“Yaadamni haaraan carraawwan qabnu adda baafnee ittifayyadamuun hiyyummaa keessaa ba’uurratti xiyyeeffata” – Obbo Usmaan Surur

Keessummaan Bariisaa torban kanaa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti, Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti, Qindeessaa Damee Qonnaafi Misooma Baadiyyaafi Hogganaa Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Usmaan Sururi. Gaafdeebii dhiyeenya haala qonna waliigalaa naannichaarratti xiyyeeffachuun Obbo Usmaan waliin taasifnee akka armaan gadiitti dhiyeessineera.

Bariisaa: Hojiileen omishaafi omishtummaa qonna naannichaa guddisuuf raawwatamaa jiran akkamitti ibsamu?

Obbo Usmaan: Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa Hagayya 13 bara 2015 hundaa’e. Naannichi erga hundaa’ee as keessumaa dhimmoota nageenyaa, qonnaa, misoomaa, barnootaa, fayyaafi carraa hojii bal’aa uumuu irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Hojiilee gama hundaan naannichatti raawwachuuf karoorfanne milkeessuuf keessumaa dhimma nageenyaaf dursa kenninee irratti hojjechaa jirra. Hojiilee nageenyatti aansinee omishaafi omishtummaa qonna naannichaa guddisuufi kkfirratti xiyyeeffannee guddaa kenninee hojjechaa jirra.

Bakka nageenyi hinjirre misoomni hinjiru. Nageenyi jiraachuun milkaa’ina hojiilee misoomaa hundaati. Nageenyi jiraachuun hojii misooma qonnaatiifis murteessaadha. Omishaafi omishtummaa qonna naannichaa guddisuuf sosochii misooma qonna qindaa’aa adeemsifneerra. Sosochiin misooma qonna qindaa’aa kun dhimmoota bu’uuraa torba of keessaa qaba. Isaanis omisha qonna ganna darbee qisaasama tokko malee walittiqabuu, misooma qonna bonaa, maaddii guutuu, misooma ashaaraa magariisaa, misoomaafi gabaa bunaafi mi’eessituuwwaniifi misoomaafi gabaa hojii gamtaati.

Barana akka naannichaatti lafa heektaara kuma 147 qonna bonaatiin misoomsuun omisha kuntaala miliyoona 33.5 argachuuf karoorfannee hojjetamaa jira. Kana keessaa lafa heektaara kuma 11fi 230 qamadii bonaatiin misoomsuun omisha kuntaala kuma 434 argachuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Hojii maaddii guutuus utuu walirraa hinkutiin adeemsisaa jirra.

Hojii misooma ashaaraa magariisaa bara 2016 milkeessuuf biqiltuuwwan miliyoona 393 baay’isuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Hojiin biqiltuuwwan bara 2015 dhaabaman eeguufi kunuunsuus haala gaariidhaan adeemsifamaa jira. Biqiltuuwwan bara darbe dhaabaman keessaa giddugaleessaan %85 qabataniiru.

Qonna ganna darbeetiin lafa heektaara kuma 532 midhaanota gara garaatiin uwwisuudhaan omisha kuntaala miliyoona 47.1 walittiqabuuf karoorfamee hojjetamaa ture. Omishni kun qisaasama tokko malee qulqullinaan akka walittiqabamu taasifneerra.

Omishni qonna ganna darbee bokkaa yeroo malee roobuun akka hinbanneef sadarkaa naannoo, godinaafi aanaatti sosochii bal’aa adeemsisuudhaan barsiisonni, barattoonni, ogeessonni fayyaa, artistoonni omisha qonnaa sassaabuurrattis ta’e hawaasa kakaasuurratti akka hirmaatan ta’eera.

Naannichi haala qilleensaa baddaa, badda dareefi gammoojjii qaba. Naannawa gammoojjiitti waan midhaan dafee ga’uuf hanga Onkoloolessa bara 2016tti walittiqabamaa ture. Naannawa haala qilleensaa badda dareetti midhaan Sadaasarraa eegalee walittiqabama.

