Aartiin daawwitii dhugaa ummata keessa jiru baasee agarsiisuufi bashannansiisaa barsiisuudha

Amaataroonni 150 marsaa saglaffaaf akaakuuwwan aartii adda addaatiin Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti ji’oota sadiif leenji’aa turan Wiixata darbe eebbifamaniiru. Amaataroonni kunneen ogummaa aartii fiilmii, shubbisa, muuziqaa, weedduu, qofdubbii (Monologue), Sululukii, walaloo, bobbocaa, fakkiifi waltajjii beeksisuudhaan leenji’anii eebbifamaniiru.

Sirna eebbichaarratti ammoo fiilmiin matadureensaa “Sigigaachuu” jedhu, ofdubbiin (‘monologue’) Injifannoo Adwaarratti xiyyeeffatu akkasumas sirboonniifi shubbisni godinaalee Oromiyaa eebbifamtootaan dhiyaataniiru.

Fakkiiwwan Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, Pirezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa akkasumas pirezdaantota duraanii naannichaa, aartistootaafi gootota Oromoo Waraana Adwaa geggeessaa turan saglan kanneen amaataroota eebbifamaniin kaafaman soddomni hirmaattota sagantichaatiin daawwatamaniiru.

Daarektarri Giddugala Aadaa Oromoo Aadde Makkiyaa Jamaal akka jedhanitti, ilmi namaa aartiitti fayyadamuu kan jalqabe gaafa yaaduu eegalerraa ka’eeti. Yaadni aartii uume. Aartiin ammoo deebi’ee yaada uume. Yaadnis guddina uumee jiruufi jireenya dhala namaa fooyyesse. Hojiin Aartii Giriik hanga Roomaatti, Awurooppaa hanga Eeshiyaa, Ameerikaa hanga Afrikaatti akkaataa haalli eeyyameefi qaroomina hawaasasaaniitiin hojiirra oolaa as ga’eera.

Ummanni Oromoos erga lafa kanarra jiraachuu jalqabee as hojiilee kalaqaa guguddaafi dinqisiisoo yaada, eenyummaa, qaroominaafi jiruufi jireenyasaa ibsachuuf aartiiwwan gochimaafi barruutti dhimma bahaa tureera. Aartiin bifaafi qabiyyee adda addaatiin kan ibsamu yoo ta’u, uumamarraa madduun muuxannoo beekumsaafi kennaa uumamaa ogeessotaan kalaqamanirratti hundaa’a. Aartiiwwan bifaafi qabiyyeesaanii eeganii of eeggannoodhaan bocamanii haala miira qirqirsaniifi sammuufi onnee namaa kakaasuu danda’aniin hawaasaaf kan dhiyaatan ta’uu himu.

Akka Aadde Makkiyaan jedhanitti, aartiin calaqqee hawaasni tokko keessatti of ilaaluun cimina qabu gabbifatuufi hanqina qabu ammoo akka guuttatu taasisuudha. Aartiin ogummaa guddaa hawaasni tokko gaddaafi gammachuu, quuqqaafi booree akkasumas fedhiifi hawwiisaafi deggarsaafi mormiisaa ittiin ibsataniidha.

Aartiin hawaasdinagdeefi siyaasa biyyaa ijaaruu, guddisuufi roga gaarii biyya tokkoo ijaaruu keessattis bakka olaanaa qaba. Aartiin calaqqee jiruufi jireenyaafi mallattoo qaroomina saba tokkoo ta’uudhaanis ni tajaajila. Yeroo ammaa aartiin nama bashannansiisuurra darbee rakkoolee hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa akkasumas meeshaa dhimmoota walxaxoo ta’an ittiin furan ta’ee tajaajilaa jiraachuus eeraniiru.

Biyyoonni aartiitti fayyadamuun rakkoolee gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan jiran furatan kanneen akka Afrikaafi Ameerikaa Kibbaa maqaa dhahuun ni danda’ama. Aartiin Oromoos ummata dadammaqsuun tokkummaa sabaa cimsuu, lammii jaalala biyyaa qabu uumuufi nageenyi waaraan akka dhufu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira. Giddugalli Aadaa Oromoos hambaalee sona olaanaa qaban kanneen ummanni Oromoo jiruufi jireenyasaa keessatti ittifayyadamaa ture giddugala tokkotti fiduudhaan akka daawwataman taasisuudhaan qaroomina ummata Oromoo addunyaatti beeksisaa jira. Hambaalee giddugala tokkotti walittiqabes eegaafi kunuunsaa jiraaachuus himaniiru.

