Dhaabbanni ‘RIDE’fi ‘VISA’ kaffaltii geejjibaa dijitaalessuun waliin hojjechuuf waliigaltee taasisan

Finfinnee: Itoophiyaatti tajaajila waamicha geejjibaa kennuun isa jalqabaa kan ta’e Dhaabbanni ‘RIDE’fi dhaabbatni kaffaltii dijitaalaa addunyaa ‘VISA’ waliigaltee daawwattoonni, lammiileen biyya alaa Itoophiyaa keessa jiraataniifi miseensonni hawaasa diyaaspooraa kaffaltii geejjibaa ‘VISA’ fayyadamuun akka raawwatan taasisurratti waliin hojjechuuf waliigaltee raawwatan.

Waliigaltichi daawwattoonni, lammiileen biyya alaa Itoophiyaa keessa jiraataniifi diyaaspooraawwan kaardii ‘VISA’ isaanii fayyadamuudhaan kaffaltii geejjibaa karaa amansiisaafi si’ataa ta’een akka raawwatan kan taasisuudha. Waliigaltechi imaltoonni waa’ee maallaqaafi sharafaa utuu hindhiphatin kaffaltii geejjibaa raawwachuudhaan Itoophiyaatti turtii gaarii akka taasisaniif kan gargaaru ta’uunis himameera.

Hundeessituufi Raawwachiiftuun Hojii Dhaabbata ‘RIDE’ Aadde Saamraawwit Fiqruu akka jedhanitti, Itoophiyaatti tajaajilli waamicha geejjibaa erga jalqabee waggoota 10fi ji’a ja’a ta’eera. Dhaabbatichi yeroo ammaa maamiltoota tajaajila geejjiba ‘Ride’ kennan kuma 85 ol horachuun carraa hojii bal’aa uumeera. Dhaabbatichi magaalota sadii (Finfinnee, Bishooftuufi Adaamaa)tti tajaajila kennaa jiraachuus eeraniiru.

Dhaabbatichi tajaajila kennaa jiru caalaatti si’eessuuf dhaabbata kaffaltii dijitaalaa addunyaa ‘VISA’ waliin waliigaluufi tajaajilicha qaamolee irranatti eeramaniif kennuun ifatti kan jalqabame ta’uus himaniiru. Tajaajilichi sirna kaffaltii geejjibaa dijitaalessuun qarshii baatanii deemuu kan hambisu ta’uus eeraniiru.

Itoophiyaatti Daarektarri ‘VISA’ Obbo Yaared Indaalaa akka jedhanitti, Finfinneen magaalaa dippilomaatota, daawwattootaafi keessummoota simattu waan taateef tajaajila geejjibaa ammayyeessuufi si’ataa taasisuu qabna. Waliigalteen dhaabbata ‘RIDE’fi ‘VISA’ gidduutti taasifames qaamuma kanaati.

Tajaajilli ‘VISA’ erga Itoophiyaatti jalqabamee waggoota 18 kan lakkoofsise ta’uus himanii, ALA bara 2020 as garuu gama tajaajilicha babal’isuutiin sochii bal’aan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbatichi hojii tajaajila ‘VISA’ kana baankota, dhaabbilee maallaqaa biyya keessaafi alaa waliin hojjechaa jira jedhanii, yeroo ammaa kaffaltiin biyyoolessaa kamuu karaa ‘VISA’ raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajilli ‘VISA” kun sirna daddabarsa maallaqaa biyya keessaa gara alaatti alaa gara keessaatti taasifamu mijeessuu, si’ataafi amansiisaa gochuun gumaacha olaanaa qabaachuufi teknolojicha Itoophiyaatti babal’isuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Addunyaarraa biyyoonni 200 ol teknolojicha fayyadamaa jiraachuus himaniiru.

Daarektarri Ittaanaan Inistiitiyutii Artafishaalii Intalajansii Itoophiyaa Doktar Taayyee Girmaa akka jedhanitti, Finfinnee teessoo dippiloomaatotaafi dhaabbilee idiladdunyaa waan taateef tajaajila geejjibaa dijitaalessuun barbaachisaadha. Qaamolee dinagdee dijitaalawaa guddisuurratti hojjetanis ni utubamu.

Ministir De’eetaa Inoveeshiniifi Teknolojii Itoophiyaa Doktar Yashuruun Alamaayyoos gamasaaniin ministeerichi dijitaalaayizeeshinii babal’isuun haala mijataafi tajaajila si’ataa kennuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiin dijitaalaayizeeshinii babal’isuu kanarratti dhaabbileen dhuunfaas bal’inaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You