Naannawa baddaatti ammoo Mudderraa eegalee walittiqabama. Barana naannichatti roobni yeroosaa hineegganne midhaan akka hinballeessineef kombaay’inaroota baay’ee Oromiyaarraa kiraadhaan fichisiifnee utuu midhaan hinqisaasa’in qulqullinaan walittiqabneerra.

Raabsi sanyii filatamaa karaa waldaalee hojii gamtaa qonnaan bultoota bira akka ga’an taasifneerra. Omishtootaafi waldaalee hojii gamtaa gidduutti walitti hidhamiinsa gabaa uumuudhaan qonnaan bultoonni daldaltoota seeraan alaan akka hinsaamamneef hojii bal’aa raawwanneerra. Waldaaleen hojii gamtaa omishaalee qonnaa gatii madaala’aan fayyadamtootaaf dhiyeessuudhaan qaala’ina gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Bariisaa: Karoorriifi raawwiin hojii misooma jallisii bonaa maalfakkaata?

Obbo Usmaan: Naannichi lafa bal’aafi lageen guguddoo hidhamanii misooma jallisii bal’aa adeemsisuuf gargaaran hinqabu. Misooma jallisii adeemsisaa kan jirru lageen jallisuufi boolla bishaanii qonnee baasuudhaani. Misooma jallisii kanaan omishaalee gabaarratti barbaadamaniifi gatii guddaa baasan dhiyeessuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Kuduraaleefi fuduraalee kanaan dura naannachatti hinbeekamnes omishnee gabaaf dhiyeessaa jirra. Hojiin qonna jallisii kun qaala’ina jireenyaa tasgabbeessuurra darbee carraa hojii bal’aa uumuu keessattillee gumaacha guddaa taasisaa jira.

Qonna jallisii bona baranaatiin lafa heektaara kuma 110 ol kuduraaleefi fuduraalee gara garaatiin uwwisuudhaan hanga ammaatti lafa heektaara kuma 80 ol irraa omisha walittiqabuun danda’ameera. Omishni kun qaala’ina gatii gabaa yeroo gabaabaa keessatti gad buuseera.

Naannichatti gatiin shunkurtii ji’a tokko dura qarshii 180 ture yeroo ammaa qarshii 60-70tti, timaatimiin qarshii 100n gurguramaa ture ammoo qarshii 15-20n gurguramaa jira. Omishini kun gatii gabaa naannichaas ta’e biyyaa tasgabbeessuuf shoora guddaa taphachaa jira.

Bariisaa: Hojiileen sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ milkeessuuf raawwatamaniifi bu’aaleen argamaa jiran akkamitti ibsamu?

Obbo Usmaan: Sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ milkeessuuf dura sosochii ummataa taasisuudhaan gara hojiitti seenne. Horsiisi lukkuu, kanniisaa, loowwan aannanii sagantaa ‘Maaddii Guutuu’n adeemsifaman yeroo gabaabaa keessatti bu’aa olaanaa kennaa jiru. Ji’oota torba darbanitti wiciiwwan guyyaa tokkoofi guyyaa 45 miliyoona 4.5 ol raabsuun danda’ameera. Fedhiifi dhiyeessi gama kanaan jiru dabalaa jira. Hojiin kun dargaggoota waldaadhaan gurmaa’an hedduu hirmaachisuudhaan raawwatamaa jira.

Sagantaa Maaddii Guutuutiin kana milkeessuuf inisheetiivota gara garaa baafnee hojiirra oolchaa jirra. Lukkuurratti inisheetiivii 5, 10, 25 jedhu hojiirra oolchaa jirra. Inisheetiivii kanaan maatiin tokko waggaa duraa lukkuuwwan shan, bara ittaanu lukkuuwwan 10, waggaa sadaffaatti ammoo lukkuuwwan 25 akka qabaatu kan taasisuudha.

