“Akka nama haadhaafi abbaa dhabeetti osoo gadda keessa jirruu harmi gu’e mirgise, ijji raajii arge, gurri aaga dhagahe” -Obbo Ramadaan Alihajii

Barri 1996 baatii sadaffaan nuuf gadda cimaa ture, boonyee mankaraarree akka nama haadhaafi abbaa dhabeetti imimmaan keenya lakkuu lakkuu ofirra lolaasnee boqonnaa sammuu keenyaa, madda haara galfii, irbaata guyyaa keenyaatu nuharkaa bahe, akka waan harmi haadhaa daa’imman hodhaa jiru jalaa cite sanaatti, watwaataa mankaraarree akka boonyu nugodhe.

Malkaan kaleessa yaada keenya bashannansiisu, bidiruun kaleessa nubaatee danbali’u, tujubni bishaanii nyaata guyyuu keenya nusooraa ture, kan daaknee qaama keenya itti gammachiisnu, kan saawwi dhugee dheebuu itti bahutu goge.

Goguun malkaa kun dachee aarsee yoo bubbeen ka’us namni yoo irra deemus biyyootu ol aara, ija nama sukkuumsisa, asii achi ilaalanii waan qalbiin ofii irra boqotutu dhabama; miira keessas nama galcha. Kanarraa kan ka’e dacheen malkaakoo dhidhimsite afaan banii dubbadhu, waan garaakeetti dhugde dhoosii gadi baasi, jedhee boo’aa mankaraaraa duwaayii gochuun Rabbi tokkicha kadhachaa ture.

Iyyiifi duwaayiin ilmaan Haramaayaa waggoota 17 booda Rabbi biratti dhageettii argatee ijji raajii argee, gurri aaga dhagahuun haadhaafi abbaan du’aniiru jedhamee boo’ameef dhidhima seenan keessaa dhoosanii bahanii taliila lafa guutuun ajab hojii Rabbiif jedhameera.

Dubbistootaa yaadaan masakamtanii dhimmi dubbii kanaa maali isa jedhuuf yaadaafi qalbiin nufaana imalaa jiraachuun keessan hinoolu. Dhugaadha. Dhimmi kun namoota hedduu boochiseera. Imimmaan waggoota 17 ilmaan Haramaayaas haqameera. Haroon haramaayaa daran weellifameef gogee baduusaatiin walleen boo’ichaa ba’eefii ture.

Turtii waggoota kudha torbaa booda garuu sagaleen misiraachoon dhohee bahuun qoonqoo gogee ture jiiseera, qalbii gaddaan liqimfame golgaa gaddaa irraakaaseera, miila imaltuu fagoo deemuuf ka’e hunda asuman jira jedhee iticheera. Haramaayaan nuuf Haadhaafi Abbaa keenya jedhu keessummaan keenya maxxansa kanaa Obbo Ramadaan Aliihajii.

Obbo Ramadaan Haroo Haramaayaarratti hojii qulqullinaafi daawwachiisummaan hojjetaa kan jiraatan yoo ta’u, Haroon Haramaayaa haadhaafi abbaa keenya jedhu.

Gaazexaan Bariisaa wayita hojiif garasitti imaletti Haroon daran weellifameefii waggootaaf gu’ee ture mirgisee ilmaansaa dheebuu baasaa daawwattootaaf soora qalbii ta’aa jiraachuu dhagahee waa’ee Haramaayaa kaleessaafi har’a jedhurratti gaafdeebii Obbo Ramadaan waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.

Bariisaa: Obbo Ramadaan eenyu? Eessatti dhalatanii guddatan?

Obbo Ramadaan: Ramadaan Alihajiin jedhama Godina Harargee Bahaa, Aanaa Haramaayaa, Ganda Haramaayaa 02ttin dhaladhee guddadhe.

Daa’imummaa kiyyarraa kaasee haroo Haramaayaa daakee qaamakoo qabbaneeffachaa, taliilashee dhugee dheebuu bahaa, qurxummii keessashee nyaachaan guddadhe. Ammas asuma, bakka dhalootakoo, qarqara haroo Haramaayaa kana maatiikoo waliin jiraataan jira.

Baraiisaa: Haroon Haramaayaa daran sirbameefii, weellifameefii ture jidduutti gogee ture isiniif maali, akkamittis ibsitu?

Obbo Ramadaan: Haroon Haramaayaa nuuf keessumaa warra as jiraatuuf haadha nudeesse, abbaa nudhalche nyaata guyyuu soora qalbii keenyaati.

