Taphni guutuu Oromiyaa Jimmatti adeemsifamaa jira

Jimma: Waggoota jahaaf sababoota adda addaan citee kan ture taphiwwan guutuu Oromiyaa barana yeroo 26ffaaf magaalaa Jimmaatti Ebla 6 bara 2016 eegalee adeemsifamaa jira.

Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa wayituma kana akka muldhisanitti, akaakuuwwan ispoortii adda addaa Oromiyaatti babaldhisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Biiroon Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa barana gandaa kaasee hanga godinaaleetti sochii ispoortii olaanaa gochaa jiraachuu eeran.

Akkasumas dargaggoonni naannichaa yeroo aara galfannaasaanii iddoo hintaanetti akka hindabarsineef bakkawwan oolmaa ispoortii babaldhisuudhaan dargaggoota dabalatee hawaasni bakka hojjetutti, ooluufi bakka jiraatutti akka sochii qaamaa taasisu gochaa jirra jedhan.

Sochiiwwan ispoortii barana taasifamaa turan keessaa hojjetaan mootummaa naannoo Oromiyaa dirreewwan ispoortii adda addaatti ganama ganama osoo hojii hinjalqabiin torban lamatti altokko sochii qaamaa taasisaa jiraachuus eeraniiru.

Akkasumas, shaampiyoonaa manneen barnootaa waggoota shanii oliif addaan citee ture deebi’ee akka jalqabamuuf barana torban lamaaf shaampiyoonaa manneen barnoota Oromiyaa magaalaa Baatuutti gaggeessuudhaan haala miidhagaadhaan xumuruu addeessaniiru.

Taphiwwan guutuu Oromiyaa waggoota jahaaf addaan citee barana gandaa kaasee sadarkaa sadarkaadhaan shaampiyoonaawwan adda addaa adeemsisuun ispoorteessitoota kuma 800 ol hirmaachisaa turuus eeraniiru.

Taphawwan guutuu Oromiyaa guyyoota 15f adeemsifamu kanarratti ispoorteessitoonni kuma afuriifi 747 godinaaleefi magaalota bakka bu’uudhaan akaakuuwwan ispoortii 21n hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kaayyoon shaampiyoonichi itti adeemsifamuuf, dargaggoota Oromiyaa walitti fiduudhaan aadaasaanii akka waljijjiiran, miira tokkummaa, jaalalaafi obbolummaasaanii caalaatti akka cimsatan gochuu akkasumas dargaggoota ispoortiidhaan biyyasaanii waamsisan horachuuf ta’uu dubbataniiru.

Guyyaa taphichi jalqabametti fiigicha kiiloo meetira kuma 10n dhiirota jidduutti adeemsifamen atileet Fayyisaa Muluu Godina Shawaa Kaabaarraa tokkoffaa yoo ba’u, atileetonni Godina Arsii Kamaal Huseeniifi Lammaa Tashoomaa lammaffaafi sadaffaa bahaniiru.

Taphawwan Guutuu Oromiyaa kun hanga Ebla 20 bara 2016tti kan ittifufu ta’a.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You