Inisheetiivii kanaan maatiin lukkuu hinqabne hinjiraatu. Maatiin buuphaa lukkuuwwan buusan nyaachuurra darbee galii dabalataa argachuun lukkuurraa gara re’ootaafi hoolota horsiisuutti ce’uu danda’u. Horsiisa re’ootaafi hoolotaarraa ammoo gara loowwan horsiisuutti ce’uun jiruufi jireenyasaanii fooyyeffachuu danda’u. Horsiisi lukkuu horsiisa re’ootaa, hoolotaafi loowwaniif bu’uura.

Sagantaa Maddii Guutuu kanaan hojiin horsiisa kanniisaas bal’inaan adeemsifamaa jira. Inisheetiivii horsiisa kanniisaatiin maatiin tokko yoo xiqqaate gaagura aadaa torbaafi ammayyaa sadii kan qabaatu ta’a. Maatiin tokko omisha dammaa gaagurawwan kunneen keessaa argatu gurguruudhaan gaagurawwan ammayyaa’oo biroo dabalachuu danda’a. Gaagurri ammayyaa tokko qarshii kuma shanii hanga ja’aatti gurguramaa jira. Dargaggoota gurmeessuudhaan mandara horsiisa kanniisaa, lukkuufi loowwan aannanii akkasumas fuduraalee gara garaa ni qabna.

Omisha fuduraaleetiin walqabatee inisheetiivii 30, 40, 30 hojiirra oolchaa jirra. Inisheetiiviin kun maatiin tokko waggaa jalqabaa fuduraalee akka maangoo, appilii, avokaadoo, paappayyaafi muuzii 30, bara lammaffaatti 40, waggaa sadaffaatti 30 waggoota sadii keessatti fuduraalee 100 akka qabaatu kan taasisuudha. Biqiltuuwwan fuduraalee sanyii fooyya’aa haala qilleensa baddaa, badda dareefi gammoojjiitti ta’anis adda bahanii qophaa’aniiru.

Dhaabbileen mootummaafi hawaasummaa ammoo biqiltuuwwan fuduraalee gara garaa 100 hanga kuma 10tti fudhatanii akka dhaaban taasifamaa jira. Dhaabbilee mootummaa kanneen akka mana barnootaa, buufataalee fayyaafi wiirtuu leenjii qonnaan bultootaa yoo ta’an, dhaabbileen hawaasummaa kanneen akka masgiidotaafi bataskaanotaa lafa bal’aa qabu.

Dhaabbileen kunneen tokko tokkoonsaanii utuu fuduraalee kuma 10 qabaatanii fakkeenyaaf biqilaa avokaadoo tokkorraa yoo xiqqaate waggaatti omisha qarshii kuma 20-30 baasutu argama. Masgiidonniifi bataskaanonni fuduraalee kuma 10 qaban ummata gargaaru malee ummatarraa gargaarsa hineeggatan. Aanaa tokko keessa masgiidonniifi bataskaanonni 20 kan jiran yoo ta’eefi fuduraalee kunneen dhaabanii kan qaban yoo ta’e galii achirraa argataniin namoota harkaqal’eeyyii hedduu gargaaruurra darbanii carraa hojii bal’aa uumuu danda’u.

Hojiin kun wabii nyaataa mirkaneessuu, sirna nyaataa fooyyessuu, galii argamsiisuu, qaala’ina gatii tasgabbeessuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira. Akkasumas galtee industirii ta’uun omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuurratti xiyyeeffachuun raawwatamaa jira.

Bara darbe guyyaa tokkotti mooraa Yunivarsitii Sooddoo keessa biqilaa avokaadoo kuma 10 dhaabneerra. Boodarra yunivarsitichi biqilaa avokaadoo kuma shan dabaluun waggaa tokko keessa biqilaa avokaadoo kuma 15 dhaabeera. Hojii kana yunivarsitonniifi manneen barnootaa keenya hunda keessatti babal’isuuf hojjechaa jirra.

Qonnaan bultoonni keenya lafa xiqqaarratti qonna qindaa’aa adeemsisuudhaan omisha guddaa akka argatan taasisuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Qonnaan bulaan keenya qe’eesaatii kuduraaleefi fuduraalee gara garaa akka qabaatu akkasumas lukkuu, looniifi kanniisa horsiisuurratti akka hirmaatu taasisaa jirra.