Beela’us dheebotus ilmoon abbaafi haadhatti fiiga. Nutis Haramaayaan haadha yoo beelofne beela nubaastu, dheebonnu dheebuu nu baastu harma haadhaati jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Haroon haadhaafi abbaan akkamiin walfakkeeffama? oolmaa haadhaafi abbaan namaf oolan isiniif ooleera jechuudhaa?

Obbo Ramadaan: Eeyyee. Dur dur daa’imummaa kootti wayita lafti bari’u horii yaasee qarqara harichaatti bobbaasuun ofii qurxummii baaseen nyaachaa ture.

Kan nyaatarraa hafemmoo gabaaf dhiyeesseen maallaqa itti argadha. Akkuma haati ilmooshee harma hoosistee beela baastu haroon Haramaayaa anaaf haadha, abbaa ta’ee beelaaf dheebuu nabaasaa tureera. Kanaaf seenaa addaatu nakeessa jira.

Bariisaa: Osoo hingogiin dura Haroo seenaqabeettii Haramaayaaf hedduun weellisaniiru. Guddummaa Haramaayaas lallabuurra darbanii aartiidhaan dhalootaaf kaa’aniiru. Kanneen keessaa walleewwan eenyufaa yaadattu mee?

Obbo Ramadaan: Haloo Daawwee, Alii Birraa, Shantam Shubbisaa, Qamar Yusuuf maqaa dhahuun nidanda’ama. Isaan kunniin muraasa yoo ta’an, Haramaayaan har’a maqaa guddaa qabdu kanaa ol weellifamuufii kan qabuudha.

Bariisaa: Haroon kun yoom goge? Yeroo san maaltu isinitti dhagahame? Miira yeroo sanaa akkamiin ibsitu?

Obbo Ramadaan: ‘Dubbachuuf jedhanii boo’icha jalqaban imimmaan lakkuu lakkuutu fuulasaaniirra yaa’a’. Barri 1996 baatiin sadaffaa nuu guyyaa gadda guddaati. Akka ilmoo harmi haadhaa jalaa gu’eetti, akka ilmoo haadhaafi abbaan jalaa du’eetti harqinee boo’aa gaddaan gaggeessine.

Bariisaa: Maaltu isin boossise?

Obbo Ramadaan: Dhugaan sittima. Yeroo haroon Haramaayaa gogetti irbaata guyyuu keenyatu nu harkaa fudhatame. Madda galii keenyaatu goge. Hiyyuma dinagdeetu gola nuseene. Mana lixnu dhabnee turre. Waanti kana caala na boossisu jiraaree?

Bariisaa: Erga haroon kun gogee maaltu ta’e?

Obbo Ramadaan: Malkaan waggoota 17f dura soora qalbiifi nyaata guyyuu lubbuu hedduu ture gogee dirree oolmaa loonii bakka dheedichaafi kubbaatu irratti taphatama ture.

Bariisaa: Yeroowwan Haramaayaan gogetti akkamiin jiruufi jireenya keessan gaggeessaa turtan?

Obbo Ramadaan: Akkuman irranatti sii kaase haroon Haramaayaa goguusaatiin walqabatee jiraattota naannawichaa qofa miti namoota qurxummii nurra bitanii gurgaraniifillee rakkoo ta’ee ture. Madda galii bu’uura jiruufi jireenya keenyaa ta’ee tajajilaa tureera. Goguusaatiin walqabatee hunduu hojii jijjiiree jireenyasaa fooyyeffachuuf carraaqaa tureera.

Bariisaa:Turtii waggoota 17 booda yeroo haroon goge bakkatti deebi’u maaltu isnitti dhagahame?

Obbo Ramadaan: Miirri gammachuu keenya boo’ichaafi rajeeffannaan kan guutameedha. Ija keenya qofa miti gurra addunyaatu garakeenyatti garagale.

Miirri boo’ichaa nurakkise yoo jiraate haadha keenya duutetu deebi’ee ka’e, abbaa nudhalchetu du’aa ka’e, harma aayyoo keenyaa gu’etu mirgise, qoonqoo gogetu jiidhe. Kanaaf miira boo’ichaatiin guutamnee simanne.

Boo’ichi keenya gammachuu humna olii nutti dhaga’ame sanarraa kan ka’e waan ta’eef yoon guyyaa sana yaadadhu miirakoo to’achuun dadhaba, (‘boo’icha imimmaan lakkuu lakkuun guutameen haasaa jalqabne addaan kutan’).

Bariisaa: Akkuma miirri keessan tuqamee boossan kana weelistoonnis goguu haroo Haramaayaan wallee hiroo (mararsiifannaa) weellisaniiruutii eenyu yaadattumee?

