“Murtoon qabsoo karaa nagaatti deebi’uu jajjabaachuufi ittifufiinsa qabaachuu qaba” -Paartilee siyaasaa morkattootaa

Finfinnee: Shanee dabalatee qaamoleen qabsoo hidhannoo taasisan qabsoo karaa nagaatti deebi’uuf murtoon fudhachaa jiran ittifufuufi jajjabeeffamuu akka qabu paartileen siyaasaa morkattootaa Itoophiyaa ibsan.

Paartileen kunneen Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, kanaan dura qaamoleen hidhatanii naannolee Benishaangul Gumuz, Gaambeellaafi Sumaaleetti rakkoo nageenyaa uumaa turan gara nagaatti deebi’uusaaniin tasgabbii jajjabeessaan akka uumamu taasiseera. Tibbanas Oromiyaatti harka kennachaa jiraachuun hidhattoota Shanee naannichattis ta’e akka biyyaatti abdii nageenyaa kan uumudha. Murtoon qabsoo karaa nagaatti deebi’uu kun akkuma biyyaattuu murtoo ittifufiinsaafi jajjabeeffamuu qabuudha.

Dubbii Himaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Toleeraa Tashoomaa Adabaa akka jedhanitti, jijjiiramaa as qabsoo karaa nagaaf karra bal’aa banameen paartiisaanii dabalatee paartilee siyaasaa hedduun kara nagaatti deebi’aniiru. Ta’us qaamni paartiisaaniirraa foxxoqe, Shaneen qabsoo karaa nagaa dhiisee bosonatti maquun walqabatee waggoota ja’an darban Oromiyaa keessatti gaaga’amni guddaan dhaqqabeera. Gaaga’amni dinageefi hawaasummaa sukanneessaan raawwatameera. ABOn jalqabumayyuu qabsoo nagaatti kan deebi’eef gaaga’ama akkasii hanbisuu dabalatee qabsoon hidhannoo tooftaa qabsoo jaarraa ammaa waan hintaaneefi, jedhan.

Haa ta’u malee, hidhattoonni Shanee qabsoo karaa nagaatti deebi’uuf murtoon tibbana fudhachaa jiran murtoo sirriifi haala qabatamaa biyyattii ilaalcha keessa kan galcheedha jedhanii; kana duras hidhattoonni ABO hedduun meeshaa lafa kaa’anii qabsoo nagaatti deebi’an badiisa mudachuu maluufi tooftaa qabsoo yeroon gaafatu hubachuurraa akka maddes dubbataniiru. Akka miseensonni Shanee guutummaatti karaa nagaatti deebi’aniif hojiin hirmaannaafi hubannoo hawaasaa gabbisuu cimee ittifufuu akka qabuufi qabsoo karaa nagaafis haalli mijachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Dura Taa’aan Paartii Sosochii Bilisummaa Ummata Benishaangul Gumuz Obbo Abdulsalaam Shangil gamasaaniin akka jedhanitti, waamicha mootummaan taasiseen hidhattoonni Gumuziifi Beeniin jedhaman hedduun gara nagaatti deebi’uusaaniin haalli nageenyaa hamaa ture haalaan tasgabbaa’eera.

Paartiinsaanis qabsoo karaa nagaatti deebi’uu cinatti mana maree paartilee morkattootaa naannichaaf walittiqabaa ta’ee tajaajilaa jira. Yeroo ammaa naannichatti sodaan nageenyaa ture daran xiqqaatus rakkoon nageenyaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa naannichaafis yaaddoo guddaadha.

Rakkoo nageenyaa hidhattoonni Shanee Oromiyaatti, qaamni Faannoo jedhee of waamu ammoo naannoo Amaaraatti uumaniin walqabatee waan daandiin yeroo garagaraa cufamuuf sochiin giddugaleessa biyyattiifi naannicha gidduutti taasifamu haalaan danqama. Sochiin hidhattoonni Shanee tibbana gara nagaatti deebi’uuf taasisan Oromiyaa qofa osoo hintaane naannichaafis misiraachoo guddaadha. Akka biyyaattis ta’e addunyaatti qabsoon hidhannoo boodatti hafaa ta’uun ala milkaa’innisaa daran dhiphaadha.

Haaluma walfakkaatuun Dura Taa’aan Paartii Dimokraatawaa Tokkummaa Ummata Sidaamaa Obbo Solomoon Boroddaa akka jedhanitti, Oromiyaatti paartileen morkattootaa amala walfakkaatu qaban qabsoo karaa nagaafi karaa hidhannoo hordofuunsaanii dirree siyaasaa walxaxaa taasiseera. Haa ta’u malee, gaaffiin ummata Oromoos ta’e ummata Itoophiyaa kan deebii argatu qabsoo karaa nagaafi nagaan qofa yoo ta’e filatama. Qabsoon karaa nagaa tokkummaa biyyaafis ta’e dagaagina sirna dimokiraasiif murteessaadha.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You