Taphawwan guutuu Oromiyaarratti hirmaannaa godinaalee

Jimma: Taphiwwan guutuu Oromiyaa magaalaa Jimmaatti Ebla 6 bara 2016 irraa kaasee adeemsifamaa jira. Shaampiyoonaa yeroo 26ffaaf adeemsifamaa jiru kanarratti godinaaleefi bulchiinsonni magaalota naannichaa hirmaachaa jiru.

Godinaalee shaampiyoonicharratti hirmaachaa jiran keessaa Godinni Shawaa Kaabaafi Bulchiinsi Magaalaa Asallaa ni eeramu. Gareen ispoortii godinichaa shaampiyoonicharratti hirmaachuuf Jimmatti argameera. Gaazeexaan Bariisaas wayita gabaasa shaampiyoonichaatiif Jimmatti argametti ittigaafatamtoota waajjiraalee dargaggoofi ispoortii godinichaafi magaalichaa haasofsiseera.

Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Godina Shawaa Kaabaa Obbo Lammaa Dastaa akka ibsanitti, godinnisaanii tapha guutuu Oromiyaa kanarratti hirmaachuuf dorgommiiwwan sadarkaalee adda addaatti gaggeesseera.

Dargaggoota akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin dandeettii qaban ciccimoo qabatanii dhufuus eeranii, kunis bulchiinsa Magaalaa Fiichee dabalatee aanaalee 16 jidduutti akaakuuwwan ispoortii saddeetiin guyyoota 10f adeemsifamuu ibsaniiru.

Akaakuuwwan ispoortii kanneen keessaa sirriitti xiyyeeffannaadhaan kan gaggeeffame dorgommii kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, atileetiksii, daartii cheezii, bunyaafi teenisa minjaalaa ta’uu eeraniiru.

Godinichi taphawwan guutuu Oromiyaa kanarratti akaakuuwwan ispoortii shaniin aanaalee hundarraa ispoorteessitoota ciccimoo 68n hirmaachaa jiraachuus himaniiru.

Godinichatti ispoortiin bu’uura hawaasaa akka qabu kan eeran Obbo Lammaan, ummanni godinichaa jaalala ispoortiif qabuun karaa tokkoon hirmaattota ispoortii jajjabeessaa gama kaaniin ammoo hojiilee misoomaarratti hirmaachaafi nageenyasaa eeggachaa jiraaachuu dubbataniiru.

Godinichi ispoortiiwwan aadaarrattis xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu eeruun, “Godinni keenya guluffiifi sharxii fardaa, korboo, saddiiqaafi waldhaansoodhaan beekama. Walumaagalatti godinichi ispoortii aadaatiin bu’uura hawaasaa qabateera. Kana dhaloota haaraa dhaalchisuufis xiyyeeffannaan hojjechaa jirra” jedhan.

Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Magaalaa Asallaa Obbo Badhoo Dhaabaa gamasaaniitiin shaampiyoonaan duraan waggaa lama lamaan adeemsifamaa tureefi jidduutti addaan citee ture deebi’uusaatti daran gammaduu eeranii; isaanis ispoorteessitoota ciccimoo qabatanii dhiyaachuu dubbataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You