Obbo Ramadaan: Artisti Faaxee Anniyaakaa, maarree daran miidhagsitee weellisteetti. Sagaleesantu dhaga’ame, iyya keessa keenyaatu sagalaa’ee Rabbitti dhagahame. Kanaaf lapheen keenya qabbanaa’e. Dacheen bakka dheedicha looniitti geeddaramee ture ammaan tana soorata qalbiifi nyaata guyyuu uumama lafarraa ta’eera.

Bariisaa: Akkuma dura naa kaastan isin daa’imummaarraa kaastanii qarqara haroo Haramaayaatti guddattanii ammallee achuma jiraachaa jirtuutii maal hojjechaa jirtu?

Obbo Ramadaan: Jiruufi jireenyikoo haroo Haramaayaarratti kan hundaa’edha. Gabaabumatti sii ibsuuf akkuma qurxummiin bishaan malee jiraachuu hindandeenye ani, Ramadaan Alihajiis Haroo Haramaayaatiin ala jiraachuu hindanda’u. Haroon kun madda galiikooti, nyaatakooti, soorqalbiikooti. Akka haadhaafi abbaatti ilmookoo jettee daa’imummaa hanga guddummaatti nasooraa jirti.

Yoo umriin sooramaaf ga’u hojjetaan mootummaa soorama baha. Haroon Haramaayaa garuu umriin osoo nan daangessiin da’imummaa hanga har’aa najiraachisaa waan jirtuuf waa hundaakooti.

Bariisaa: Haroo waggoota 17 gogee ture akka deebi’ee hingogneef eegumsa akkamiitu taasifamaafii jira?

Obbo Ramadaan: Maqaa Waldaa Ramadaaniifi Shariikotasaa jedhamu hundeessuun gurmoofnee qulqullinasaa eegaa; irraas fayyadamaa jirra.

Akka balfi naanawichatti hingatamne, eegumsa cimaafi ittifufiinsa qabu taasisaa jirra. Hawaasni keenyas taatee kanaan duraarraa waan barumsa guddaa argateef akka agartuu ijasaatti kunuunfachaa jira. Nutis abbummaan hordofaa jirra.

Bariisaa: Qarqara Haroo kanaarraa mana jireenyaafi bakka bashannanaa nyaanni qurxummii itti dhiyaatu kun kan eenyuuti?

Obbo Ramadaan: Bakki kun bakkuma kooti. Asumattan dhaladhee guddadhe. Asumaanin asitti hafe. Aniifi haroon Haramaayaa maatii adda hinbaane taaneerra.

Bariisaa: Haroon Haramaayaa carraa hojii hammamii uumeera laata?

Obbo Ramadaan: Walumaagalatti Waldaa Ramadaaniifi Shariikotasaa jedhamu hundeessuun namoota 360 oliif carraa hojii baneera. Carraa hojii baname kanaan kaan qulqullina harichaa eeguu, hojii yabaloon walqabatuufi, daldala qurxummiirratti bobba’anii ofis maamiltootasaaniis fayyadaafi tajaajilaa jiru.

Bariisaa: Jiruufi jireenyisaanii haricharratti kan hundaa’e Obbo Ramadaan maatii hammam of jalaa qabu?

Obbo Ramadaan: Ijoollee torban of jalaa qaba. Anaafi haadha warraa tiyya dabalatee sagali. Hawaasdinagdeen maatiikoo marti galii haroo kanarraa argamuun kan utubameedha.

Ijoolleen kiyya marti barnootarra jiru. Haramaayaan mirgisuunsaa ilmaan kiyya barnootasaanii akka barataan nagargaareera. Ofii barnoota hinqabu. Galiin achirraa argadhuun garuu ijoollee kiyya nama taasisaan jira. Ofiifis irraa fayyadamaan jira. Kunniin hundi bu’aa mirgisuu haroo Haramaayaati yoon jedhe nansaalfachiisu.

Bariisaa: Misoomni qurxummii Haroo Haramaayaa kana keessa jiru olaanaa ta’uutu himamaatii akaakuuwwan qurxummii akkamiitu jira? Guyyaatti hammam gabaaf dhiyeessitu?

Obbo Ramadaan: Ambaazaafi Qorosoofaa maqaa dhahuun nidanda’ama. Lakkoofsaan hedduudha. Dachaan dabalaa jiru. Egaa haroon kun bakkatti deebi’uunsaa qurxummiif haala mijataa uumuun akka dachaan walhoran taasiseera. Guyyaatti qurxummii kiiloogiraama 15 hanga 30 gabaaf dhiyeessaa jirra.

