Amaaraafi Tigraayitti calallii bakka bu’oota marii biyyaalessaaf sochiin taasifamaa jira 

Finfinnee: Naannolee Amaaraafi Tigraayitti namoota ummata bakka bu’uun marii biyyaalessaarratti hirmaatan calaluuf sochiin taasifamaa jiraachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibse.

Komishinarri Komishinichaa Bileen Gabramadiin Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, tibba darbe Wallaggaa arfan, Jimma, Iluu Abbaa Booraa, Shaashamanneefi Harargee lamaanitti calalliin bakka bu’ootaa milkiin xumurameera. Gujiifi Booranatti torbee kana kan xumuramu ta’a.

Calalliin bakka bu’ootaafi ajandaa marii si’aayinaan xumuramee walakkeessa baranaatti mariin akka eegalamu komishinichi irra deddeebiin ibsaa tureera. Ta’us naannolee Amaaraafi Tigraayitti bakka bu’ootni maricharratti hirmaatan hanga ammaatti hincalalamin jiru. Dhimma kana ilaalchisee Komishinar Bileen akka jedhanitti, Amaaraafi Tigraayirraa kan hafe naannolee kaaniitti hojiin calallii bakka bu’ootaa %85 ol xumurameera. Naannolee Amaaraafi Tigraayitti sochiin eegalamus sababa haala nageenyaaf saffisa barbaadameen tarkaanfachuurratti rakkoon jira.

Naannoo Tigraayitti rakkoon nageenyaa jiraachuu baatus naannoo waraana keessa ture waan ta’eef saffisa barbaadameen ummata amansiisanii gara mariitti fiduun yeroo gaafata jedhanii; haala marii kana itti milkeessuun danda’amurratti bulchiinsa yeroo naannichaa waliin mariin taasifamuu dubbataniiru.

Naannoon Amaaraa waraana keessa turuu qofa osoo hintaane ammas naannoo itti rakkoo nageenyaa darbee darbee mul’achaa jiru ta’us yeroo darbe barsiisota 26f leenjiin leenjiftootaa kennamuu eeraniiru. Naannawawwan Oromiyaa rakkoon nageenyaa ittimul’atutti calalliin bakka bu’oota marichaa akka boodatti jedhamee adeemsifame battala haalli mijataan uumametti naannoo kaanittis ta’e naannoo Tigraayitti calallii bakka bu’oota ummataa saffisaan xumuruuf qophii gahaa taasisuu hubachiisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun calalliin bakka bu’ootaa naannoo Sumaalee godinaalee lamatti sababa nageenyaatiin harkifate torbee kana kan xumuramu ta’uu himanii; milkaa’ina marichaafis ta’e nageenya waaraaf hammattummaafi hirmaachisummaan kaayyoo guddaa komishinichaa waan ta’eef qaamoleen qabsoo hidhannoon goolii uumaa jiran hundi gara marii nagaatti akka dhufan waamicha taasisaniiru.

Mootummaa dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi sochii komishinichaaf gama nageenyaatiin haala mijataa uumuuf kutannoo qaban dabaluu qabu jedhanii; haalli mijatnaan filmaata bakka bu’ootaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruu qofa osoo hintaane calalliin ajandaa mariis dhumuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

 

Recommended For You