Giddugalichi marsaa saglaffaaf amaataroota 150 ogummaa aartii gara garaatii (fiilmii, tiyaatira, muuziqaa, meeshaa muuziqaa taphachuu, fakkii kaasuu, shubbisaafi sirbaan) ji’oota sadiif leenjisaa ture eebbisiiseera. Eebbifamtoonni kunneen ogummaa tiyaatiraa jalatti koorsiiwwan taatummaa, qajeelchuu, barreessuu fudhataniiru. Ogummaa fiilmii jalatti ammoo koorsiiwwan fiilmii barreessuu, gulaaluu, qajeelchuufi fiilmii hojjechuu fudhataniiru. Akkasumas shubbisa aadaa sirboota godinaalee Oromiyaa hundaan leenji’aniiru.

Kaayyoon leenjichaa inni guddaan madda ogeessota aartii babal’isuun hanqina gama ogummaa kanaan jiru guutaa deemuun aartii Oromoo guddisuudha. Giddugalichi dargaggoota aartiidhaan kennaa addaa qaban godinaaleefi magaalota naannichaa keessa jiran dorgomsiisee ogummaa aartii garagaraatiin eebbisiisaa jira.

Leenjiin akkanaa utuu walirraa hincitin sadarkaa godinaaleefi bulchiinsa magaalotaarratti kennuun ogeessota aartii baay’inaafi qulqullinaan horachuun ogummaa aartii guddisuu akkasumas aadaa, seenaa, hambaa Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Industirii aadaafi aartii Oromoo guddisuun roga gaarii naannichaa ibsuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu himanii, amaataroonni eebbifamanis imaanaa aadaafi aartii Oromoo guddisuuf kennameef duudhaa Oromoo durii eeganii yeroo kamuurra kaka’umsaafi murannoo cimaan akka hojjetaniif dhaamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu akka jedhanitti, mootummaan naannichaa industirii aartiifi aadaa Oromoo cimsuuf hojiilee guguddoo hojjetaa tureera; hojjechaas jira. Hojiilee raawwatamaa turaniinis bu’aalee guguddoon galmaa’aniiru.

Ogummaa aartiifi aadaatiin (sirbaan, walaloofi barreeffamaan) dhugaa jal’isuun daba guddaa Oromoorrattis ta’e biyyattiirratti dalagamaa ture hanga tokko sirreessuun danda’ameera. Bu’aan gama kanaan galmaa’es akka salphaatti kan ilaalamu miti. Seenessa qeenxee gara seenaa walootti jijjiiruuf artistoonni, hayyoonniifi barreessitoonniifi ogeeyyiin aartii gahee isaanirra eegamu kutannoo cimaan bahachuun akka qaban yaadachiisaniiru.

Leenjiiwwan gaggabaaboon aartiifi aadaa Oromoo guddisuuf Giddugala aadaa Oromootti kennamu kolleejoota adda addaa keessattis babal’achuu akka qaban himanii, leenjiin walfakkaatu godinaaleefi bulchiinsota magaalaa Oromiyaa hundatti kennamaa jira. Artistoonnis ogummaa horatan hojiitti jijjiiruun aartiifi aadaa Oromoo guddisuufi beeksisuu keessatti gahee irraa eegamu akka bahataniif dhaamaniiru.

Hogganaan Waajjira Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Abdulaziiz Daawud akka jedhanitti, hojiilee mootummaan naannichaa erga hundaa’ee as xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjechaa jiru keessaa tokko aadaa, seenaafi aartii Oromoo cimsuufi ijaaruudha.

Hojii kana Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa hundeessuudhaan raawwachaa jira. Biirichi; hawwisoowwan gara garaas sadarkaa godinaa, aanaafi bulchiinsa magaalaatti hundeessuufi qorannoowwan adeemsisuudhaan aadaafi aartii Oromoo guddisuu keessatti hojii bal’aa hojjechaa tureera; hojjechaas jira. Biirichi hojjii aadaa, aartiifi afaan Oromoo caalaatti guddisuufi babal’isuuf manneen hojii lama (Giddugala Aadaa Oromoofi Qo’annoofi Qorannoo Oromoo) of jalatti hundeessuun hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Giddugalichis erga hundaa’ee kaasee gama aadaafi aartii Oromoo guddisuufi beeksisuutiin hojiilee guguddaa raawwwachaa jiraachuu himanii, leenjii giddugalichi dargaggoota kennaa aartii qaban godinaaleefi bulchiinsota magaalaa naannichaarraa dorgomsiisee kennaa jirus guddina aartii Oromoo keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira.

Leenjiin aartii Oromoo guddisuuf dargaggootaaf kennamaa jiru kunis cimee itti fufuu akka qabu dhaamuun mootummaan naannichaa gama kanaan deggersa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uus eeraniiru.

Yunivarsitii Finfinneetti Gaazexeessummaafi Kominikeeshiniidhaan barataa waggaa sadaffaa kan ta’eefi Amaataroota eebbifaman keessaa tokko Marii’ol Kaasaahuun akka jedhutti, dorgommii leenjii Giddugalli Aadaa Oromoo baase dorgomee darbuun ji’oota sadiif yeroo barnoota idileetiin ala ji’a sadiif Sanbataafi Dilbata leenji’uudhaan ogummaa tiyaatiraafi fiilmiidhaan eebbifamuu dubbata.

Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Yaamaaloogii Walal, Magaalaa Tajjootti dhalatee Mana Barumsaa sadarkaa tokkoffaa, lammaffaafi piripaaraatoorii bakka dhalootasaatti kan barate Marii’ol, barnootasaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa wayita barachaa ture gumii ogbarruufi diraamaatti hirmaachaa turuufi fedhiin aartiis yeroo sanarraa jalqabee keessaatti kan uumame ta’uu dubbata. Gumichas geggeessaafi diraamaa gara garaa barreessuun keessatti hirmaachaa turuus eereera.

Leenjii ogummaa aartiirratti argateen hojjechuufi dargaggoota carraa kana hin argannes leenjisuuf qophii ta’uu kan himu Artist Marii’ol, leenjii Giddugalli Aadaa Oromoo aartiirratti kennaa jiru qarshii baasaniillee barachuun haalli itti dhabamu waan jiruuf dargaggoonni kennaa artii qaban carraa leenjii giddugalichi bilisaan kennu kanatti fayyadamuu akka qaban dhaameera.

Aartiin Oromoo yeroo ammaa sadarkaa gaariirra jira kan jedhu barataan kun, hojiin aartii Oromoo guddisuuf raawwatamaa jirus abdii namatti hora. Finfinneettis Galmi Tiyaatiraa Oromoo ijaaramaa jira. Dargaggoonni kennaa aartii qaban carraawwan argaman hundatti fayyadamuun aartii Oromoo guddina keessatti gaheesaanii akka bahatan dhaameera.

Marii’ol sirna eebbichaarratti qofdubbii (‘Monologue’) matadureensaa ‘Seenaa hatame’ jedhuufi seenaa gootota Oromoo waraana Adwaarratti hirmaatanii dhokatee ture ibsuurratti xiyyeeffatu dhiyeesseera. ‘Monologue’n akaakuuwwan aartii keessaa tokko kan ta’eefi kan namni tokko yaada keessoosaa jiru waltajjiirratti bahee ibsuufi dameen aartii kun walaloo caalaa miira namaa kakaasuudhaan nama boossisuun ykn gammachiisuun ergaa cimaa dabarsuuf kan gargaaru ta’uus eereera.

‘Monologue’n industirii aartii Oromoo keessatti akka diraamaafi fiilmiitti baay’inaan kan hinmuul’anne ta’uufi yeroo ammaa dargaggoonni baay’een ogummaa aartii kanaatti dhufaa jiraachuus eereera.

Ermiyaas Waaqkennee Naannoo Beenishaangul Gumuzitti dhalatee guddate. Barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bakkuma dhalootasaatti barate. Barnoota sadarkaa olaanaa Yunivarsitii Asoosaatti barate. “Abbaan kiyya waldaatti diraamaawwan gara garaa hojjeta. Anis waanan diraamaa abbaan koo hojjetu ilaalaa guddadheef diraamaa hojjechuu isarraan baradhe. Abbaa koo waliinis diraamaa hojjechaan ture” jedha.

Aartiin kennaadha. Leenjii Giddugalli Aadaa Oromoo aartiirratti nuu kenne ammoo kennaa koo akkan guddifadhuuf carraa gaarii naa uumeera kan jedhu Artisti Ermiyaas, diraamaadhaan ergaa akkamitti bareechee ummataaf akkan dabarsuu danda’urratti leenjii argadheera. Leenjicharratti waa’ee aartii qofa utuu hintaane waa’ee aadaafi duudhaa Oromoos waa hedduu baradheera. Waan barate hojiirra oolchuun aadaafi aartii Oromoo guddisuufi ummata barsiisuufi tajaajiluuf qophii ta’uus eereera.

Artisti Ermiyaas diraamaa matadureensaa ‘Sigigaachoo’ jedhu kan sirna eebbichaarratti dhiyaaterratti taatoo ijoo ta’uun kan hojjete yoo ta’u, qabiyyeen diraamichaa abbaan warraafi haati warraa waldhaga’uu akka qaban, maatiifi ollaa waliin akkamitti jaalalaan jiraachuu akka qaban kan barsiisuudha. Abbaan warraafi haati warraa obsaan waldhaga’uu, waliin mari’achuun ijoolleesaanii akka guddifatan kan barsiisu ta’uus eereera.

Ogummaa aartii horatetti fayyadamuudhaan aadaa, duudhaa, aartiifi Afaan Oromoo guddisuuf kan hojjetu ta’uufi ogummaa kanaan tokkummaafi jaalala ummata Oromoo cimsuuf kan hojjetu ta’uufi aartiin daawwitii dhugaa ummata keessa jiru baasee ummatatti kan agarsiisuufi bashanansiisaa barsiisu ta’uus himeera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You