Bariisaa: Hojii yabaltummaarrattis bobba’uu keessan kaastaniittu, kanatti namoonni hammam bashannanaaf fayyadamaa jiru?

Obbo Ramadaan: Akkuma amma agartan kana barattoonni Yunivarsitiiwwan Haramaayaafi Dirree Dhawaa akkasumas daawwattoonni kutaalee biyyattii gara garaarraa dhufanii bashannanu. Seenaa Haroon Haramaayaa qabdu olaanaa waan ta’eef hedduutu dhufa, daawwata, ittibashannana.

Bariisaa: Akkuma argamu kana bidiruun aadaa ittiin yabaltan kun kan mukarraa hojjetame waan ta’eef balaaf nama hinsaxiluu?

Obbo Ramadaan: Wallaahiin siinjedha bidiruudhuma duubatti hafaa kanaan ummata bashaannansiisaa jirra. Kun faalama bishaanii boba’aan mudachuu malu ittisuuf gaarii ta’us bashannanaaf yaaddessaadha.

Hinbeekamu, akka tasaa cabuu danda’a. namni keessatti kufuu danda’a kanaaf bidiruun aadaa kun hammi tokko kan motoraan osoo deeggarame gaariidha. Akka tasaa osoo bidiruun kun cabe ykn namni keessaatti kufee hatattamaan qaqqabuuf dooniin motoraa jiraachuun dirqama. Kun ta’uu dhabuusaatiin gatii kaffalleerra.

Sochii dhuunfaa akka waldaatti qabnuun maallaqa qusachaa jirru guddifannee yoo bitanne malee ammatti humna doonii ammayyaa bitannuun hinqabnu.

Bariisaa: Balaan bidiruurraa kufuu mamiltoota keessan mudate yoo jiraate?

Obbo Ramadaan: Balaan himatee otoo hintaane akka tasaa kan mudatuudha. Nu mudateera, kan du’es jira. Hamma danda’ametti of eeggannoon bashannansiisna. Ta’us yoo walakkaa harootti rakkoon mudate dafnee qaqqabuu dhabuun lubbuun hinuma darba. Dhiyoodhuma kanallee numudatee baraaruu hindandeenye. Balaan tasaa akkanaa akka hafuuf bidiruun motoraa dirqama nubarbaachisa.

Bariisaa: Artistoonniifi abbootiin qabeenyaa haroo kanaaf birmataa jiruu?

Obbo Ramadaan: Kanaan walqabatee ijoollee Haramaayaa biyya alaa jiraniif waamicha dhiyeessuun barbaada. Haramaayaan seenaqabeettiidha. Kana isinis beektu. Jaalalaafi kabaja isheef qabdan kana misoomsuun agarsiisuu qabdu jechuuniin barbaada.

Akkuma loomii shantamni nama tokkoof ba’aadha namoota shantamaaf garuu faaya jedhamu hunduu harkasaa diriirsee misoomsuu qaba.

Haramaayaan haroosheetu jira malee bakka bashannanaa hinqabdu. Loojiin hinjiru. Akkuma Harargee Bahaatti haroo seenaqabeettii taatus misoomsuurratti hirmaannaan diyaaspooraa, artistoota dinagdeen of gahanii hinjiru jechuun nidanda’ama.

Kanaaf koottaa misoomsaa; Haramaayaa soorata qalbiifi jireenyaa uumama dacheerraa taate tana miidhagsuun qalbii addunyaa hawwanna waamicha jedhun qabaaf.

Haroon Haramaayaa kan Haramaayaa qofa otoo hintaane kan Oromoo hundaati. Simboo eenyummaa keenyaafi seenaa dhaloota darbanii kan ittiin ibsinu waan taateef misoomsuun hawwata tuuristii taasisuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Hordoffii Yunivarsitiin Haramaayaa haroo Haramaayaaf taasisu akkamiin ibsitu?

Obbo Ramadaan: Dhugaa dubbachuuf mirgisuu haroo Haramaayaa kanaaf Rabbiin gargaaraa keenya isa guddaa yoo ta’u, tattaaffii Yunivarsitiin Haramaayaa taasisaa jirummoo kan jajjabeeffamuu qabuudha.

Yeroorraa yerootti qorannaafi qo’annaa taasisaa jiru. Teknolojiidhaan deeggaramanii haala harichi itti jiru hordofaa jiru. Kunimmoo kan abdii namatti horuudha.

Eeggannaa taasifamuu qaburratti hojii hubannoo uumuu hawaasa Haramaayaatiif kennaa jiru. Bu’uuruma kanaan nutis eegumsaafi hordoffii taasisaa jirra jechuudha.

