Qarshii biliyoona 50 birmannaa Itoophiyaanota hundaa fedhu 

Finfinnee: Dhimmi hidha Laga Abbayyaa dhimma gartuu siyaasaa osoo hintaane dhimma biyyaafi dhalootaati. Lagni Abbayyaa biyyoota yaa’aa gadiitti miliyoonota sooruufi ifuuf, hiyyummaafi dukkana Itoophiyaa arguu dhabuunsaa gaaffii dhaloota har’aa ta’eera.

Biyyee gabbataan biyyoota yaa’aa gadii bashannansiisaa Itoophiyaa weedduu qofaan hiyyummaa dagachiisaa tureera. Abbayya dhimma xiiqii, dhimma gaabbii barootaafi dhaloota ammaafi ittaanuu  waan ta’eef garaagarummaa tokko malee gara xumuraatti fiduun dirqama hundaa ta’uun hubatamee hojiitti seenameera.

Dhalootni hiyyummaadhaan miidheefi dukkanni darare Abbayyaatiin misoomsuuf wayita xiiqiin ka’u biyyootni miidhamaafi hiyyummaan Itoophiyaa madda gammachuusaanii ta’e waan qabaniifi danda’an hundumaan misoomni lagichaa akka gufatuuf daran carraaqaniiru, har’as boqotaa hinjiran. Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa milkaa’ina har’a argamuufi egeree misooma lagichaa ilaalchisee hayyoota waliin turtii taasiseera.

Hayyuun Saayiinsii Siyaasaafi Hariiroo Idiladdunyaa Yuunivarsiitii Finfinnee Yaa’iqoob Arsaanoo (PhD)  akka jedhanitti, Itoophiyaan Laga Abbayyaaf bishaan  dhibbantaa 86 gumaachaa fayyadamummaa haqaqabeessi akka diriiru osoo hojjechaa jirtuu dhimmi lagichaa Yaa’ii  Maree Nageenyaa Idiladdunyaarratti  marsaawwan hedduuf dhiyaachuu qaanii tokko malee  “Ana qofaatu fayyadama” jechuu Gibxii agarsiisa. Gibxi misooma jallisiitiin wabii nyaataa mirkaneeffachuu qofa osoo hintaane fedhii humna elektiriikiif qabdu guuttatteetti. Ummata Itoophiyaa qabeenya humna ibsaanis ta’e misooma jallisiitiin eegeerra jirtu inumaayyuu fayyadamummaa haqaqabeessa hordoftu waltajjii addunyaatti dhaadhessuun gochaafi ilaalcha jaarraa 21ffaa hinmadaalleedha.

Laga Abbayyaa misoomsuuf ka’uun Itoophiyaa qormaata guddaafi miixuu hamaa harkisee dhufeera. Biyyootni Yaa’a lagichaa gadii, keessattuu Gibxiifi Sudaan marii gamsadee bira taruun hanga biyyoota addunyaa daboo kadhachuutti ga’aniiru. Kanarraa ka’uun deeggarsi maallaqaa kallattiilee hundaan akka gogu taasisaniiru.

Ta’us ummatni Itoophiyaa lukkuu hanga lubbuutti ijaarsa hidhichaa bira dhaabbachuun raajii dalageera. Gama dippiloomaasiinis hojiin keessaafi alaan hojjetame dhugaa biyyattiin qabdutti dabalamee injifannoo boonsaa argameef ka’umsa ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsi taasifame maallaqa qofa osoo hintaane kan hamilee, ogummaafi qorqalbii kan dabalatu ta’uu ibsanii; xiiqii ummatni taasisaa tureefi jiru aantiif jabina, diinaaf ammoo salphina. Gama dippiloomaasiin ummatni biyyattii garaagarummaa tokko malee dhaabbachuun abjuu hidha guddichaa kanaaf ture gara abdii qabatamaatti  jijjiiree  galma ga’iinsa xumuraaf  onnatee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Raawwachiisaan Hojii Waldaa Dayaasporaa Itoophiyaa Obbo Abrahaam Xilaahuun gamasaaniin, Gibxii yoo danda’ameef ijaarsi hidhichaa akka hineegalamne yoo eegalame ammoo akka gufatu gochuuf dhiibbaa guddaa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.

Hojii dippilomaasii mootummaan hojjete cinatti gaheen hawaasni dayaasporaa shira kana fashaleessuuf taphate olaanaa ta’uu dubbataniiru. Dayaasporaan qarshiin qofa osoo hintaane dippiloomaasiifi hamileedhaan garaagarummaa tokko malee gumaacha irraa eegamu hunda ba’ateeras jedhan.

Gorsaan Boordii Waldaa Dayaasporaa Itoophiyaafi Hayyuun Saayiinsii Siyaasaafi Hariiroo Idiladdunyaa Obbo Ermiyaas Makonnon akka jedhanitti, ijaarsi hidhaa Laga Abbayyaa waggoottan 13 darban bu’aa ba’ii milkaa’inaafi gufannaa hedduu keessa darbe.

Ummatni Itoophiyaa gaaddisa tokko jalatti tumsa barbaachisu taasiseera. Ijoolleen hawaasa dayaasporaa jaalala biyyasaaniif qabanirraa kan ka’e konkolaataa miiccuun qarshii argataniin hidhicha tumsaniiru. Haqa Itoophiyaa karaatti hanbisuuf Gibxi namoota karaa dalgaatiin Itoophiyaadhaan falman mindeessitee bobbaasaa turte.

Gibxi biyyootni Arabaa hedduun Itoophiyaa waliin hojjechuu mitii hojii misoomaa Itoophiyaa keessatti taasifamuttiyyuu gufuu akka ta’an hojjechaa jirti. Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaa deebii akka hinargatneef Gibxiin dhagaa hingalagalchine hinqabdu jedhanii; Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa, Doonaaldi Tiraampi dhiibbaa Gibxiin dogoggoranii murtoo, “Hidhichi yaa dho’u” jedhurra ga’uutti deemuunsaanii Itoophiyaaf qormaata salphaa akka hinturre dubbatu.

Ta’us Itoophiyaanonni Ameerikaa jiraatan tokkummaan gara masaraa mootummaa biyyattii deemuun dhiibbaa taasisaniin ummatni Ameerikaa yaada Doonaaldi Tiraampi ceepha’uun akka Itoophiyaa cina hiriiru taasisuu yaadachiisanii; ammas taanaan xumura ijaarsa hidhichaatiif qarshii biliyoonni 50 hafe ummata miliyoona 120 oliif homaa akka hintaane hubachiisaniiru.

Pirojektii gatii guddaan itti ba’e kana xumuruun misoomaaf oolchuuf barbaachisaa taanaan laaqanaafi ciree walitti butuun dirqama. Itoophiyaan biyya guddoo qabeenya guddaa qabdu waan taateef jijjiirama rogawwan maraaf xiiqii guddaadhaan hojjechuun barbaachisaadha. Osoo qalama kophee biyya keessatti omishnuu biyya ollaa, Keeniyaarraa galchuun xiiqii uumuu qabas jedhan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You