Hojiin kun yeroo gabaabaa keessatti jiruufi jireenya qonnaan bulaa keenyaa qabatamaan jijjiiraa jira. Maatiiwwan baay’een kanaan dura sagantaa seeftineetiitiin gargaaramaa turan yeroo ammaa gargaarsa jalaa bahanii of danda’anii maatiisaanii bulchaa jiru. Qonnaan bultoonni keenya naannawaa Simbixxaa jiraatan waggaa lama dura gargaarsa mootummaa naannoofi federaalaa eeggatan yeroo ammaa muuzii dabalatee fuduraaleefi kuduraalee gara garaa dhaabanii nyaatarra darbanii gurguranii galii argachuun ittifayyadamaa jiru.

Inisheetiiviin 30, 40, 30 jedhu hojiirra oolchuudhaan bu’aa guddaa argamsiisaa jira. Inisheetiiviin kun qonnaan bulaan wabii midhaan nyaataa akka mirkaneeffatu taasisuurra darbee galii dabalataa akka argatee jiruufi jireenyasaa akka fooyyeffatu taasisaa jira. Muuzii qonnaan bultoonni bara 2014 inisheetiivii kanaan dhaaban yeroo ammaa waggaa guutuu omisha guddaa kennaa jira. Sochiin qonna naannichaa akka waliigalaatti haala gaariirratti argama.

Bariisaa: Naannichi omisha warqeetiin beekama. Omishaafi omishtummaa warqee (qaachoo) kana guddisuuf maal hojjechaa jirtu?

Obbo Usmaan: Omishaafi omishtummaa warqee guddisuuf sosochii taassisuudhaan hojii omisha kana babal’isuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Qaachoon abdii sirna nyaata naannichaa qofa utuu hintaane kan biyyattii akka ta’uuf irratti hojjechaa jirra. Omisha qaachoo babal’isuu, nyaata omishicharra argamu qindeessuufi dhibee omisha kana miidhu ittisuurratti xiyyeeffannee yunivarsitoota waliin hojjechaa jirra.

Omishasaa qindeessuun daakuutti jijjiirree gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessuuf hojjechaa jirra. Barana biqilaa qaachoo miliyoona 84 karoorfachuun miliyoona 87 raabsineerra. Warqeen waan ongee dandammatuuf omisha kana keessumaa naannawa gammoojjiitti babal’isuuf hojjechaa jirra.

Omishasaarraa waanti gatamu tokkollee hinjiru. Nyaata namaa, beelladootaafi gabbina biyyeef daran barbaachisaadha. Waa’een qaachoo wantoonni hinqoratamne hedduutu jiru. Nyaatawwan xaafii, qamadii, garbuu, boqqolloofi ruuziirraa tolfaman guyyaa sadii booda nibadu.

Nyaatni warqeerraa tolfamu garuu hanga ji’a tokkoofi isaa ol yoo tureyyuu hinbadu. Omishasaa babal’isuuf bara dhufu biqilaa miliyoona 1.5 qopheessinee raabsuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Hojiileen kunneen yaadama haaraarraa maddan. Yaadamni haaraan carraawan qabnu adda baafnee ittifayyadamuun hiyyummaa keessaa ba’uurraatti xiyyeeffata.

Hojiileen sagantaa maaddii guutuu, ashaaraa, magariisaa, qonna bonaa naannichatti raawwatamaniin bu’aawwan guguddoon jiruufi jireenya qonnaan bultootaa fooyyessan galmaa’aa jiru. Kanaan dura Itoophiyaan baay’ina horii gaanfaatiin Afrikaarraa sadarkaa 1ffaa, addunyaarraa ammoo sadarkaa 6ffaarratti argamti.