Hangi harichaa dabalaamoo hir’isaa jira, naannawaan harichaa qulqullinnisaa eegamaa jiramoo hinjiru? isa jedhu hordofanii karaa saayinsaawaan hojii hojjechuun kunuunsarratti nugargaraa jiru. Kanaafis baay’ee galateeffamuu qabu.

Bariisaa: Misooma ashaaraa magariisaa Yunivarsitii Haramaayaatiin adeemsifamaa tureefi jiru haroo Haramaayaatiif bu’aa akkamii buusaa jira?

Obbo Ramadaan: Misoomni ashaaraa magariisaa qilleensa naannawaa waaltessuu keessatti bakka olaanaa akka qabu dhalootumarraa beekna, kanaafuus biqiltuu dhaabaa turre.

Haata’u garuu misooma ashaaraa magariisaa Yunivarsitii Haramaayaan taasifamaa ture deebi’uu harichaatiif shoora olaanaa gumaachuun dhoksaa hinqabu.

Ummanni keenyas jaalala haroosaatiif qabu qabatamaan dhugoomsuuf hojii misooma ashaaraa magariisaa kana sirriitti gaggeessaa tureera, ammas ittuma jirra.

Bariisaa:Yeroo deeggarsa ogummaafi dhiyeessiiwwan garagaraa kunuunsa harichaaf galtee ta’an gaafattan yunivarsitichi isin deeggaraa?

Obbo Ramadaan: Yunivarsitiin Haramaayaa ogummaan qofa miti hojjettoota hordoffiifi deeggarsa taasisan ramaduun akkasumas dhiyeessiiwwan hojii qulqullinaaf oolan nuu arjoomaa jira.

Bariisaa: Ittifayyadama humnaa olii haricharratti raawwatamuun akka miidhaan hinqaqqabneef hojiin hubannoo uumuu hawaasaaf kennamaa jiraa?

Obbo Ramadaan: Eeyyee. Qulqullinasaa eegsisuu qofa miti ittifayyadamaan walqabatee miidhaan kaleessaa akka nutti hindeebineef nutis abbummaan hawaasa keenya nigorsina, hayyonni yunivarsitiis nu dadammaqsu.

Bariisaa: Balaan goguu kanaan dura haroo Haramaayaa mudate akka deebi’ee hinqaqqabneef deeggarsi Yunivaarsitii Haramaayaa qofti gahaadhaa?

Obbo Ramadaan: Lakki, gahaa miti. Deeggarsi gama mootummaafi yunivarsitiin taasifamu akkuma jirutti ta’ee jaallattoonniifi dhaabbileen gara garaas biyya keessaafi ala jiran dhiyeessiiwwan teknolojiin nu waliin dhaabachuu qabu.

Bariisaa: Akka hanqinaatti wanti ilaaltan jiraa laata, tarii waanti fuulduratti fooyya’uu qaba jettan yoo jiraate?

Obbo Ramadaan: Haroo Haramaayaa misoomsuurratti hojiin hojjetame hinjiru, keessumaa hoteelonni, loojiiwwan, bakkeewwan bashannanaa gara garaa osoo ijaaramanii madda galii guddaa argamsiisuu danda’u.

Bariisaa: Namoonni bashannanuuf dhufan bakka bashannanaa gahaa hinqaban jechuudhaa?

Obbo Ramadaan: Bakki bashannanaa hinjiru. Harichi xiqqoo magaalaarraa hiixuu waan ta’eef namoonni bashannanaaf fagoorraa dhufan tajaajila nyaataa, bashannanaa, bultii naannawaa haricharraa waan hinarganneef rakkoodha.

Loojiiwwan, hoteelonni, kaaffeewwan gahaa osoo ijaaramanii hawwata tuuristii ta’a jedheen yaada. Amma garuu kun ta’uu dhaabuusaatiin namoonni fagoorraa daawwannaaf dhufan muraasa. Kun akka fooyya’uuf galiin haricharraa akka argamuuf yoo yaadame naannawaan harichaa abbootii qabeenyaafi diyaaspooraadhaan misoomuu qaban jedha.

Bariisaa: Balaan darbe akka irra hindeebi’amneef dhaloota ammaarraa maltu eegama?

Obbo Ramadaan: Kunuunsa harichaaf sochii gama mootummaafi yunivarsiitichaan taasifamaa jiru deeggaruun humna qabaniin faana dhaabachuun; miira kankooti jedhuun tikfachuun, qulqullinasaa eeguun dirqaama dhaloota har’aati.

Bariisaa:Turtii nu waliin taasistaniif isin galateeffanna.

Obbo Ramadaan: Isinillee galatoomaa, horaa bulaa!

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You