Oromiyaatti guddistuun callaa yeroon qaqqabaa jira

Finfinnee: Qonna arfaasaafi gannaaf guddistuun callaa godinaalee hunda yeroon dhaqqabaa jiraachuu Biiroofi Waajjiraaleen Qonna Oromiyaa ibsan. Sassaabbiin qamadii bonaas haala gaariirra jira jedhameera.

Daarektarri Fedhiifi Ittifayyadama Guddistuu Callaa Biiroo Qonna Oromiyaa Taakkalaa Qurundeefi Ittigaafatamtoonni Waajjiraalee Qonnaa godinaalee Qellem Wallaggaafi Arsii Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, qonna arfaasaafi gannaaf kan oolu guddistuun callaa dhaqqabaa jira.

Akka Obbo Taakkalaan ibsanitti, raabsi guddistuu callaa baranaa sadarkaa naannoofi godinaaleetti haala karoorfameen dhaqqabaa jira. Fedhii guddistuu callaaf bara kana jiru  kuntaala miliyoona 8.2 keessaa kuntaalli miliyoona 4.5 dhaqqabeera. Kan bule dabalatee ammaan tana kuntaalli miliyoona 5.2 hojii qonnaaf oolaa jira.

Qonna arfaasaa, qamadii bonaafi naannawa qophii gannaatiif bitatan dabalatee guddistuun callaa kuntaalli miliyoona 1.89 qonnaan bulaa qaqqabeera jedhanii; Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaan raabsamaa jiraachuu himaniiru. Sochiin bittaafi raabsa guddistuu callaa baranaa yeroosaa kan eeggateedhas jedhan.

Biirichatti daarektarri misooma midhaanii Obbo Musxafaa Huseen akka jedhanitti, lafa hektaara  miliyoona tokkoofi kuma 228 ol qopheessuuf karoorfame keessaa karooraa ol lafti hektaarri miliyoona tokkoofi kuma 340 ol qophaa’uu himanii; hektaarri miliyoona tokkoofi kuma 114 ol sanyiidhaan uwwifamuus dubbataniiru.

Biirichumatti Qindeessaan Inisheetiivii Misooma Qamadii Bonaa Obbo Xahaa Muummee akka ibsanitti, barana qamdii bonaa lafa hektaara miliyoona 2.6 sanyiidhaan uwwisuuf karoorfamee hektaara miliyoona 2.8 uwwifamee callaa kuntaalli miliyoona 105.8 eegamaa jira. Hanga Roobii darbeetti callaan qamadii kuntaala miliyoona 68 sassaabameera. Omishni osoo roobaan hinmiidhamin ariitiin sassaabamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Obbo Gannaa Mahaammad gamasaaniin guddistuun callaa yeroon isaan dhaqqabuun qonna arfaasaafi qamadii bonaatti haalaan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Hanga ammaatti guddistuun callaa kuntaalli kuma 506 godinicha dhaqqabe waldaalee hojii gamtaan qonnaan bulaaf rabsameera. Qonna arfaasaa hektaara kuma 112 sanyiidhaan uwwifamerratti guddistuun callaa hojiirra ooleera. Xumura sassaabbiitti callaa kuntaala miliyoona 3.8 eegama.

Godinichatti waliigalaan omisha qamadi jallisiii bonaarraa callaa kuntaala miliyoona 10 argachuuf karoorsuu eeranii; lafa hektaara kuma 233 sanyiidhaan uwwifame keessaa omishni lafa  hektaara kuma 57 irraa sassaabamerraa callaan kuntaala miliyoona 1.7 argamuu eeraniiru.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Waajjira Qonnaa Godina Qellem Wallagaa Obbo Darajjee Qannaas guddistuun callaa baranaa yeroodhaan godinicha qaqqabuu ibsanii; hanga ammaattis guddistuun callaa kuntaalli kuma 89 godinicha dhaqqabe waldaaleen hojii gamtaa qonnaan bulaaf raabsameera.

Guddistuun callaa yeroodhaan qaqqabuun rakkoo daandii rooba gannaatiin uumamuu malu hambisuun aanaalee fageenyarra jiran bira yeroodhaan qaqqabsiisuuf haala mijaa’aa uumuu eeraniiru. Qamadii bonaa lafa hektaara kuma 62 qotamerraa callaa qamadii kuntaala miliyoona lamaa ol  akka argamus ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You