Oromiyaatti  alergii bunaarraa  doolaarri miliyoona 480 argame

Finfinnee: Oromiyaatti buna hanga kurmaana 3ffaatti gabaa alaatti ergamerraa galii doolaarri Ameerikaa miliyoona 480 argamuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa ibse. Qaala’iinsa gatii gabaa ayyaana Faasikaa to’achuuf qorannoon gabaa sadarkaa godinaafi magaalotaatti gaggeeffamaa jiraachuunis ibsameera.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka ibsanitti, hanga kurmaana 3ffaatti daldalaa alergii bunaarraa galiin doolaara miliyoona 480 argameera.  Galii kana caalaatti guddisuuf karoorri waggaa 10n baay’ina, artiifi qulqullina hojii akkasumas carraa hojii bal’aarratti xiyyeeffate qophaa’ee hojiirra ooleera.

Alergii dabaluu, kenna tajaajilaa dijitaalessuufi to’annoon dhaabbilee daldalaa hojjetamaniiru. Carraa hojii uumuu, dhiyeessii meeshaalee bu’uuraafi walittihidhamiinsa gabaa uumuu, qaala’iinsa gatii to’achuuf gabaa sanbataa hundeessuun milkaa’inoota guguddoo hanga Bitootessaatti galmaa’an ta’uu yaadachiisaniiru.

Akka ibsasaaniitti, kenna tajaajilaa fooyyessuuf tajaajilli ‘E-Trade’fi moosaajiiwwan adda addaa misooman maamiltoota kuma 689fi 463f tajaajila  kennuun danda’ameera. Kunis malaammaltummaa, qisaasama qabeenyaa, humnaafi yeroo hambisuu keessatti shoora mataasaa gumaacheera.

To’annoofi hordoffii  dhaabbilee daldalaa kuma 871fi 983fi warshaalee  kuma sadiifi 237 gaggeeffameen dhaabbileen daldalaa kuma 150fi 172 rakkoo adda addaa qabaachuu himanii; dhaabbilee kuma 149fi 875 irratti tarkaanfiin fudhatameera jedhaniiru.

Haaluma kanaan dhaabbilee daldalaa  kuma 43fi 461 ofeeggannoo, kuma 60fi 236 saamsamuun, kuma lamaafi 178 eeyyamnisaanii ugguramuu, 937 eeyyamnisaanii  wayita  haqamu adabbii taasifamerraa qarshiin miliyoona 15 ol mootummaaf galii ta’eera.

Qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf gabaa sanbataa 282 hundeessuun Magaalaa Finfinneetti qarshii miliyoona 65 ol, Magaalaa Adaamaatti qarshii miliyoona 245.7, magaalaa Shaggaritti  qarshii miliyoona 172 garaarummaa gatiin dabalataa ba’uu malu baraaruun danda’ameera.

Haaluma walfakkaatuun ayyaana Faasikaa bara 2016 sababeeffachuun  qaala’iinsi gatii akka hinuumamneef gareen ja’a sadarkaa naannootti hundeeffamuun qorannoon gabaa godinaaleefi magaalotarratti gaggeessaa jiru.

Dhiyeessiin omishaalee ayyaanaa gabaa sanbataa hundeeffamaniirratti akka dhiyaataniif haalli mijaawaan jiraachuu himanii; omishaaleen qonnaa magaalaatti argaman waldaalee hojii gamtaa waliin omishaalee akka dhiyeessan hojjetamaa jiraachuus Obbo Tasfaayeen ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You