Bu’aa qabeenya kanarraa argattuun garuu duubatti argamti. Yaadota haaraa jijjiiramni dhale keessaa sagantaan maaddii guutuu hojiirra oolchuudhaan bu’aa olaanaan argamaa jira. Sagantaa maaddii guutuu hojiirra oolchuun wabii nyaata maatii mirkaneessuurra darbee madda galii jiruuf jireenya maatii jijjiiru ta’ee tajaajilaa jira.

Bariisaa: Omishni bunaafi mi’eessituuwwanii naannichatti maal fakkaata?

Obbo Usmaan: Kanaan dura omishni bunaa naannichatti baay’ee hinbeekamu ture. Waggoota sadan darbanii as omisha bunaa naannichatti babal’isuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf uwwisa bunaa babal’isuu, biqilaa bunaa jiru eeguufi kunuunsuu, buna dulloome muruun haaraan akka margu ykn buqqisnee haaraa dhaabuufi biqilaa bunaa haaraa dhaabuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Barana biqilaa bunaa miliyoona 52 qopheessaa jirra. Barana uwwisa bunaa lafa heektaara kuma 146 irra jiru gara lafa heektaara kuma 165tti guddisuuf tattaafachaa jirra.

Naannichi omisha mi’eessituuwwaniif mijataadha. Mi’eessituuwwan kanneen akka barbaree, jijimbilaa, dimbilaalaa, roozmarii omishaa jirra. Omisha roozmarii bifa haaraadhaan omishuudhaan gara biyya alaatti erguuf hojjechaa jirra.

Ji’oota ja’an darban omisha roozmarii naannawaa Silxeetti omishame biyya alaatti erguudhaan sharafa alaa doolaara miliyoona 3.8 argachuu dandeenyeerra. Omisha roozmarii gara Guraagee, Hadiyyaa, Kambaataafi Halaabaatti babal’isuuf hojjechaa jirra. Roozmariin dhibee, hongeefi biyyee asiidawaa waan dandammatuuf naannawaa hanqinni roobaa jirutti omisha guddaa kenna. Guraageetti lafti heektaara kuma lama roozmariidhaan misoomeera. Mi’eessituuwwan biroo lafa xiqqaarratti omisha guddaa kennaniifi sharafa alaa argamsiisan biroo omishuurrattis xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Bariisaa: Hojii lafa baargamoon irra jiru ciranii kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu naannichatti bal’inaan adeemsifamaa jiruu bu’aa akkamii argamsiisaa jira?

Obbo Usmaan: Hojiin lafa baargamoon irra jiru ciranii kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu naannoo keenyatti bal’inaan adeemsifamaa jira. Hojiin kun Silxee bahaa naannawaa Haroo Silxeetti bal’inaan adeemsifameera. Hojii kana milkeessuuf qonnaan bultoota mari’achiifnee amansiisuufi hubachiisuun raawwachaa jirra. Qonnaan bultoonni naannawaa Haroo Silxee Adoolessa 22 bara 2014 lafa heektaara 25 baargamoon waggaa soddomaa oliif irra ture ciranii biqilaa muuzii Arbaamincii fidanii kilaastaraan dhaabaniiru. Muuziin dhaabbate kun yeroo ammaa waggaa guutuu omisha kennaa jira.

Lafti meetir iskuweeriin tokko yoo baay’ate baargamoo hundee lama qabata. Baargamoon kun waggaa shanii hanga saddeetii keessatti ga’a. Baargamoon lafa meetir iskuweerii tokkorra dhaabame kun yeroo ga’u qarshii 140-150tti gurgurama. Yoo baay’ate hanga qarshii 200tti gurgurama.

Muuziin lafa meetir iskuweerii tokkorra dhaabamu tokko damee waggaatti biqiltuu muuzii 10-14tti dhala. Biqiltuun dhala muuzii kun tokkoonshee yoo xiqqaate qarshii 30tti gurgurama. Biqiltuu muuzii haadhoon dhale keessaa saddeet yoo gurgurre qarshii 240 arganna. Waggaa keessatti biqiltuu dhala muuzii kana yeroo lama kaasuu dandeenya. Muuzii haadhoo tokko lafa meetir iskuweerii tokkorra dhaabuudhaan waggaa keessatti biqiltuu muuziin haadhoo sun dhale qofa gurguruudhaan qarshii 500 argachuu dandeenya. Kanarraa ka’uudhan lafa baargamoon irra jiru bal’inaan cirree kuduraaleefi muduraalee gara garaatiin bakka buusaa jirra. Hojiin kun Guraagee, Silxeefi Halaabaatti bal’inaan adeemsifamaa jira.

