Lammiilee godaansarraa deebi’an kuma 32f carraan hojii uumame

Finfinnee: Ji’oottan saglan darbanitti lammiilee godaansarraa gara biyyaatti deebi’an kuma 32f carraan hojii uumamuu Ministeerri Dubartootaafi Dhimma Hawaasummaa beeksise.

Ministeerichatti Raawwachiisaan Hojii Dursaa Deeggarsa Lammiilee Godaansarraa Deebi’aniifi Ittisa Godaansa Seeraan Alaa Obbo Darajjee Taggibaluu Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, lammiilee godaansarraa gara biyyaatti deebi’an deebisee dhaabuuf mootummaan caasaafi tarsiimoo diriirsuun hojjechaa jira.

Akka ragaaleen ibsanitti, waggaatti lammiileen Itoophiyaa kuma 100 hanga kuma 150 karaa seeraan alaa biyya hambaattii kan godaanan ta’uu ibsanii; kabaja lammiileesaaf qaburraa kan ka’e mootummaan Itoophiyaa mootummoota biyyoota garagaraa waliin ta’uun lammiilee karaa seeraan alaa godaananii rakkoof saaxilaman deebisuun carraa hojii uumuufii cinatti lammiilee karaa seeraqabeessaan deemanii hojjechuu fedhaniif ammoo haala mijataa uumuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Godaansi seeraan alaa kan heddummatu filmaanni karaa seeraqabeessaan bobba’anii hojjechuu sirriitti waan lafa hinqabanneef ta’uus himanii; barana ministeerichi namoota kuma 100 ta’an haalatti karaa seeraqabeessaan biyya hambaatti dalagachuu danda’anirratti qooda fudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Filannoon mootummaa inni duraa lammiileen biyya keessatti hojjetanii akka of jijjiiraniidha kan jedhan Obbo Darajjeen; ta’us lammiileen mirga socho’anii hojjechuu waan qabaniif karaa seeraqabeessaan socho’anii akka hojjetaniif mootummaan hojmaatafi caasaa diriirsuusaa dubbataniiru.

Jijjiirrama siyaasaa waggoota jaha dura Itoophiyaatti dhufe hordofee biyyattiin lammiileeshee biyyoota garaagaraa keessatti rakkoolee namoomaatiif saaxilaman dabalatee biyyoota akka Sudaan, Yaman, Omaaniifi biyyoota Baha Fagoo keessa jiran deebisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhan.

Hojii xiyyeeffannoon hojjetameenis Bitootessa bara 2014 hanga Bitootessa 2015tti lammiilee kuma 133 deebisuun akka danda’ame himanii; baranas lammiileen kuma 49 ol kan akka deebi’an ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun hojii lammiilee deebisuu Ebla 04, 2016 jalqabameen guyyoota afur keessatti lammiileen 3,086 kan deebi’an ta’uu eeranii; ji’a Eblaarraa eegalee hanga dhuma bara bajatichaatti namoota kuma 70 ol deebisuuf karoorfamuu eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You