Eegalamuun ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa ummata hiyyummaa keessaa baasuuf gumaacha olaanaa qaba

Luumee: Eegalamuun ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa industirii babal’isuufi carraa hojii uumuun ummata hiyyummaa keessaa baasuuf gumaacha olaanaa qaba jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan. Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa kaleessa eegalame.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad sirna eegalchiisuu ijaarsa zoonichaarratti haasawa taasisaniin, eegalamuun ijaarsichaa carraa hojii uumee sharafa alaa argamsiisuun hiyyummaa balleessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Waggoota darbanitti waa’ee qamadiifi bunaa dubbataa turre. Har’a immoo waa’ee industirii humna namaa baay’ee hammachuun carraa hojii uumuu danda’u sadarkaa jalqabsiisuurra geenyeerra. Bu’aa qonna qamadiirraa argameen qamadii biyya alaatii galchuun hafeera jechuunis ibsan.

Milkaa’ina gama qonnaatiin argame gara industiriitti ceesisuuf jalqabamuun ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa murteessaadha. Kanaafis, gaheen hoggantoota mootummaa naannoo Oromiyaa olaanaa ta’uu hubatanii halkanii guyyaa hojjechuun akka fiixaan baasaniif kallattii kaa’aniiru.

Bu’uuruma kanaan Zooniin Daldala Bilisaa Magaalaa Dirree Dawaatti eegalamuu himanii; isa lammaffaa immoo Luumeetti har’a eegalchiifneerra jedhan. Babal’inni industirii biyya kanatti carraa hojii, galii sharafa alaa guddisuun dhiibbaa mootummaarra jiru hir’isuun sirna daldala nagaqabeessa dhugoomsuun imala badhaadhinaa milkeessa jedhan.

Kanaaf, ummatni naannawa pirojektichaa jiraatu nageenya mirkaneessuun deggarsa barbaachisu akka taasisu dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniin, Itoophiyaa badhaate ijaaruuf yaada haaraa Ministirri Muummee maddisiisan bu’uura godhachuudhaan inisheetiivota jireenya ummataa jijjiiran hedduu jijjiiramaa asitti hojiirra oolaa jiru jedhan.

Keessumaa hojii qonnarratti hojjetameen deggarsa qonnaan bulaaf taasifameen qonnaan bultootni kuma 15 gara investimantiitti akka ce’an ta’eera. Milkaa’ina argamaa jiru kana gara industiriitti ceessisuuf interpiranarii, abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa akka ittihirmaataniif tajaajila foddaa tokkoorratti xiyyeeffannaa kennuudhaan hojjetamaa jira jedhan.

Naannoon Oromiyaa mul’ata Itoophiyaa badhaate ijaaruu keessatti shoora irraa eegamu taphachuuf babal’ina industiriirratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Kanaafis, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa ijaaruun bakka Ministirri Muummee argamanitti akka eegalamu ta’eera. Waggoota muraasa booda bakki kun (Luumeen) bakka namootni kumaatamaan hojii ittargatan ta’uurra darbee giddugala daldala Afrikaa akka ta’uuf hojiin eegalame cimee ittifufa jedhan.

Humna nama barate ga’aa uumuufi ijjiirama kana dhaloota ittaanutti ceesisuuf barnoota jijjiirama galmaa’aa jiru giddugaleeffate kennamaa jira.

Daarektarri Zoonii Daldalaa Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen ijaarsichi guddina magaalaa babal’isuun guddina dinagdee gara maanifaakichariingiitti ceesisuuf gumaacha olaanaa qaba. Ijaarsi zoonichaa marsaa afuriin kan raawwatu ta’uu himanii; daandii saffisaa, baaburaa, sarara ifaa biyyaalessaafi magaalaa guddoo biyyaatti dhiyoo ta’uun filatamaa akka taasisus ibsaniiru.

Imala rifoormii dinagdee Oromiyaa eegalame dhugoomsuuf Daarektarri Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa Obbo Mootummaa Tamasgeen hogganaa Kaampaanii ‘CCECC’ ‘Lia Weiminfi’ waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 3 Bara 2016

Recommended For You