuu cinatti Wallagga dachee jaalalaa, nageenyaafi gammachuu ta’uu qabatamaan mul’isuusaa bulchitoonni godinaalee Wallagga hubachiisan.

Bulchitoonni kunneen kaleessa Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ummatni Wallaggaa jijjiirama amma argameef akkuma Oromoo kaanii ilmaansaa qaalii hedduu wareegeera. Jijjiirama har’aaf wayita kutaan hawaasaa sadarkaan jiru falmachaa turetti gochi gara jabeenyaa seenaan hindagatne ummata kanarratti raawwatameera. Jijjiirama argames itichee tursiifachuuf ilmaansaa waardiyyaa akka ta’aniif ijaarsa raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaafi qaamolee nageenyaa biroof tumsa olaanaa taasiseera.

Haa ta’u malee, rakkoo nageenyaa godinaalee kunneen keessa tureen walqabatee tumsaafi gumaachi Wallaggaa akka dagatamu taasisuu cinatti maqaa gaarii qabu gurraachessuu akka danda’es bulchitoonni kunneen kaasaniiru.

Bulchaan Godina Wallagga Bahaa Obbo Waaqgaarii Nagaraa akka jedhanitti, miirri ummatni Wallaggaa Ministira Mummee Doktar Abiyyiifi jillasaanii itti simate daran nama boonsa. Ergaafi gammachuun fuulaa Doktar Abiyyiifi Obbo Shimallis Abdiisaa ummatatti hamilee olaanaa horeera.

Hiriirri deggarsaa kun mootummaafi ummata garaafi aannan taasisuun maalummaa Wallaggaa dhiigaafis diinaafis sirriitti hubachiiseera. Ministirri Muummeenis haasaa taasisaniin kallattii misoomaa kaa’aniiru.

Hiriirri kun ummata dheebuu misoomaafi nageenyaa qabu kallattiin mootummaan waliin walitti fiduu qofa osoo hintaane ummata godinaalee afranii walitti fiduun dhimmoota hawaasummaafi nageenyaarratti akka yaada waljijjiiraniif carraa guddaa akka uumes ibsaniiru.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Solomoon Taammiruu gamasaaniin akka jedhanitti, ummatni Wallaggaa hacuuccaa sirnoota darban keessa ture qolachuuf falmii taasisaa tureen bu’uuraalee misoomaa dabalatee waantota hedduun qoqqobameera. Ilmaaniifi beekaa hedduus dhabeera.

Jijjiirama as wayita fuulasaa misoomatti deebisee jirutti dirree dimokraasii bal’isuuf paartiilee siyaasaa biyya hambaa jiran dabalatee waamicha taasiseen walqabatee kan biyya seene ABO Shaneen sochii gaarii ture gara hamaatti  jijjiireera. Ummatni Wallaggaas adda durummaan rakkoo hamaaf saaxilameera.

Ta’us ummatni kun akka diinotni jedhan faallaa mootummaa osoo hintaane mootummaa qabsoo taasiseen gara aangootti fide ta’uu yeroo darbe kaardii filannoosaatiin mirkaneessuu bira darbee hanga Naqamteetti imaluun aantummaafi jaalala mootummaaf qabu hiriira deggarsaatiin mul’isuu yaadachiisaniiru.

Ummatni Wallaggaa, keessattuu Horroo Guduruu Wallaggaa utuma Finxaaleyyiifi Shaneen dhiibbaawwan adda addaa irraan ga’anii mootummaa jijjiiramaa waliin jiraachuu kaardii filannoosaatiin dhugoomseera kan jedhan ammoo Bulchaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixeeti. Ummata harka tokkoon nageenya mirkaneessuuf mootummaa cina dhaabachaa gama kaaniin ammoo misooma keessa jiru seenessi mormaa fakkeessuu bal’inaan afarfamaa tureera. Haa ta’u malee, yeroo lammaffaaf harka walqabatee ba’uun Magaalaa Naqamteetti jaalalaafi aantummaa qabu mul’isuun seenessa sobaa saaxileera jechuun ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You