Baargamoonis nu barbaachisa. Garuu eessa dhaabuu akka qabnuufi faayidaafi miidhaa inni qabus adda baafnee beekuu qabna. Baargamoon lafaafi madda bishaanii waan gogsuuf naannawaa bishaaniis ta’e lafa qonnaa dhaabuu hinqabnu. Bakka baargamoon jiru biqilaa biraan hinjiraatu. Lafa baargamoon irra jiru ciranii gabbisuunillee yeroo dheeraa fudhata. Baargamoo cirree kuduraaleefi fuduraaleen bakka buusaa kan jirru baargamoo jibbinee utuu hintaane miidhaa inni dinagdeerrattis ta’e qabeenya biyyeefi bishaaniirratti fidu ilaalleeti. Miidhaa baargamoon fidu hir’isuu qofa utuu hintaane dhabamsiisuun barbaachisaadha. Hojiin qonna qindaa’aa naannoo keenyatti raawwatamaa jiru bu’aa guddaa argamsiisaa jira.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaa arfaasaafi ganna baranaa guddisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Usmaan: Omishaafi omishtummaa qonna arfaasaafi ganna baranaa guddisuuf naannawaan boqqolloo, bisingaafi daagujjaan bal’inaan itti omishamutti kuduraaleen gara garaa akka omishamu taasisaa jirra.

Lafa heektaara tokkorraa yoo baay’ate boqqolloo kuntaala 80tu argama. Dinnicha yoo dhaabne lafa heektaara tokkorraa yoo xiqqaate kuntaala 350 arganna. Gatiin boqqolloo kuntaala 80 gurgurree argannuufi dinnicha kuntaala 350 gurgurree argannus walitti hindhufu.

Lafa arfaasaa baranaan misoomsuuf karoorfanne keessaa lafa heektaara kuma 103 kuduraalee gara garaan uwwisuun omisha kuntaala miliyoona 26 argachuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Lafa kanarra boqqolloo, daagujjaafi bisingaa utuu facaafnee callaa kuntaala kuma 500 ol hinargannu. Qonnaan bultoonni faayidaa kuduraalee omishuun qabu akka hubataniif hojii ittifufiinsa qabu hojjechaa jirra.

Sanyiiwwaniifi biqiltuuwwan qorrannoon ba’an fayyadamuunis omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Dhaabbanni qorannoo qonnaa ‘Joytach’ Bishooftuutti argamu sanyii filatamaafi biqiltuuwwan omisha olaanaa kennan qorannoon baasee dhiyeessuun hojii guddaa raawwachaa jira.

Bariisaa: Dhiyeessaafi raabsa xaa’oofi sanyii filatamaan walqabatee qophiin qonna arfaasaa baranaa maal fakkaata?

Obbo Usmaan : Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti qona arfaasaa baranaaf Amajjiirraa kaasee qophii gahaan taasifamaa tureera. Dhiyeessaafi raabsa xaa’oorrattis hordoffii cimaa taasisaa jirra. Yeroo qophii qonna arfaasaa kana keessatti hojiin misooma sululaa, biyyee asiidawaa gabbisuufi biqiltuuwwan waqtii arfaasaa dhaabaman qopheessuu bal’aan raawwatameera.

Naannichatti qonna arfaasaa baranaatiin lafa heektaara kuma 392 akaakuuwwan midhaan gara garaatiin uwwisuun omisha kuntaala miliyoona 49.9 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Dabalataan lafa heektaara kuma103 kuduraalee garagaraatiin uwwisuudhaan omisha kuntaala miliyoona 22.9 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Omishaafi omishtummaa argachuuf karoorfame milkeessuuf lafti bal’aan tiraaktaraan qotamee kilaastaraan akka faca’u taasisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Hanqina tiraaktaraa furuuf Oromiyaarra tiraaktara kiraadhaan fidnee ittifayyadamaa jirra.

Rakkoo dhiyeessa xaa’oon walqabatee bara darbe mudatee ture furuuf mootummaan federaalaa barana xaa’oon yeroodhaan bitamee gara biyyaa galee qonnaan bultoota bira dafee akka ga’u taasiseera Yeroo ammaa xaa’oon %55 naannicha qaqqabeera. Bara darbe yeroo walfakkaatuu xaa’oon naannicha qaqqabe %25 qofa ture.

Naannichatti xaa’oo seeraan ala socho’u to’achuuf qajeelfamni bahee hojiirra oolaa jira. Xaa’oon seeraan ala socho’u yoo jiraate mootummaadhaan dhaalama. Gareen kana hordofuufi to’atus hundaa’eera.

Xaa’oo biyya alaatii bitee kan galchuufi kan raabsu mootummaa qofaadha. Xaa’oon kan raabsamu ammoo karaa waldaa hojii gamtaatiini. Kanaan ala qaamni kamiyyuu xaa’oo raabsuufi sochoosuu hindanda’u. Xaa’oon seeraan ala socho’u yoo jiraate mootummaadhaan dhaalama.

Namni xaa’oo seeraan ala socho’u argee eeruu kenne gatii xaa’oon sun gurguramee argamsiisu keessaa %20, kan qabe %20, sakatta’uun yoo barbaachise ammoo kan sakatta’e %10 kan argatu yoo ta’u, kan hafe ammoo caasaa mootummaa magaalaa, aanaafi godinichaa xaa’oo seeraan ala socho’u qabetu fudhata.

Muudamtoota mootummaa xaa’oo seeraan ala raabsamu keessaa harka qabanirratti tarkaanfii siyaasaafi seeraatu fudhatama. Ogeesota qonnaa yoo ta’an ammoo tarkaanfii bulchiinsaafi seeraatu irratti fudhatama. Daldaltoota seeraan ala xaa’oo sochoosanirratti ammoo tarkaanfii seeraatu fudhatama. Hordoffiifi to’annoo taasifamaa jiruun naannichatti raabsi xaa’oo haala gaariirra jira.

Bariisaa: Rakkoo daandiifi walittihidhamiinsa gabaa furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Usmaan: Misoomni yeroo babal’ataa deemu fedhiin dabalaa deema. Omishaafi omishtummaan qonnaan bultootaa gara gabaatti fiduuf daandiin jiraachuun dirqama. Gaaffii qonnaan bultoonni kaasaa jiranis sirriifi deebi’uu kan qabuudha. Galteewwan qonnaa qonnaan bultoota biraan ga’uufi omishaalee qonnaa gara gabaatti fiduuf daandiin bonaafi ganna tajaajilu jiraachuun dirqama. Mootummaan naannichaas ta’e federaalaa gaaffii ijaarsa daandii kana deebisuuf hojjechaa jiru.

Rakkoo walittihidhamiinsa gabaa furuuf bakkeewwan gara garaatti hojiin walitti hidhamiinsa gabaa uumuu bal’inaan raawwatamaa jira. Dargaggoonni gurmaa’anii hojii omisha qonnaa qindeessuurratti akka hirmaatan taasisuufis hojjetamaa jira. Hojiin aannan qindeessuu dhiyeenyatti Kambaataatti ni jalqaba. Hojii qindeessa aannanii kana Buttaajiraa, Walqixxeefi Waraabeettis babal’isuuf hojjechaa jirra.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuuf kennitaniif guddaa galatoomaa.

Obbo Usmaan: Hojii nuti hojjechaa jirru qaamaan argamtanii ilaaluun gaafdeebii kana na waliin taasisuu keessaniif isinis baay’ee galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You